Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:40

[1] Achiin duuba Yesuus gara Abbaayaa Galiila’aa ta Xiberiyaas jedhantuun gamatti bu’e.

[2] Gumiin hedduun baasa inni worra dhibamaa fayyisiisaan tolche waan dhaggitteef isa hordotte.

[3] Yesuus gara gaara tokkoo ol bayee, barattoota ifii woliin tee’e.

[4] Yennaa san Jilti Irra Dabaramaa ta Yihudootaa dhikaarteertiiyyu.

[5] Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, «Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?» jedhe.

[6] Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu.

[7] Filiphoos, «Dabboon mindaa ji’a saddeetiille diqquma diqqoolle’een isaan mara hin geettu.

[8] Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii,

[9] «Mucaan tokko ka daabboo garbu’uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen.

[10] Yesuus isaaniin, «Kolbaa teessisa’a» jedhe. Marra gudda’atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette.

[11] Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galatoonfatee, kolbaa achi tee’iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche.

[12] Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, «Hanbaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba’a» jedhe.

[13] Maarre isaan xaltaa daabboo garbu’uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hanbaa hatte wolitti qabanee kolonjoo kudhanii lama guutane.

[14] Kolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, «Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu’uu jiruuyyu!» jette.

[15] Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanee, mootii isa godhachu’uuf dhuffaaranu beekee, qofii ifii ammalle gara gaaraa deeme.

[16] Yennaa latti galgalootte, barattooti Yesuusii gara abbaaya’aa gad bu’anee,

[17] hoboloo takka seenanee, abbaaya’aan gama gara Qifrinaahomii bu’iisaaf ka’ane. Latti dukkanoottelle’een Yesuus gara isaanii hin dhunne.

[18] Bubbeen waan bubbisiisatti jirtuuf bisaan raafame.

[19] Haga kiiloomeetrii shanii yookiin jaa shaffisa’aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo’oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane.

[20] Yesuus ammoo, «Wonni anaa, hin bararaqina’a!» isaaniin jedhe.

[21] Achiin duuba isaan gara hobolo’oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.

[22] Guyyaa lammeesso’oo kolbaan abbaayya’aan gamatti hatte, hoboloon takkattiin callaan akka achi jirtu hubatte. Yesuus barattoota ifii woliin hobolo’oon akka hin deemin, barattooti ammoo qofuu akka deemaneeranu kolbaan sun beette.

[23] Hobolooti dhibiin, Xiberiyaasi irraa, gara lafa addee Goottaan galata galcheeruun, kolbaan daabboo itti nyaatteen dhikaattuu dhufane.

[24] Kolbaan, Yesuusii fi barattooti isaa akka achi hin jirre yennaa dhaggite, hoboloota san seentee Yesuus barbaadiisaaf, gara Qifirnaahoomii dhaxxe.

[25] Kolbaan abbaaya’aan gamatti yennaa Yesuus dhaggite, «Barsiisa’a, yoom as dhutte?» jetteen.

[26] Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima; isin waan sagalee nyaattanee quuttaneef ana barbaadiisatti jirtan malee, bilbaasa kiyya waan dhaggitaneefii moti.

[27] Sagalee badduuf hin hujina’a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja’a. Waaqi Abbaan, chaappaa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiiniif hin kenna.

[28] Maarre isaan, «Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?» jedhaneen.

[29] Yesuus deebisee, «Wonni akka isin gootanu Waaqi barbaadu, ka inni ergetti dhugeeffatiisa» jedhe.

[30] Isaan, «Akka dhagginee si’itti dhugeeffanu bilbaasa maan goota? Maan hujja?

[31] Akkuma Barreeffam Woyyichi, ‹Inni sagalee ol-gubbaa irraa akka nyaatanu isaaniif kenne› jedhu, Abbootiin teenna lafa goomole’ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte» jedhaneen.

[32] Yesuus, «Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse’ee moti; ka sagalee dhuga’aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya.

[33] Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu» jedheen.

[34] Isaan, «Gootta’a, sagalee tana yennaa mara nu’uuf keenni» jedhaneen.

[35] Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru’uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka anatti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu.

[36] Akkuma ani isinitti hime, isin ana dhaggitaneertan; ammoo hin dhugeeffane.

[37] Ka Abbaan kiyya anaaf kennu mara gara kiyya hin dhufa. Ka gara kiyya dhufu ani ijjumaa ifi irraa hin ari’u.

[38] Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka ana ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti.

[39] Fedhiin ka ana ergee, worri inni anaaf kenne mara guyyaa muumme’ee akka jiru’uuf isaan kaasu malee, isaan keessaa tokkolle akka ani balleessuufii moti.

[40] Fedhiin Abbaa kiyyaa, nami Ilma isaa dhaggee itti dhugeeffatu mara jiruu barabaraa akka qabaatu. Anille guyyaa muumme’ee jiruu’uuf isa kaasa.

[41] Worri Yihudootaa waan inni, «Sagaleen ol-gubbaa irraa gad dhutte ana» jedheef itti gungumiisatti ka’ane.

[42] Maarre isaan, «Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba’aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‹Ol-gubba’aa gad bu’e› jedha ree?»› jedhane.

[43] Yesuus deebisee, «Wolitti gungumiisa lakkisa’a.

[44] Abbaan ana erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande’u; anille guyyaa muumme’ee du’aa isa hin kaasa.

[45] Raagoleen, ‹Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te’a› jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage’uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa.

[46] Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru.

[47] Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba.

[48] Sagaleen jiru’uu ana.

[49] Abbootiin teessan lafa goomole’ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te’uu male duute.

[50] Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana.

[51] Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.

[52] Yihudooti, «Namichi kun attam foon isaa akka nyaannu nu’uu kenniisa dande’a?» jedhanee wol mormiisatti ka’ane.

[53] Yesuus isaaniin, «Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu.

[54] Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme’ee du’a keessaa isa hin kaasa.

[55] Foon kiyya sagalee dhuga’aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga’aa ti.

[56] Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha.

[57] Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba’aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata.

[58] Sagaleen ol-gubba’aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe.

[59] Yesuus Qifirnaahoomitti Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti yennaa barsiisiisatti jiru tana dubbate.

[60] Barattooti isaa hedduun kana dhage’anee, «Barsiisi kun guddoo jabaata. Eennutti isa fudhatiisa dande’a?» jedhane.

[61] Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, «Wonni kun isin gufachiisaa?

[62] Ilmi Namaa addee dur jirutti deebi’ee ol bayiisatti jiruun yoo dhaggitane maan jettan ree?

[63] Ayyaaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu’aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle’e.

[64] Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran» isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te’e duruu beekeera.

[65] Yesuus ede’ee, «Ani waan kanaaf ka Abbaan kiyya akka gara kiyya dhufu godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande’u isiniin jedhe» jedhe.

[66] Waan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi’ane; eega san isa woliin hin deenne.

[67] Maarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, «Isinille deemuu barbaaddanii» jedhee gaafate.

[68] Simoon Pheexroos, «Gootta’a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda.

[69] Ati Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle’e» jedhaneen.

[70] Yesuus deebisee, «Isin kudhanii lamaan ka file anaa motii? Te’uu malee isin keessaa tokko Seexana» jedhe.

[71] Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te’ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate.

Yohaannis — Chapters