Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 12:07

[1] Daawit yeroon du'uu isaa yommuu dhi'aate ilma isaa Solomoonin waamee gorsa kanatti fufee jiru in kenneef.

[2] Gorsi isaas,“Yeroon du'uu kootii ga'eera; ati garuu jabaadhu, gara-kuteessa ta'i!

[3] Iddoo dhaqxu hundumaatti wanti ati gootu hundinuu akka wal siif qixxaatutti, waan Waaqayyo gooftaan kee si irraa barbaadu raawwadhu! Karaa isaa irra deddeebi'i! Akkuma seera Musee keessatti caafamee jirutti seerrata isaa, abboommii isaa, wanta isa duratti qajeelaa ta'ee fi dubbii isaaf dhugaa ba'u eegi!

[4] Waaqayyo,“Ilmaan kee garaa isaanii fi yaada isaanii guutuudhaan ana duratti amanamanii of eeggannaadhaan yoo jiraatan, sanyii kee keessaa mootii ta'ee teessoo Israa'el irra kan taa'u hin dhabamu” jedhee isa ana abdachiise in eega.

[5] “Yo'aab inni Zeruyaan deesse immoo, Abneer ilma Neerii fi Amaasaa ilma Yeter angafoota loltoota Israa'el akka inni ajjeese, anas immoo wanta inni godhe in yaadatta; inni sababii isaan yeroo lolaatti nama ajjeesaniif, yeroo nagaa keessa dhiiga dhangalaasuu isaatiin ijaa isaan ba'e, dhiiga isaanii sanas hidhata mudhii isaatiif kophee miilla isaatiitti akka dibe in yaadatta.

[6] Qabaa ogeessaatiin isa qabi malee, dulloomee hamma inni du'utti isa hin eegin!

[7] Yommuun obboleessa kee Abiishaalom duraa baqadhe, ilmaan Baarzilaayi Giil'aadichaa ana bira goraniiru; kanaafis ati isaaniif wanta gaarii godhi! Isaan warra kaanii wajjin maaddii kee irraa haa nyaatan!

[8] “Kunoo, Shime'iin ilmi Geraa Benyaamiinichaa inni yommuun Mahanaayimin dhaqe baay'isee na abaare sun ana simachuudhaaf yommuu inni laga Yordaanositti gad bu'e, ani immoo,“Ani billaadhaan si hin ajjeesu” jedhee maqaa Waaqayyootiin kakadheen ture; inni amma mandara Bahuriimii dhufee si bira jira.

[9] Inni nama balleessaa hin qabne sitti hin fakkaatin! Ati sababii nama ogeessa taateef, wanta isa gochuuf jirtu beekta; dullumma isaa kana keessa salphinaan akka inni du'u godhi!” kan jedhu ture.

[10] Daawit akkuma abboota isaatii du'ee, mandara isaa isa “Mandara Daawit” jedhamee beekame keessatti in awwaalame.

[11] Daawit waggaa torba Kebroon keessa, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem keessa taa'ee, walumatti waggaa afurtama Israa'el irratti in mo'e.

[12] Kana booddee Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra in taa'e, mootummaan isaas jabaatee in dhaabateef.

[13] Kana gidduutti Adoniyaan inni Haagiit deesse gara Baat-Sheebaa haadha Solomoon in dhaqe; Baat-Sheebaanis,“Naguma dhuftee?” jettee isa gaafatte; inni immoo,“Eyyee naguma” jedhee deebiseef.

[14] Itti fufees,“Ani waanan sitti himadhun qaba” jedhe; isheen immoo,“Jedhi kaa! Maal inni?” jetteen.

[15] Inni immoo kana irratti,“Akkuma ati beektu silaa anatu mootii ta'a ture; Israa'el guutummaatti,“Isatu mootii nuuf ta'a” jedhanii eeggachaa turan; amma garuu Waaqayyo biraa isaaf waan kennameef, dubbiin geddaramee obboleessi koo mootii in ta'e.

