Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:19

[1] Ahaab mootichi wanta Eliyaas hojjete hundumaa, attamittis raajota Ba'aal hundumaa billaadhaan akka fixe Iizaabel haadha manaa isaatti in hime.

[2] Kana irratti Iizaabel gara Eliyaasitti nama ergitee,“Akkuma ati raajota Ba'aal fixxe, bor yowwana yoon si ajjeesuu dhabaadhe, waaqayyoliin ana haa ajjeesan!” jette.

[3] Yommus Eliyaas sodaatee lubbuu isaa oolfachuuf ka'ee in baqate; Yihudaa keessaa mandara Bersheebaa yommuu ga'e, naa'oo isaa achitti dhiisee,

[4] ofii isaatii lafa onaa keessa adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemee booddee, muka akka dhandhansaa tokko jala in taa'e; achittis,“Ani abboota koo irra waanan hin wayyineef, amma na ga'aatii yaa Waaqayyo na ajjeesi!” jedhee in kadhate.

[5] Inni mukicha jala gad ciisee rafaa utuu jiruu, kunoo, ergamaan Waaqayyoo tokko dhufee isa rurrukutee,“Ka'iitii nyaadhu!” jedheen.

[6] Yommus Eliyaas dammaqee asii fi achi ilaalee, bixxillee barbadaa ibiddaa irra jiruu fi bishaan cuggee tokko mataa isaa duratti in arge; ka'ees bixxillicha nyaatee, bishaanichas dhugee deebi'ee in rafe.

[7] Ergamaan Waaqayyoo sun si'a lammaffaa deebi'ee gara isaa dhufee isa rurrukutee,“Karaa fagoo waan adeemtuuf, ka'iitii nyaadhu!” jedheen.

[8] Eliyaas yommus ka'ee in nyaate, in dhuges; humna nyaatichi kenneefiinis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama hamma Siinaa tulluu Waaqayyootti in adeeme.

[9] Tulluu sana irra yommuu ga'es holqa dhagaa tokko keessa lixee achi keessa in bule; kunoo, dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee,“Yaa Eliyaas asii maal hojjetta?” jedhee isa in gaafate.

[10] Inni immoo deebisee,“Sabni Israa'el kakuu siif galan dhiisanii iddoo aarsaa kee diiganii raajota kees billaadhaan waan fixaniif, si Waaqayyo gooftaa maccaatiif baay'ee nan hinaafan ture; raajota kee keessaa anuma duwwaatu hafe, anuma iyyuu immoo ajjeesuu in barbaadu” jedhe.

[11] Waaqayyo immoo,“Ani achiin nan darbaatii holqicha keessaa ba'ii roggee tullichaa irra fuula koo dura dhaabadhu!” jedheen; yommus qilleensi humna-qabeessi jabaan tulloota tatarsaasaa, kattaawwan dadayyaasaa Waaqayyo dura in darbe; Waaqayyo garuu isa keessa hin turre; qilleensicha booddee immoo socho'a lafaatu ta'e; Waaqayyo garuu socho'icha lafaa sana keessa hin turre.

[12] Socho'icha lafaa booddee immoo ibiddatu dhufe; Waaqayyo garuu ibiddicha keessa hin turre; ibiddicha booddee immoo wanta akka sagalee hasaasaatu dhaga'ame.

[13] Eliyaas yeroo kana dhaga'etti wayyaa isaa fuulatti haguuggatee gad ba'ee, balbala holqichaa dura in dhaabate; kunoo, sagalee,“Yaa Eliyaas asii maal hojjetta?” jedhu in dhaga'e.

[14] Inni immoo deebisee,“Sabni Israa'el kakuu siif galan dhiisanii, iddoo aarsaa kee diiganii, raajota kees billaadhaan waan fixaniif, si Waaqayyo gooftaa maccaatiif baay'ee nan hinaafan ture; raajota kee keessaa anuma duwwaatu hafe, anuma iyyuu immoo ajjeesuu in barbaadu” jedhe.

[15] Waaqayyo immoo isatti dubbatee,“Karaa dhufte irra deebi'iitii gara lafa onaa isa Damaasqoo keessaa dhaqi! Yommuu achi geessu Hazaa'elin dibiitii Sooriyaa irratti isa moosisi!

[16] