[1] Solomoon yommus mana qulqullummaa fi mana mootummaa ijaaree, wanta hojjechuu barbaade hundumaa erga raawwatee booddee,
[2] Waaqayyo akkuma Giibe'onitti isatti mul'atee ture, ammas itti mul'ate,
[3] “Ani kadhata kee fi wawwaannaa kee dhaga'eera; mana qulqullummaa isa bara baraan maqaan koo akka itti waamamuuf ati ijaarte kanas ani qulqulleesseera; yeroo hundumaa gara isaa nan ilaala, waa'ee isaas nan yaada.
[4] Daawit abbaan kee akkuma godhe, atis immoo waanan si abboome hundumaa amanamummaa fi yaada qajeelaadhaan yoo goote, seerrata koo fi firdii koo isa qajeelaa yoo eegde,
[5] akkuma ani dur,“Israa'elin kan mo'u sanyii kee keessaa hin dhabamu” jedhee abbaa kee Daawitin abdachiisee ture, Israa'el irratti teessoo mootummaa keetii bara baraan nan jabeessa.
[6] “Garuu isin yookiis ijoolleen keessan ana irraa gara galtanii abboommii fi seerrata ani isiniif kenne eeguu yoo dhiiftan, dhaqxaniis waaqayyolii biraatiif yoo hojjettan, yoo sagaddaniifis,
[7] ani immoo biyyan isiniif kenne keessaa isin nan balleessa; mana qulqullummaa isan maqaan koo akka itti waamamuuf qulqulleesse kanas nan tuffadha; yommus Israa'el saba hundumaa gidduutti muka mammaaksaa fi muka kolfaa in taati.
[8] Yommus mana qulqullummaa isa ulfina-qabeessa ammaa kana bira warri darban raajeffachaa,“Waaqayyo maaliif wanta akkasii biyya kanaa fi mana qulqullummaa kana irratti fide?” jedhanii itti in ga'isu.
[9] Warri kaan immoo,“Sababii isaan Waaqayyo gooftaa isaanii isa abboota isaanii biyya Gibxiitii baase sana dhiisanii waaqayyolii biraatti gara galanii, isaaniif hojjetanii, isaaniif sagadaniif, Waaqayyo wanta hamaa kana hundumaa isaanitti fide” jedhanii deebii in kennu” jedhe.
[10] Solomoon yommus mana qulqullummaa fi mana mootummaa isa ofii isaatii itti galu waggaa digdama guutuu ijaare.
[11] Hiiraam mootiin Xiiros muka gaatirraa, muka birbirsaa fi warqee hammuma Solomoon mootichi barbaade waan kenneefiif, inni immoo kutaa biyya Galiilaatii mandaroota digdama Hiiraam mootii Xiirosiif in kenne.
[12] Haa ta'u iyyuu malee, Hiiraam mootiin Xiiros mandaroota Solomoon kenneef ilaallachuudhaaf Xiirosii ba'ee yommuu dhufe, mandaroota sanatti hin gammanne.
[13] Kanaaf,“Obboleessa ko! Mandaroota waa'ee hin baafne akkasii anaaf kennitee?” jedhee Solomoonin in gaafate; mandaroota sanas “Biyya Kabul” jedhee in moggaase; isaanis hamma har'aatti iyyuu maqaa kanaan in waamamu.
[14] Hiiraam mootiin Xiiros warqee akka kiilo graamii kuma afurii fi walakkaa miijanu Solomoon mootichaaf in erge.
[15] Solomoon mootichi yommus mana qulqullummaa, mana mootummaa, miiloo, dallaa Yerusaalem, mandaroota Hazoor, Megidoo fi Gezer ijaarsisuudhaaf namoota giddisiifamanii hojii humnaa hojjetan itti in yaasise.
[16] Fara'oon mootiin Gibxii ba'ee mandara Gezer rukutee in qabate; mandarichatti ibidda naqee Kana'aanota achi keessa jiraatanis fixee, mandaricha immoo intala isaa ishee Solomoon mootichi fuudheef tirmaa in kenne.
[17] Solomoon mandara Gezerii fi Bet-Horoon isa gara gadii deebisee in ijaarsise.
[18] Lafa onaa biyya Yihudaa keessatti mandaroota Ba'aalaatii fi Taamaarin in ijaarsise.
[19] Akkasuma immoo mandaroota gombisaa midhaanii fi mi'a garaa garaa hundumaa, mandaroota konkolaattonni keessa taa'anii fi fardeen itti galan, wanta ijaaruu yaade hundumaas Yerusaalemitti, Liibaanonitti biyya mootummaa isaa hundumaa keessattis in ijaarsise.
[20] Sanyii Israa'el kan hin ta'in Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota achitti hafan hundumaa,
[21] ijoollota saba warra Israa'eloonni balleessuu dadhabanii biyya keessatti hambisan hundumaa, Solomoon hamma har'aatti iyyuu akka garbaatti akka isaaf hojjetan in godhe.
[22] Namoota Israa'el immoo loltoota isaa, hojjetoota mootummaa isaa, ajajjuu waraanaa, ajajjuu duulaa, ajajjuu konkolaattotaa fi ajajjuu abboota fardeenii godhate malee, akka garbaatti isaan hin hojjechiifanne.
[23] Solomoon mootichi angafoota hojjetoota bulchan namoota dhibba shanii fi shantama qaba ture.
[24] Solomoon mootichi haadha manaa isaa intala mootii Gibxii mandara Daawitii baasee mana mootummaa isa isheedhaaf ijaarsisetti erga galchee booddee, miiloo immoo in ijaarsise.
[25] Solomoon waggaatti si'a sadii qalma gubamuu fi qalma araaraa ixaana aarfamuu wajjin fuula Waaqayyoo duratti iddoo aarsaa isa Waaqayyoof ijaare irratti in dhi'eesse; akkasitti hojii mana qulqullummaa in raawwate.
[26] Solomoon mootichi biyya Edoom keessaa mandara Eziyon-Geber isa qarqara galaana diimaa irra mandara Eloot bukkee jirutti markabootas immoo in tolchisiise.
[27] Hiiraam mootiin Xiiros immoo hojjetoota isaa warra markaba oofan, amala galaanaas beekan, hojjetoota Solomoonii wajjin markaba keessaa akka hojjetaniif in erge;
[28] hojjetoonni sunis markabaan biyya Ofiir dhaqanii, achiis warqee akka kiilo graamii kuma kudha afurii fi dhibba shanii miijanu fidanii, Solomoon mootichatti in kennan.