Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:25

[1] Yesuus, «Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime.

[2] Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti.

[3] Isaan waan Abbaa yookiin ana hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan.

[4] Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabbattanuuf tana isinitti hime. Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbi tana isinitti hin hinne» jedhe.

[5] Yesuus, «Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‹Eessa dhaqaarta?› jedhee ana hin gaafatu.

[6] Ani waan tana isinitti himeef ammoo, gadhaan keessaan gaddaan guutameera.

[7] Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga.

[8] Inni yennaa dhufe, marroo cubbu’uu, marroo balchumma’aatii fi marroo mura’aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa.

[9] Isaan waan anatti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu’uu inni isaanitti hin mudhisa;

[10] Ani gara Abba’aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan ana hin dhaggineef, inni marroo balchuma’aa hin mudhisa.

[11] Bulchaa lafa tanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura’aa mudhisa.

[12] «Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu.

[13] Ayyaanni dhuga’aa yennaa dhufe, inni gara dhuga’aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage’ee fi waan dhufu’uu jiru dubbata.

[14] Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna anaaf hin kenna.

[15] Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‹Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima› jedhee isinitti dubbadhe.

[16] «Yennaa diqqo’oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo’oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan» jedhe.

[17] Barattoota isaa keessaa gariin, «‹Yennaa diqqo’oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo’oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan; akkusuma inni ani gara Abba’aalle waan deemuuf› nu’uun jechuun isaa kun maan?» jedhanee wol gagaafatane.

[18] Ittuma deebi’anee, «‹Yennaa diqqoo› jechuun kun maan? Marroo maanii akka inni dubbatiisatti jiru nuuti hin beennu» jedhane.

[19] Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, «‹Yennaa diqqo’oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo’oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan› waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii?

[20] Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama.

[21] Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniisu’uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa’imi dhalate ammoo, daa’imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti.

[22] Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi’ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu.

[23] «Guyyaa san, isin womaa ana hin kadhattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa kadhattanu mara Abbaan isiniif hin kenna.

[24] Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin kadhanne; gammadi keessan guutuu akka te’uuf, kadhadha’a hin fudhattan» isaaniin jedhe.

[25] Yesuus, «Kana mara isinitti himiisaaf fakkeennaan dubbadheera. Yennaan ani fakkeennaan hin dubbanne hin dhutti; marroo Abba’aa ammoo ifa tolchee isinitti hima.

[26] Guyyaa san, isin maqaa kiyyaan hin kadhattan; ani Abbaa isiniif kadhadha isiniin hin jedhu.

[27] Isin waan ana jaallattaneef, akka ani Waaqa biraa dhufelle waan dhugeeffattaneef, Abbaanuu isin hin jaallata.

[28] Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi’ee gara Abba’aa deemaara» jedhe.

[29] Achiin duuba barattooti isaa, «Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta.

[30] Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna» jedhaneen.

[31] Yesuus deebisee, «Isin amma dhugeeffattaneertanii?

[32] Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnaawu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru.

[33] Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.

Yohaannis — Chapters