[1] Yerobi'aam ixaana aarsuudhaaf iddoo aarsaa bukkee dhaabachaa utuu jiruu, namni Waaqayyoo tokko ajaja Waaqayyootiin biyya Yihudaatii ba'ee gara Bet'el in dhufe.
[2] Inni ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa irratti,“Yaa iddoo aarsaa nana! Yaa iddoo aarsaa nana! Waaqayyo,“Kunoo, mana Daawitiif ilmi tokko in dhalata, maqaan isaas:- Yosiyaas jedhamee in moggaafama; inni luboota iddoowwan sagadaa ol ka'oo warra si irratti ixaana aarsaa jiran aarsaa godhee si irratti isaan in dhi'eessa, lafeewwan namaas si irratti in guba” jedha” jedhee, sagalee guddaadhaan in dubbate.
[3] Namni Waaqayyoo sunis itti fufee milikkita kennee,“Ati iddoon aarsaa dhootee gargar yommuu baatu, daaraan si irra jirus yommuu dhangala'u, Waaqayyo kana dubbachuu isaatiif kun milikkita akka ta'e beeki!” jedhe.
[4] Yerobi'aam mootichi wanta namni Waaqayyoo kun iddoo aarsaa isa Bet'el irratti dubbate kana yommuu dhaga'e, iddoo aarsaa sana irraa quba itti qabee,“Namicha kana qabaa!” jedhe; haa ta'u iyyuu malee, harki isaa inni namichatti qabame qaratti gogee waan hafeef, mootichi dachaafachuu hin dandeenye.
[5] Akkuma namni Waaqayyoo sun ajaja Waaqayyootiin milikkita kennetti, iddoon aarsaa sun dho'ee gargar in ba'e, daaraan iddoo aarsaa sana irraas gad in dhangala'e.
[6] Yommus mootichi nama Waaqayyoo sanaan,“Hadaraa, aarii isaa akka ana irraa qabbaneessuuf harka koos akka anaaf fayyisuuf Waaqayyoon gooftaa kee anaaf kadhadhu!” jedhe; namni Waaqayyo sun immoo, Waaqayyo aarii isaa isa irraa akka qabbaneessuuf in kadhateef; kana booddee harki mootichaa fayyee akka isaa duriitti in deebi'e.
[7] Yommus mootichi nama Waaqayyoo sanaan,“Ana duukaa galiitii waa nyaadhu, anis kennaa siif nan kenna” jedhe.
[8] Namni Waaqayyoo sun garuu deebisee mootichaan,“Walakkaa qabeenya keetii utuma anaaf kennitee iyyuu ani si duukaa hin dhaqu, addanattis buddeena hin nyaadhu, bishaanis hin dhugu;
[9] wanta tokko illee akkan hin nyaanne, wanta tokko illees akkan hin dhugne, karaan irra dhufe irras deebi'ee akkan hin galle Waaqayyo ofii isaatii na abboomeera” jedhe.
[10] Kanaaf namni Waaqayyoo sun karaa biraa irra ba'ee adeeme malee, karaa irra Bet'elin dhufe sana irra hin deebine.
[11] Yeroo sana raajiin dulloomaan mandara Bet'el keessa jiraatu tokko ture; ilmaan raajichaa dhufanii wanta namni Waaqayyoo gaafas Bet'elitti hojjete hundumaaf wanta inni Yerobi'aam mootichatti dubbate abbaa isaaniitti in himan.
[12] Abbaan isaanii,“Namichi kun karaa kam irra ba'e?” jedhee ilmaan isaa in gaafate; ilmaan isaas karaa namni Waaqayyoo inni Yihudaadhaa dhufe irra ba'e isatti in argisiisan.
[13] Raajichi yommus ilmaan isaatiin,“Harree anaaf fe'aa!” jedhe; erga isaan fe'anii immoo inni yaabbatee in adeeme.
[14] Nama Waaqayyoo sana hordofee, utuu inni qilxuu jala taa'uu argee,“Namni Waaqayyoo inni biyya Yihudaatii dhufe sii?” jedhee, isa in gaafate; namni Waaqayyo sun immoo,“Eyyee ana!” jedhee in deebiseef.
[15] Yommus raajichi nama Waaqayyoo sanaan,“Anaa wajjin galiitii waa nyaadhu!” jedhe.
