[1] Moottuun biyya Sheebaa oduu Solomoon isa Waaqayyo ittiin ulfina argatuu yommuu dhageesse, gaaffii cimaadhaan qortee isa ilaaluudhaaf gara isaa in dhufte.
[2] Isheen namoota baay'ee fudhattee, urgooftuu garaa garaa warqee fi dhagaa gati-jabeeyyii danuu gaalotatti feesifattee Yerusaalemin yommuu geesse, gara Solomoon mootichaa dhaqxee, wanta garaa isheetti yaadde hundumaa isaa wajjin in dubbatte.
[3] Yommus Solomoon gaaffii isheen gaafatte hundumaaf deebii in kenne; wanti mootichi isheedhaaf deebisuu dadhabe tokko illee hin turre.
[4] Mootuun biyya Sheebaa ogummaa Solomoon hundumaa yommuu argite, mana mootummaa inni ijaare,
[5] nyaata maaddii isaatti dhi'aatu, akka itti hojjetoonni isaa warri gurguddoonni taa'an, akka itti namoonni isaaf ergaman uffatanii dhaabatan, warra dhugaatii isaaf dhi'eessan akkasumas Solomoon gara mana qulqullummaatti ol ba'ee qalma gubamu utuu dhi'eessuu yommuu argite dinqisiifattee hafuurri ishee gargar in cite.
[6] Yommus isheen mootichaan,“Inni ani waa'ee hojii keetii fi waa'ee ogummaa keetii biyya kootti dhaga'e dhugaa dha.
[7] Garuu hamma ani ofii kootii dhufee ija kootiin isa argutti dubbii kana amanuu hin dandeenye; kunoo, walakkaadhumti isaa iyyuu anatti hin himamne; ati isan dhaga'e caalaa ogummaa fi badhaadhummaa baay'ee qabda.
[8] Namoonni kee attam haa gammadan! Hojjetoonni kee warri gurguddoonni warri yeroo hundaa si bira jiran, jecha kee isa ogummaadhaan guute yommuu dhaggeeffatan hammam haa gammadan!
[9] Waaqayyo gooftaan kee inni si jaallatee teessoo saba Israa'el irra si kaa'e haa jajamu! Waaqayyo jaalala bara baraatiin saba Israa'el waan jaallateef, ati firdii qajeelaa akka kennituuf, wanta isa duratti fudhatamaa ta'e akka hojjettuuf si moosise” jette.
[10] Kana booddee isheen warqee akka kuntaala afurtamaa, urgooftuu garaa garaa danuu akkasumas dhagaa gati-jabeeyyii Solomoon mootichaaf in kennite; ergasii mootichi urgooftuu hamma mootuun biyya Sheebaa isaaf kennite baay'atu argatee hin beeku.
[11] Markaboonni Hiiraam warri biyya Ofiirii warqee fidan, muka sandalii baay'ee fi dhagoota gati-jabeeyyii baay'ees immoo in fidan.
[12] Mootichi yommus mana qulqullummaa fi mana mootummaafis muka sandalii irraa tuggeewwan in tolchisiise; faarfatootaafis immoo muka sandalii irraa kiraaraa fi maseenqoo in tolchisiise; erga barasiitii mukti sandalii hammana baay'atu biyya Israa'elitti takkaa galfamee yookiis argamee hin beeku.
[13] Yommus Solomoon mootichi mootuu biyya Sheebaatiif kennaa isa ofii isaatii kenneef irratti dabalee, waanuma garaan ishee hawwee isa kadhatte hundumaa in kenneef; kana booddee isheen namoota ishee wajjin gara biyya isheetti in deebite.
[14] Solomoon mootichi waggaa waggaatti warqee akka kuntaala dhibba lamaa fi digdamii ja'aa miijanu in argata ture.
[15] Kana malees, naggaadonni gurguddoonnii fi naggaadonni warri kaan, mootonni biyya Arabaa hundinuu fi bulchitoonni biyyichaa gibira isaaf in baasu turan.
[16] Solomoon mootichi gaachana gurguddaa dhibba lama warqee qullaa'aa irraa in hojjechiise; tokkon tokkon gaachanichaa warqee akka kiilo graamii sadii fi walakkaa miijanuun in hojjetame.
[17] Akkasumas gaachana xixinnaa dhibba sadii warqee qullaa'aa irraa in hojjechiise; tokkon tokkon gaachanichaa warqee akka kiilo graamii lamaa miijanuun in hojjetame; mootichi gaachanoota kana hundumaa kutaa mana mootummaa isa “Caakkaa Liibaanon” jedhamu keessa in keessise.
[18] Kana booddee mootichi teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjechiisee, warqee ba'eessa itti in uffisiise.
[19] Teessichi buusaa ja'a qaba ture; mataan irkoo isaatii gara dugda duubaatti gara galaa dha; bukkee isaa garasii fi garanaan immoo wanta harka irra kaa'atan qaba ture; bukkee wanta harka irra kaa'atan sana lamaaniitiin immoo fakkaattii leencaa lamatu dhaabamanii jiru.
[20] Fiixee buusaa ja'aan garasii fi garanaan fakkaattii leencota kudha lamaatu dhadhaabata ture; wanti akkasii mootummaa isa kam keessatti illee takkaa hojjetamee hin beeku.
[21] Qodaan dhugaatii Solomoon mootichaa hundinuu fi qodaan mana mootummaa isa “Caakkaa Liibaanon” jedhamu keessa jiran hundinuu warqee qullaa'aa irraa hojjetaman; bara Solomoon keessa meetiin gatii guddaa waan hin qabneef, homtuu ittiin hin hojjetamne.
[22] Solomoon mootichi markaboota ittiin nagadan qaba ture; isaan markaboota Hiiraamii wajjin nagadaaf galaana irra in deddeebi'u turan; markaboonni sunis waggaa sadiitti al tokko warqee, meetii, ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa in fidu turan.
[23] Solomoon mootichi ogummaa fi badhaadhummaadhaan mootota saba lafa irraa warra kaan hundumaa in caala ture.
[24] Sabni lafa irraa hundinuu ogummaa Waaqayyo Solomooniif kenne dhaga'uudhaaf in hawwu turan.
[25] Warri isa bira dhufan hundinuu mi'a meetii fi warqee irraa hojjetame, uffata, mi'a waraanaa, urgooftuu akkasumas fardeenii fi gaangolii fidanii in kennuuf turan; kunis wagguma waggaan ittuma in fufe.
[26] Solomoon konkolaattotaa fi abboota fardeenii baay'ee walitti in qabate; inni konkolaattota kuma tokkoo fi dhibba afurii fi abboota fardeenii kuma kudha lama qaba ture; isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e.
[27] Bara mootummaa isaa keessa Yerusaalem keessatti meetiin akkuma dhagaa akka baay'atu, gaatirraanis akka mukti harbuu biyya gaara jalaatti baay'atu akka baay'atu in godhe.
[28] Solomoon mootichi fardeen isaa biyya Gibxii fi biyya Qiliiqiyaa keessaa in fichisiise; naggaadonni isaa biyya Qiliiqiyaa keessaa bitanii in fidu turan.
[29] Konkolaataa tokko meetii akka kiilo torbaa miijanuun, farda tokko immoo meetii akka kiilo tokkoo fi walakkaa miijanuun biyya Gibxii keessaa in bitu, dabarsaniis mootii Heetotaa fi mootii Sooriyaatti in gurguru turan.