[16] Egaa ani amma wanta tokkon si kadhadhaatii hadaraa ana hin didin!” jedhe; isheenis,“Mee jedhi kaa!” jetteen.

[17] Inni immoo,“Solomoon mootichi si hin diduutii Abiishaag Shuneemittii akkan fuudhuuf hadaraa isatti anaaf himi!” jedhe.

[18] Baat-Sheebaan,“Ba'eessa! Mootichatti siifan hima” jetteen.

[19] Yommus Baat-Sheebaan isa Adoniyaan gaafate himuufiif gara mootichaa in dhaqxe; mootichis ka'ee ijaajjee qoomma'ee ishee simate; deebi'ee teessoo isaa irra in taa'e; haati mootichaa sunis teessoo fidanii kaa'aniif irra gara mirgaa mootichaatiin in teesse.

[20] Isheen mootichaan,“Ani wanta xinnoo tokkon si kadhadhaatii hadaraa ana hin didin!” jette; mootichi immoo,“Yaa harmee ko si hin diduutii anatti himadhu!” jedhe.

[21] Isheenis,“Abiishaag Shuneemittiin Adoniyaa obboleessa keetti haa heerumtuu?” jette.

[22] Solomoon mootichi deebisee haadha isaatiin,“Erga inni obboleessa koo isa angafa ta'ee, mootummichas immoo isaaf, Abiyaataar lubichaa fi Yo'aab isa Zeruyaan deesseefis gaafadhu malee, maaliif Abiishaag Shuneemittii duwwaa gaafattaaf ree?” jedhe.

[23] Yommus Solomoon maqaa Waaqayyootiin kakatee,“Adoniyaan gaaffii akkasii gaafachuu isaatiif, lubbuu isaa hin galaafachiisu yoon ta'e, Waaqayyo ana haa balleessu!

[24] Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, isa akkuma dubbatetti jabeessee ana dhaabee, toora mootummaa anaaf kennee, teessoo abbaa koo Daawit irra akkan taa'u godhee ti, har'a Adoniyaan in ajjeefama” jedhe.

[25] Achumaanis Solomoon mootichi Benaayaa ilma Yehoyaadaa itti in ajaje; Benaayaanis dhaqee Adoniyaa rukutee in ajjeese.

[26] Solomoon mootichi, Abiyaataar lubbichaan,“Ati illee nama ajjeefamuuf maltee dha, garuu sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa baattee fuula abbaa koo Daawit dura adeemaa, rakkina isa irra ga'e hundumaas isaa wajjin hirmaachaa waan turteef, si hin ajjeesuutii gara araddaa kee isa Anaatot keessaa dhaqi!” jedhe.

[27] Solomoon akkasitti Abiyaataarin hojii lubummaa isa inni Waaqayyoof hojjetu keessaa in baase; kanaanis dubbiin Waaqayyo sanyii Elii irratti Shiilootti dubbate in raawwatame.

[28] Yo'aab yaada Abiishaalom duukaa bu'uu yoo dhiise iyyuu, yaada Adoniyaa duukaa bu'ee waan tureef, oduu kana yommuu dhaga'e, sodaatee gara godoo qulqullaa'aatti baqatee, gaanfa iddoo aarsaa sana in qabate.

[29] Kunoo, Yo'aab gara godoo qulqullaa'aatti baqatee iddoo aarsaa bukkee akka jiru Solomoon mootichatti in himan; Solomoon mootichi, Benaayaa ilma Yehoyaadaa isatti ergee,“Dhaqii rukutii isa ajjeesi!” jedheen.

[30] Benaayaan gara godoo qulqullaa'aa dhaqee Yo'aabiin,“Mootichi,“Gad ba'i!” siin jedha” jedhe; inni garuu deebisee,“Lakkii, ani asumattan du'a malee gad hin ba'u” jedhe; Benaayaan immoo gara mootichaatti deebi'ee wanta Yo'aab jedhe isatti in hime.

