[1] Bara Daawit mootichi baay'ee dulloometti, hojjetoonni isaa “Itti haa ho'u” jedhanii uffata sobbooqa utuma itti uffisanii iyyuu isatti ho'uu hin dandeenye.
[2] Kanaaf hojjetoonni isaa isatti dhi'aatanii,“Yaa mootii, durba siif ergamtee si gargaartu siif in barbaanna! Isheen akka sitti ho'uuf si bira in ciifti” jedhan.
[3] Kana booddee isaan guutummaa biyya Israa'el keessa durba bareedduu barbaadanii, intala “Abiishaag” jedhamtu tokko mandara Shuneemii argatanii gara mootichaatti in fidan.
[4] Intalattiin baay'ee miidhagduu, dhimmitees kan isa gargaartu turte; mootichi garuu ishee bira hin geenye.
[5] Baras Adoniyaan inni Haagiit deesse,“Ani mootiin ta'a” jedhee of in dhi'eesse; inni konkolaattotaa fi abboota fardeenii akkasumas namoota shantama isa dura kaatan in qopheeffate.
[6] Adoniyaan kun Abiishaalom irratti dhalate, baay'ee miidhagaa tures; Daawit abbaan isaa erga gaafa inni dhalatee jalqabee,“Maaliif kana yookiis sana goote?” jedhee takkaa isa gaafatee hin beeku.
[7] Adoniyaan waan gochuu yaade Yo'aab isa Zeruyaan deesse sanaaf Abiyaataar lubichaa wajjin in mari'ate; isaanis yaada isaa duukaa bu'anii isa in gargaaran.
[8] Garuu Zaadoq lubichi, Benaayaan ilmi Yehoyaadaa, Naataan raajichi, Shime'iinii fi Re'iin akkasumas loltoonni Daawit mooticha eegan yaada Adoniyaa hin fudhanne.
[9] Adoniyaan garuu dhagaa “Zohelet” isa boolla bishaanii En-Rogeelitti dhi'oo jiru biratti hoolota, sangootaa fi jiboota coccoomoo qalee aarsaa yeroo dhi'eessetti obboloota isaa ilmaan mootichaa fi hojjetoota mana mootummaa Yihudaa warra gurguddoota hundumaa in waame; [“Zohelet” jechuun “Bofa” jechuu dha].
[10] Garuu Naataan raajicha, Benaayaa, loltoota Daawit mooticha eeganii fi obboleessa isaa Solomoonin hin waamne.
[11] Yommus Naataan, Baat-Sheebaa haadha Solomooniin,“Daawit gooftaan keenya utuu hin beekin Adoniyaan ilmi isaa inni Haagiit deesse mootii akka ta'e ati hin dhageenyee”
[12] Amma akka ati lubbuu kee fi lubbuu Solomoon ilma keetii itti oolfattu sin gorsa;
[13] ammuma gara Daawit mootichaatti ol galiitii,“Yaa mootii, yaa gooftaa ko, ilmi koo Solomoon iddoo ati hin jirretti teessoo kee irra taa'ee akka mo'u ati kakaadhaan ana garbittii kee abdachiiftee hin turree ree” Egaa Adoniyaan attamitti mootii ta'e ree?” jedhiin!
[14] Utuma ati mootichaa wajjin dubbachaa jirtuu, ani si booddeedhaan dhufee, dubbii ati dubbatte kana nan cimsa” jedhe.
[15] Kana irratti Baat-Sheebaan gara iddoo ciisicha mootichaatti ol in galte; yommus mootichi baay'ee dulloomee waan tureef, Abiishaag isa biratti argamtee isa in gargaarti turte.
[16] Baat-Sheebaan akkuma ol galteen mootichaaf qoommaatee fuula isaa duratti in jilbeenfatte; mootichi immoo,“Maal akkan siif godhu feeta?” jedhee ishee in gaafate.
[17] Isheen immoo deebiftee mootichaan,“Yaa gooftaa ko, ilmi koo Solomoon iddoo ati hin jirretti teessoo kee irra taa'ee akka mo'u maqaa Waaqayyo goftaa keetiitiin kakattee ana garbittii kee hin abdachiifnee ree”
[18] Amma garuu kunoo, Adoniyaan mootii ta'eera; yaa mootii, yaa gooftaa ko, ati immoo waa'ee kanaa hin beektu.
[19] Inni sangoota, jiboota coccoomoo fi hoolota baay'ee qalee aarsaa yeroo dhi'eessetti ilmaan kee warra kaan, Abiyaataar lubicha, Yo'aab ajajjuu humna waraanaas waameera; hojjetaa kee Solomoonin garuu hin waamne.
[20] Yaa mootii, yaa gooftaa ko, egaa si booddeedhaan teessoo kee irra taa'uuf kan jiru eenyu akka ta'e ati akka himtuuf, namoonni Israa'el guutummaatti si dhaggeeffachaa jiru.
[21] Yoo ati himuu dhabaatte garuu akkuma ati mootichi gooftaan koo boqottee geggeeffamtuun anii fi Solomoon ilmi koo jibbamoo in taana” jette.
[22] Utuu isheen mootichaa wajjin dudubbachaa jirtuu, Naataan raajichi ol in gale.
[23] Naataan raajichi akka dhufe mootichatti in himan; Naataanis fuula mootichaa duratti dhi'aatee hamma lafa ga'utti in qoomma'e.
[24] Naataan raajichi yommus mootichaan,“Yaa mootii, yaa gooftaa ko,“Iddoo ani hin jirretti Adoniyaan mootii ta'ee teessoo koo irra haa taa'u!” jetteettaa ree”
[25] Kunoo, inni har'a gad bu'ee sangoota, jiboota coccoomoo fi hoolota baay'ee qalee yeroo aarsaa dhi'eessetti ilmaan mootichaa, angafoota loltootaa fi Abiyaataar lubicha waameera; kunoo isaan amma isa duratti nyaachaa, dhugaa,“Yaa Adoniyaa, yaa mootii, bara dheeraa jiraadhu!” jechaa jiru.
[26] Garuu ana garbicha kee, Zaadoq lubicha, Benaayaa ilma Yehoyaadaa fi Solomoonin garbicha kee hin waamne.
[27] Dubbiin kun si gooftaa koo mooticha biraa ba'ee, iddoo ati mootichi gooftaan koo hin jirretti teessoo kee irra kan taa'u eenyu akka ta'e nuyi garboota keetti hin himamin hafee ree?” jedhe.
[28] Yommus Daawit mootichi,“Baat-Sheebaa ol anaaf waamaa!” jedhe; isheenis ol lixxee fuula mootichaa dura in dhaabatte.
[29] Yommus mootichi kakatee,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, isa rakkina koo hundumaa keessaa na baasee,
[30] “Solomoon ilmi kee iddoo ani hin jirretti in mo'a, iddoo koo teessoo koo irra in taa'a” jedhee maqaa Waaqayyo gooftaa Israa'eliin isan siif kakadhe, har'a nan raawwadha” jedhe.
[31] Yommus Baat-Sheebaan hamma lafa geessutti qoommaatee, fuula mootichaa dura jilbeenfattee,“Gooftaan koo Daawit mootichi bara baraan haa jiraatu!” jette.
[32] Kana booddee Daawit mootichi,“Zaadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa ilma Yehoyaadaa ol waamaa!” jedhe; jarri waamamanis gara mootichaatti ol in galan.
[33] Mootichi isaaniin,“Hojjetoota gurguddoota mana mootummaa kootii waammadhaa, ilma koo Solomoonin gaangoo koo yaabbachiisaatii gara burqituu Giihonitti geessaa!
[34] Achitti Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi isa dibanii saba Israa'el irratti isa haa moosisan! Isin immoo fiingee afuufaatii,“Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhaa!
[35] Inni teessoo koo irra taa'ee iddoo koo mootii ta'ee, Israa'elii fi Yihudaa irratti akka mo'uuf ani isa fo'adheeraatii isin of dura isa buusaatii deebi'aa ol ba'aa!” jedhe.
[36] Benaayaan ilmi Yehoyaadaa mootichaaf deebisee,“Ameen! Waaqayyo, gooftaan gooftaa koo mootichaas immoo akkasuma haa jedhu!
