Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:06

[1] Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha’a; analle’etti dhugeeffadha’a!

[2] Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto’oo heddu’utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu.

[3] Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi’ee dhufee isin fudhadha.

[4] Karaa addee ani dhaqaaru geessu san isin hin beettan» jedhe.

[5] Toomaas isaan, «Gootta’a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?» jedhe.

[6] Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga’aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba’aa hin dhufu.

[7] Adoo ana beettanee jiraattanee Abbaa kiyyalle hin beettaniiyyu. Ammaan jalqaddanee isa hin beettan, isalle dhaggitaneertan» jedheen.

[8] Filiphoos isaan, «Gootta’a, Abbaa nu’utti mudhisi; sun nu geetti» jedheen.

[9] Yesuus deebisee, «Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee’eera; Filiphoos! Ati haga ammaa ana hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‹Abbaa nu’utti mudhisi› jetta ree?

[10] Filiphoos! Akka ani Abba’aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, ana keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja.

[11] Ani Abba’aan, Abbaalle anaan akka jiru yennaa ani dubbadhe ana dhugeeffadha’a. Yookiin sababa waan Ani hujeetiif anatti dhugeeffadha’a.

[12] Ani dhugaa isinitti hima: Nami anatti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba’aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja.

[13] Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan kadhattane mara, ani hin godha.

[14] Waan mara maqaa kiyyaan yoo ana kadhattane, ani hin godha.

[15] Yesuus deebisee, «Isin yoo ana jaallattane, ajaja kiyya hin eeggattan.

[16] Ani Abbaa hin kadhadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna.

[17] Inni Ayyaana dhuga’aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan.

[18] «Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.

[19] Yennaa diqqo’oon duuba biyyi lafaa deebitee ana hin dhaggitu; isin ammoo ana hin dhaggitan; ani jiraataa waan te’eef, isinille hin jiraattan.

[20] Ani Abbaa kiyyaan, isin anaan, anille isiniin akka jiru, guyyaa san hin beettan.

[21] «Nami na jaallatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaallatu hin jaallata; anille isa hin jaalladha, ifille isatti hin mudhisa» jedhe.

[22] Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te’in, Yihudaan dhibiin, «Gootta’a, biyya lafaatitti adoo hin te’in, attamiin nu’utti ifi mudhitta?» jedhe.

[23] Yesuus deebisee, «Nami ana jaallatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaallata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena.

[24] Nami ana hin jaallanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti.

[25] «Ani amma adoo isin woliin jiruu tana isinitti himeera.

[26] Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaassisa.

[27] «Nageya isin bira keya; nageeya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille’e.

[28] ‹Ani deemaara, ammoo deebi’ee gara keessan hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo ana jaallattanu teetee, Abbaan ana waan caaluuf, gara Abba’aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu.

[29] Tun yennaa teete akka dhugeeffattanuuf, duraan dursee adoo tun mara hin te’in, amma isinitti himeera.

[30] Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni ana irratti hunna hin qabu;

[31] ammoo akka ani Abbaa jaalladhu biyyi lafaa akka beettuuf, waan Abbaan na ajaje mara huja; ka’aa me addee tanaa deennaa» jedhe.

Yohaannis — Chapters