[31] Mootichis Benaayaadhaan,“Akkuma inni jedhe iyyuu rukutii isa ajjeesi, awwaalis! Akkasitti yakka isa inni dhiiga nama balleessaa hin qabne dhangalaasuudhaan nutti fide, ana irraa, mana abbaa kootii irraas in qulleessita.

[32] Sababii inni Abneer ilma Neer ajajaa humna waraana Israa'elii fi Amaasaa ilma Yeter ajajaa humna waraana Yihudaa warra isa caalaa qajeelota ta'anii fi isa irra wayyan utuu abbaan koo Daawit hin beekin billaadhaan ajjeeseef, dhiiga isaanii Waaqayyo matuma isaatti in deebisa.

[33] Eyyee, dhiiga namoota sanaa dhangalaasuu isaatiin yakki inni yakke bara baraan mataa isaa fi mataa sanyii isaa irraa haa barbaadamu! Daawitii fi maatii isaaf, sanyii isaa fi mootummaa isaatiifis garuu bara baraan Waaqayyo biraa nagaan haa ta'uuf!” jedhe.

[34] Yommus Benaayaan ilmi Yehoyaadaa dhaqee rukutee Yo'aabin in ajjeese; lafa onaa keessatti araddaa ofii isaatiitti in awwaalame.

[35] Mootichi kana booddee Benaayaa ilma Yehoyaadaa iddoo Yo'aab ajajaa humna waraanaa godhe; Zaadoq lubicha immoo iddoo Abiyaataar angafa lubootaa godhee hojii irra in dhaabe.

[36] Mootichi yommus Shime'ii waamsisee,“Ati Yerusaalemitti mana ijaarradhuutii keessa taa'i malee, iddoo biraa hin dhaqin!

[37] Mandara Yerusaalem keessaa baatee laga Qedroon yoo ceete, akka duutu beekkadhu! Dhiigni kees akkuma dhangala'etti in hafa” jedhee isatti in dubbate.

[38] Shime'iin deebisee mootichaan,“Wanti ati dubbatte kun ba'eessa; ani garbichi kee akkuma ati mootichi gooftaan koo dubbatte nan godha” jedhee, mandara Yerusaalem keessa yeroo dheeraa in jiraate.

[39] Waggaa sadii booddee garuu, hojjetoonni isaa lama isa duraa badanii, Akiish ilma Ma'akaa mootii Gaatitti in baqatan; hojjetoonni isaa Gaatin akka jiran Shime'iin yommuu dhaga'e,

[40] ka'ee harree isaa fe'atee isaan barbaaduudhaaf Akiish mootii Gaat bira in dhaqe; inni hojjetoota isaa Gaatitti argatee deebisee gara mana isaatti fudhatee in gale.

[41] Shime'iin mandara Yerusaalem keessaa ba'ee biyya Gaat dhaqee akka deebi'e, Solomoon mootichi yommuu dhaga'e,

[42] isa waamsisee,“Iddoo biraa dhaquuf jettee as keessaa yoo baate akka duutu beeki!” jedhee, maqaa Waaqayyootiin si kaksiisee, si akeekkachiises hin turree ree” Atis immoo,“Wanti ati dubbatte kun ba'eessa, ani akka ati jette nan godha” anaan hin jennee ree”

[43] Mootichi itti fufee,“Egaa isa maqaa Waaqayyootiin kakatte maaliif cabsite ree” Abboommii koos maaliif hin eegin ree”

[44] Wanta hamaa abbaa koo Daawit irratti hojjette hundumaa gaarii gootee beekta; isa kanaaf Waaqayyo si adaba.

[45] Ana Solomoonin garuu Waaqayyo in eebbisa; mootummaa Daawitis bara baraan jabeessee in dhaaba” jedhe.

[46] Mootichi yommus Benaayaa ilma Yehoyaadaa in abboome; inni achumaan dhaqee Shime'ii rukutee in ajjeese; Solomoonis guutummaatti mootummicha harka isaa jala in galfate.

Macaafa Moototaa Isa Duraa — Chapters