[1] Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le’u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi’ii Maartaan le’anu.
[2] Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta’aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi’ii ti.
[3] Obboleettoti Alaazarii: «Gootta’a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane.
[4] Yesuus yennaa tana dhage’e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du’ee akka hafuufii moti» jedhe.
[5] Yesuus Maartaa, obboleettii isi’ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu.
[6] Akka Alaazar dhibame dhage’ulle, addee jiru san guyyaa lama oole.
[7] Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda’aa deebinee dhandha» jedhe.
[8] Barattooti isaan, «Barsiisa’a, dhiyoo tana Yihudooti dhaka’aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen.
[9] Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko sa’aatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya’aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu.
[10] Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe.
[11] Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe.
[12] Barattooti isaa deebisanee, «Gootta’a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane.
[13] Yesuus akka Alaazar du’eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane.
[14] Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du’eera;
[15] ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka’aa gara isaa dhandhaa!» isaaniin jedhe.
[16] Toomasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi’iin, «Kowaa mee nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe.
[17] Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te’e dhagge.
[18] Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetrii sadii fagaatti;
[19] Yihudooti hedduun maarta’aa fi Maariyaam marroo du’a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran.
[20] Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte.
[21] Maartaan Yesuusiin, «Gootta’a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du’uuyyu!
[22] Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette.
[23] Yesuus, isi’iin, «Obboleessi keeti du’aa hin ka’a» jedhe.
[24] Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme’ee yennaa du’aa ka’iisaa, akka inni du’aa ka’u ani hin beeka» jette.
[25] Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka anatti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a;
[26] Ka jiru’uun le’uu fi anatti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
[27] Isiin, «Ee Gootta’a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen.
[28] Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, «Barsiisaan as jira, si’ille waamiisatti jira» jetteen.
[29] Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe.
[30] Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu.
[31] Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka’ane.
[32] Maariyaamiin addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, «Gootta’a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du’u» jetteen.
[33] Yesuus booyiisa isi’iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka booyiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee,
[34] «Eessatti awwaaltane?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Gootta’a, koyii ilaali» jedhanee deebisane.
[35] Yesuus booye.
[36] Yihudooti, «Attam akka inni isa jaalate ilaala’a!» jette.
[37] Isaan keessaa gariin ammoo, «Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande’uuyyuu?» jedhane.
[38] Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru.
[39] Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa’a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du’ee, «Gootta’a, inni haga du’ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen.
[40] Yesuus isi’iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe.
[41] Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba’a, waan na dhageetteef, si galateeffadha.
[42] Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe.
[43] Tana jedheen duuba, Yesuus, «Alaazar, as bayi!» jedhee qoonqoo guddo’oon waame.
[44] Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya’aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika’aatii lakkisa’a, deemuutii» isaaniin jedhe.
[45] Yihudoota gara Maariyaamii dhufaneeranu keessaa hedduun waan Yesuus huje dhagganee, isatti dhugeeffatane.
[46] Isaan keessaa gariin ammoo gara Fariisaayotaa dhaqanee waan Yesuus huje itti himane.
[47] Maarre moototi hayyootatii fi Fariisaayoti kora murti’ii waamanee, «Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala’a! Maan goona?
[48] Akkanumaan yoo isa lakkinne, nami maraa isatti hin dhugeeffata; worri Rooma’aalle dhufee Galma Waaqaa keennaa fi kolbaa teenna hin balleessa» jedhane.
[49] Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te’eeru, «Isin ijjumaa wo hin beettanu;
[50] kolbaan duudiin badu’uu mannaa, nami tokko kolba’aaf du’uun isiniif woyya; isin ijjumaa tana hin hubattannuu?» isaaniin jedhe.
[51] Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te’eef, Yesuus kolbaa Yihudi’iitiif akka du’aaru raage.
[52] Isaan qofaaf adoo hin te’in, kolbaa Waaqaa ta bittinnootte maralle wolitti rariisaaf du’a.
[53] Guyyaa sanii jalqabanee Yihudooti baallii qabanu Yesuus ijjeesiisaaf mala dhowane.
[54] Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efireem jedhamuu, ka goomole’een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule.
[55] Yennaan Jila Irra Dabarama Yihudootaa dhikaateertiiyyu; biyya keessaa namooti hedduun jilaan dura akka aadaa dhugeeffannaa isaaniititti ifi qulqulleesu’uuf gara Yerusaalemii ol bayane.
[56] Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, «Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?» jedhanee wol gaafatane.
[57] Moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande’anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran.