Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:24

[1] Guuyyaa sadeesso’oo qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu.

[2] Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran.

[3] Yennaa daadhiin woyni’ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni’ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.

[4] Yesuus, «Aayyaa, waan huju anatti himu’uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.

[5] Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha’a» jettee tajaajiltootatti hinte.

[6] Yihudooti aadaa dhugeeffanna’aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujatante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettaamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande’an.

[7] Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta’a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane.

[8] Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa’aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa’a» jedhe. Isaanille isaaf geessane.

[9] Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni’ii te’e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni’ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarree inni waajibicha waamee,

[10] «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen.

[11] Yesuus qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.

[12] Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.

[13] Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe.

[14] Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole’ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee’iisatti jiranuun dhagge.

[15] Maarre inni lichee wodaro’oo dhowatee, isaan maraa, hoole’ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittanneesse.

[16] Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa’a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko’oo hin godhina’a!» jedhee ajaje.

[17] Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.

[18] Yihudooti baallii qabanu, «Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu’utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?» jedhanee isa gaafatane.

[19] Yesuus, «Galma Waaqaa kana diiga’a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa» jedhee deebise.

[20] Yihudooti baallii qabanu, «Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?» jedhanee isa gaafatane.

[21] Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti.

[22] Maarre inni du’aa ka’een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreefama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.

[23] Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane.

[24] Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addane.

[25] Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne.

Yohaannis — Chapters