[37] Waaqayyo akkuma gooftaa koo mootichaa wajjin ture, akkasuma immoo Solomoonii wajjin haa ta'u! Mootummaa isaas mootummaa gooftaa koo Daawit mootichaa caalaa haa jabeessu!” jedhe.
[38] Kana booddee Zaadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaan ilmi Yehoyaadaa akkasumas Keretoonnii fi Pheletoonni warri mooticha eegan Solomoonin gaangoo mootichaa yaabbachiisanii, of gidduu buufatanii gara burqituu Giihonitti in geessan.
[39] Zaadoq lubichi godicha qulqullaa'aa keessaa gaanfa dhadhaa ejersaa qabu fuudhee Solomoonin in dibe; warri kaan immoo fiingee afuufanii sagalee guddaadhaan,“Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jechaa isa duukaa in adeemu turan.
[40] Namoonni isaa wajjin turan hundinuu isa of dura buusanii, baay'ee waan gammadaniif, hamma sagaleen isaa lafa tarsaasutti faaggaa afuufanii, sirbaa duukaa ol in ba'an.
[41] Adoniyaa fi keessummoonni waamamanii isaa wajjin jiran hundinuu nyaataa fi dhugaatii akkuma raawwataniin sagalee sirbaa in dhaga'an; Yo'aab sagalee fiingee yommuu dhaga'e,“Sagaleen fiingee mandaraadhaa dhaga'amu kun maali?” jedhee in gaafate.
[42] Utuma inni kana dubbachaa jiruu Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa in dhufe; Adoniyaan yommus Yonaataaniin,“Ati nama jabaa waan taateef, oduu gaarii qabdaatii mee ol lixi!” jedhe.
[43] Yonaataan immoo deebiseefii,“Gooftaan keenya Daawit mootichi Solomoonin moosiseera.
[44] Zaadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehoyaadaa akkasumas Keretootaa fi Pheletoota isaa wajjin ergeera; isaanis gaangoo mootichaa irra teessisanii isa in geessan.
[45] Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi burqituu Giihon biratti Solomoonin dibanii in moosisan; namoonni isaa wajjin turanis hamma mandarattiin sochootutti gammachuudhaan sirbaa ol in ba'an; sagaleen isin dhageessan kun isa.
[46] Solomoonis teessoo mootummaa sana irra taa'eera.
[47] Kana malees gurguddoonni mootichaa gooftaa keenya Daawit mootichaaf gammaduudhaaf gara isaatti ol galanii,“Waaqayyoon kee isa ati beekamte caalaa Solomoon akka beekamu haa godhu! Mootummaa isaas mootummaa kee caalaa haa jabeessu!” jedhaniiru; mootichis sireedhuma isaa irratti gad gombifamee,
[48] “Waaqayyo inni kan Israa'el, har'a sanyii koo keessaa nama mootii ta'ee teessoo koo irra taa'u kan na argisiise haa galateeffamu!” jedheera” jedhe.
[49] Kana irratti keessummoonni Adoniyaan waame hundinuu na'anii ka'anii kara karaa in faffaca'an.
[50] Adoniyaan garuu Solomoonin sodaatee ka'ee gara iddoo aarsaatti baqatee gaanfa iddoo aarsaa sana harkaan in qabate.
[51] Yommus Adoniyaan sodaatee,“Solomoon mootichi ana garbicha isaa billaadhaan akka hin ajjeefne har'a anaaf haa kakatu!” jedhee, gaanfa iddoo aarsaa akka qabate Solomoon mootichatti in himan.
[52] Solomoon deebisee,“Inni nama amanamaa yoo ta'e, rifeensa mataa isaatiitti illee namni bu'u hin jiru; wanta hamaa yoo hojjete garuu in ajjeefama” jedhe.
[53] Yommus Solomoon mootichi, Adoniyaatti namoota in erge; isaanis dhaqanii iddoo aarsaatii gad isa in buusan; inni kana booddee gara mana mootummaa dhaqee ol lixee Solomoon mootichaaf in qoomma'e; Solomoon immoo,“Gara mana kee dhaqi!” ittiin jedhe.