Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:18

[1] Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba’aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te’ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme’eetittille isaan jaalate.

[2] Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera.

[3] Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke.

[4] Maarre inni irbaata irraa ka’ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate.

[5] Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe.

[6] Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, «Gootta’a, sitti miila kiyya dhiqaa?» jedheen.

[7] Yesuus isaan, «Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta» jedhe.

[8] Pheexroos deebisee, «Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!» jedheen. Yesuus deebisee, «Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu» jedheen.

[9] Simoon Pheexroos deebisee, «Gootta’a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!» jedheen.

[10] Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te’eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu’u; te’uu malee, isin marti qulqullu’uu moti» jedheen.

[11] Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, «Isin marti qulqullu’uu moti» jedhe.

[12] Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi’ee tee’ee, «Waan ani isinii godhe hubattanee?

[13] ‹Barsiisa’a, Goottaalle› jettanee ana waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san.

[14] Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila kessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan.

[15] Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te’eera.

[16] Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu.

[17] Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane.»

[18] «Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‹Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee anatti ka’e!› jedhu muummawuu qaba.

[19] Yennaa inni muummoye, isin akka Ani Isa te’e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te’in dura amma ani tana isinitti hima.

[20] Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu ana fudhata; nami ana fudhatulle ka ana erge fudhata» isaaniin jedhe.

[21] Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada ifiitiin rakkatee, «Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee ana hin kenna» jedhee ifa tolchee dubbate.

[22] Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane.

[23] Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee’eeraayyu.

[24] Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, «Maroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu» jedheen.

[25] Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, «Gootta’a, eennu inni?» jedhee gaafate.

[26] Yesuus deebisee, «Ka ani cassaa dabbo’oo tana unata keessa cuuphee tuuqachiisu isa» jedheen; maarre inni cassaa daabbo’oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise.

[27] Yihudaan akkuma cassaa daabbo’oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, «Waan hujaartu dafii huji!» jedheen.

[28] Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru.

[29] Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi’iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane.

[30] Yihudaan cassaa daabbo’oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan.

[31] Yihudaan gad bayeen duuba, Yesuus, «Ilmi Namaa amma ulfaateera; Waaqille isaan ulfaateera.

[32] Waaqi isaan yoo ulfaate, Waaqille isa hin ulfeessa; ariifateelle isa hin ulfeessa.

[33] Ijoollee tiyya, ani yennaa guddoo isin woliin hin jiraadhu. Isin ana barbaadu’uuf jirtan; ani ammoo, ‹Addee ani dhaqiisatti jiru isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedhee waanuma Yihudoota baallii qabanutti hime amma isinitti hima.

[34] Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha’a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a.

[35] Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.

[36] Simoon Pheexroos, «Gootta’a, eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, «Addee ani dhaqaaru amma ana hordottee hin dandeettu; duuba ammoo ana hin hordotta» jedheen.

[37] Pheexroos, «Gootta’a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si’iif dabarsee hin kenna» jedheen.

[38] Yesuus deebisee, «Ati dhugumaan lubbuu teeti anaaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedheen.

Yohaannis — Chapters