[1] Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuuda’aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiila keessa deddeebi’e malee, Yihudaa keessa deddeebi’uu hin barbaanne.
[2] Jilti Yihudootaa ta jila Gose’ee jedhantu dhikaarteertuun,
[3] obboleeyyan Yesuusii isaan, «Barattooti teeti hujii ati hujiisatti jirtu akka dhagganu, addee tana lakkisii gara lafa Yihuda’aa deemi.
[4] Eennulle guddoo beekkamuu yoo barbaade, waan hujatiisatti jiru hin dhossu. Ati hujii tana eega hujjee, biyya lafaatitti ifi mudhisi» jedhaneen.
[5] Obboleeyyan isaatuu isatti hin dhugeeffane.
[6] Yesuus isaaniin, «Yennaan tiyya ta anaaf teetu ammalle hin geenne. Yennaan martinuu isiniif ta teetu.
[7] Biyyi lafaa isin jibbiisa hin dandeettu; ani ammoo hujiin isi’ii badduu akka teete waan himiisatti jiruuf na jibbiti.
[8] Isin gara jilaa dhaqa’a. Yennaan anaaf teetu waan hin geyiniif, ani gara jila tanaa hin dhaqu» jedhe.
[9] Inni tana jedheen duuba lafa Galiila’aatitti hafe.
[10] Obboleeyyan isaa gara jilaa deemaneeranuun duuba, Yesuusille mudhi’iin adoo hin te’in dhokaataan dhaqe.
[11] Jila irratti Yihudooti baallii qabanu isa barbaadanee, «Inni eessa jira?» jedhanee gaafatane.
[12] Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, «Inni nama dansa’a» jedhe. Worri dhibiin, «Waawwo’o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira» jedhe.
[13] Ammoo Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, eennulle marroo isaa mudhi’iin hin dubbane.
[14] Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe.
[15] Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane.
[16] Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka ana erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti.
[17] Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka.
[18] Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu.
[19] Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf ana ijjeesiisaaf barbaaddan?» jedhe.
[20] Gumiin deebittee, «Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?» jetteen.
[21] Yesuus, «Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane.
[22] Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te’in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle’een ilma haqanqabaa qaddan.
[23] Seerri Muuse’ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te’e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu’utti waan fayyiseef anatti aartan?
[24] Muraa dhuga’aa mura’a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa’a» jedhe.
[25] Kolbaan Yerusaalemii gariin, «Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii?
[26] Ilaala’a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te’e dhugumaan beekanee jiraatanuu?
[27] Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane.
[28] Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te’uu malee, ka ana erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu;
[29] ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan ana ergeef isa hin beeka» jedhe.
[30] Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe.
[31] Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, «Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?» jedhane.
[32] Fariisaayoti gumiin waan kana marroo Yesuusii hasaasanuun dhageettee, moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti Yesuus qabiisaaf eedduu Galma Waaqaa itti ergane.
[33] Yesuus, «Ani yennaa gabaadduu calla’aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema.
[34] Isin ana hin barbaaddan; ammoo ana hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu» jedhe.
[35] Yihudooti baallii qabanu, «Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki’ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii?
[36] ‹Isin ana hin barbaaddan; ammoo ana hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu› jechuun maan jechuu isaa ti?» jedhane.
[37] Guyyaa muummeffata jilaa, guyyaa guddaa Yesuus ol ka’ee qoonqoo guddo’oon, «Nami dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee unuu ti.
[38] Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka anatti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru’uu isa keessaa burqa›» jedhe.
[39] Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru.
[40] Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage’anee, «Namichi kun dhugumaan raagicha» jedhane.
[41] Worri dhibiin, «Inni Masiihi» jedhane. Worri dhibiin ammoo, «Masiihiin Galiilaa irraa hin dhufaa?
[42] Barreeffam Woyyichi, Masiihiin sanyii mooticha Daawwitii keessaa, qachaa Daawwiti le’e, Beeteeleem keessatti dhalata jedhaa motii?» jedhane.
[43] Maarre sababa Yesuusiitiif gumiin gargar qoodante.
[44] Worri gariin isa qabiisaaf barbaade, ammoo eennulle isa harkaan hin tundhe.
[45] Eedduun Galma Waaqaa gara mootota hayyootaatii fi Fariisaayota yennaa deebi’anee dhaqane, «Isin maaf isa fidiisa dhaddane?» jedhanee eedduu Galma Waaqaa gaafatane.
[46] Eedduun Galma Waaqaa, «Akka namichi kun dubbate eennulle ijjumaa dubbattee hi beeku» jedhanee deebisane.
[47] Worri Fariisaayotaa, «Isinille sobantanee?
[48] Worra baallii qabu yookiin Fariisaayota keessaa nami isatti dhugeeffateeru jiraa?
[49] Gumiin seera Muuse’ee hin beenne tun, abaarsa Waaqaa jala jirti!» jedhaneen.
[50] Namichi duraan gara Yesuusii dhaqeeru, ka Fariisaayota keessaa tokko te’e Niqoodemos,
[51] «Akka seera keennaatitti nama tokko dhage’anee waan inni godheeru adoo hin dhaggin itti muruun hin dande’amaa?» jedhee gaafate.
[52] Isaan, «Atille nama Galiila’aatii? Barreeffama Woyyicha qorqorii ilaali; raagaan Galiilaa keessaa akka ijjumaa hin kaane hin dhaggita» jedhaneen.
[53] [Achiin duuba marti isaaniituu gara mana ifii deemane.