[16] Namni Waaqayyoo sun immoo raajii Bet'el sanaan,“Ani sii wajjin deebi'ee gara mana keetii dhaquu, addanattis sii wajjin buddeena nyaachuu, bishaanis dhuguu hin danda'u;
[17] achii buddeena akkan hin nyaanne, bishaan akkan hin dhugne yookiis karaan irra dhaqe irra akkan hin galle Waaqayyotu na abboome” jedhe.
[18] Raajichi dulloomaan sun immoo sobee nama Waaqayyootiin,“Anis immoo akkuma kee raajii dha, ergamaan tokko ajaja Waaqayyootiin,“Namni Waaqayyoo kun buddeena akka nyaatuuf bishaanis akka dhuguuf deebisii gara mana keetti fuudhii gali!” anaan jedheera” jedhe.
[19] Kana irratti namni Waaqayyoo sun isaa wajjin deebi'ee, mana isaatii buddeena nyaatee, bishaanis in dhuge.
[20] Utuu isaan maaddiitti taa'anii jiranii, dubbiin Waaqayyoo gara raajicha dulloomaa isa nama Waaqayyoo sana deebisee fide in dhufe.
[21] Raajichi inni dulloomaan sunis, nama Waaqayyoo isa biyya Yihudaatii dhufe sanatti,“Waaqayyo,“Sababii ati dubbii koo salphiftee, abboommii ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennes eeguu diddee,
[22] iddoo dhaqxee buddeena akka hin nyaanne, bishaanis akka hin dhugne dhowwamte sanaa buddeena nyaattee, bishaanis dhugdeef, reeffi kee lafa awwaala abboota keetiitti hin awwaalamu!” jedha” jedhee, sagalee guddaadhaan in dubbate.
[23] Namni Waaqayyoo sun buddeena nyaatee, bishaanis dhugee erga raawwatee booddee, raajichi dulloomaan sun harree in feesiseef.
[24] Namni Waaqayyoo sunis karaa isaa irra bu'ee adeemaa utuu jiruu, leenci karaatti itti dhufee isa in ajjeese; reeffi isaas karaa irratti in diriire; harrichii fi leencichi immoo reeffa isaa bira in dhaabatu turan.
[25] Namoonni karaa sana darban tokko reeffa karaa keessa ciisuu fi leenca isa bira dhaabatu yommuu argan, dhaqanii namoota mandara raajiin dulloomaan sun keessa jiraatutti in himan.
[26] Raajichi inni nama Waaqayyoo sana karaa isaa irraa waamee deebisee fidee ture sun kana yommuu dhaga'e,“Inni nama Waaqayyoo isa dubbii Waaqayyoo salphise waan ta'eef, Waaqayyo akkuma isa akeekkachiisee ture leenca caccabsee isa ajjeesuutti dabarsee isa kenne” jedhe.
[27] Ergasii raajichi,“Harree anaaf fe'aa!” jedhee ilmaan isaatti in dubbate; ilmaan isaas in fe'aniif.
[28] Raajichis ka'ee yommuu dhaqe, reeffi nama Waaqayyoo sun karaa irratti diriiree, harrichii fi leencichi immoo isa bira dhaabatanii in arge; leenci sun reefficha hin nyaanne, harree sanas hin caccabsine.
[29] Yommus raajichi sun nama Waaqayyoo sanaaf boo'ee awwaaluuf reeffa namichaa lafaa fuudhee harree isaa irra dalga kaa'ee gara mandara Bet'elitti in fide.
[30] Reeffa nama Waaqayyoo sanas awwaala ofii isaatii tolfate keessa kaa'ee,“Wayyoo! Yaa obboleessa ko! Wayyoo! Yaa obboleessa ko!” jedhee in boo'eef; ilmaan isaas in boo'aniif.
[31] Raajichi sun erga isa awwaalee booddee ilmaan isaatiin,“Gaafan du'u, awwaala namni Waaqayyoo itti awwaalame kana keessatti ana awwaalaa! Reeffa koos reeffa isaatti aansaatii kaa'aa!
[32] Dubbiin namni Waaqayyoo sun ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa Bet'el irratti, iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo mandara Samaariyaa keessa jiran irrattis dubbate dhuguma raawwatamuuf jira” jedhe.
[33] Erguma kun ta'ee iyyuu Yerobi'aam mootichi gosuma arge keessaa luboota ta'uu warra barbaadan addaan baasee waaqayyolii tolfamoo isaatiif luboota godhate malee, hojii isaa isa hamaa irraa hin deebine.
[34] Wanti kun isa hortee Yerobi'aamitti cubbuu ta'ee lafa irraa haxxaa'ee balleessee dha.