[1] Jila Irra Dabaramaatiif guyyaan jaan hafeeruun, Yesuus addee Alaazariin inni du’aa kaase le’u, Bitaaniyaa dhaqe.
[2] Isaan achitti irbaata isaaf qopheessanee, Maartaan areerte; worra Yesuus woliin achi addee nyaataa tetee’aneeranu keessaa tokkochi Alaazar.
[3] Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo’oo ta Naardoo qofa irraa hujjatante ta liitirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire’ee mana duudii guute.
[4] Barattoota Yesuusii keessaa tokko ka te’e, Yihudaan nami biyya Keriyootii, ka isa dabarsee kennaaru,
[5] «Fiqireen tun mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu gurgurantee maaf hiyyeeyyi’iif hin kennamin?» jedhe.
[6] Inni waan hattuu te’eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi’iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese’ee ba’ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture.
[7] Yesuus ammoo, «Isiin guyyaa awwaala kiyyaatiif qophii goote waan te’eef, isii dhiisa’a.
[8] Namooti Hiyyeeyyiin yennaa maraa isin woliin jiran, ani ammoo yennaa maraa isin woliin hin jiraadhu» jedhe.
[9] Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te’in Alaazarii inni du’aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe.
[10] Moototi hayyootaa ammoo Alaazarillee ijjeesiisaaf itti malane;
[11] sababille Yihudooti hedduun sababa Alaazariitiif isaan lakkisanee Yesuusitti waan dhugeeffataneef.
[12] Boruyyaa Gumiin guddoon jila irra dabaramaatiif dhutteertu Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufiisatti jiru dhageette.
[13] Maarre dameelee meexxi’ii qabattee, qoonqoo guddo’oon, «Hosaa’inaa! Mootiin Isiraa’elii ka maqaa Goottta’aatiin dhufu ka eebbifame!» jedhaa isa fudhatiisaaf baate.
[14] Yesuus ilmayyoo harre’ee tokko dhaggee irra tee’e. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
[15] «Kolbaa Yerusaalemii, hin sodaatina’a! Mootiin keessan kunoo ilmayyoo harre’ee irra tee’ee dhufa» jedhu.
[16] Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane.
[17] Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du’aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te’e dhugaa bayaa turte.
[18] Bilbaasa kana akka inni tolche waan dhageetteertuuf gumiin isa fudhatiisaaf baate.
[19] Kanaaf Fariisaayoti, «Ilaala’a, nuuti womaa godhuu hin dandeenne! Kunoo, biyyi lafaa duudiin isa hordofaarti!» woliin jedhane.
[20] Worra yennaa jilaa, waaqonfatiisaaf, gara Yerusaalemii dhaqaneeranu keessaa gariin Giriikoota.
[21] Isaan gara nama Betsayidaa Galiilaa keessa jirtuu, gara Philiphosii dhaqanee, «Gootta’a, nuuti Yesuus dhaggiisaaf barbaanna» jedhaneen.
[22] Philiphoos dhaqee Indiryaasitti hime; Philiphoosii fi Indiriyaas lamaaniin dhaqanee Yesuusitti himane.
[23] Yesuus deebisee, «Yennaan Ilmi Namaa ulfaatu amma geetteerti.
[24] Ani dhugaa isinitti hima: Midhaan qamadi’ii yoo lafa bu’ee du’e malee, tokkochuma te’ee hafa. Yoo du’e ammoo, midhaan hedduu buusa.
[25] Nami jiruu ifii jaalatu jiruu ifii hin dhaba; nami biyya lafaa tana keessatti jiruu ifii jibbu ammoo jiruu bara baraatiif isii eegata.
[26] Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa» jedhe.
[27] Yesuus itti dabalee, «Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‹Abba’a, yennaan tun akka anatti hin dhunne oolchi jedha moo?› Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe.
[28] Abba’a, maqaa keeti ulfeessi!» jedhe. Achiin duuba qoonqoon ol gubba’aa dhuttee, «Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa» jette.
[29] Gumiin achi dhaabbattee qoonqoo tana dhageette keessaa gariin, «Wonni mandiisu’u» jette; worri kuun, «Ergamaa Waaqaatitti isatti dubbate» jedhe.
[30] Yesuus ammoo isaaniin, «Qoonqoon tun isiniif jettee dubbatte malee, anaaf moti.
[31] Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama.
[32] Ani Yennaa lafa tana irraa ol kaafame, nama maraa gara kiyya harkisa» jedhe.
[33] Yesuus du’a attamii akka du’uuf jiru mudhisiisaaf tana jedhe.
[34] Gumiin deebittee, «Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneera. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?» jetteen.
[35] Yesuus deebisee, «Ifi yennaa gabaaddu’uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema’a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku.
[36] Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha’a» jedheen. Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle’ee ifi dhosse.
[37] Yesuus addee isaan jiranutti bilbaasota kana mara hujulle, isaan isatti hin dhugeeffane.
[38] Dubbiin raagichi Isaayaas, «Gootta’a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta’aa eennutti mudhatte?» ka jedhe akka muummottuuf tun teete.
[39] Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille’etti,
[40] «Ilti isaanii akka hin dhaggine, gadhaan isaaniille akka hin hubanne, gara isaalle deebi’anee akka hin fayyinne, Waaqi ila isaanii jaanseera; gadha isaaniille jabeesseera jedha» jedheera.
[41] Isaayaas ulfinna Yesuusii waan dhaggeef tana jedhee marroo isaa dubbate.
[42] Te’uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne.
[43] Isaan ulfinna Waaqa irraa dhaggachuu caalaa ulfinna nama irraa dhaggachuu jaalatane.
[44] Yesuus qoonqoo guddo’oon, «Nami anatti dhugeeffatu ka ana ergelle’etti dhugeeffata malee ana qofatti hin dhugeeffatu.
[45] Nami ana dhaggu ka ana ergelle hin dhagga.
[46] Ka anatti dhugeeffatu marti dukkana keessatti akka hin hanneef, ani ifa te’ee gara biyya lafaa dhufeera.
[47] Nama jecha kiyya dhage’ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne.
[48] Nama ana didee Jecha kiyya hin fudhannetti ka muru hin jira. Jecha ani dubbadhettuu gaafa guyyaa dhumaa itti mura.
[49] Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa ana ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje.
[50] Ajaji isaa kun gara jiruu bara baraa akka geessu ani hin beeka. Maarre wonni ani dubbadhu, waan akka ani dubbadhuuf Abbaan anatti hime» jedhe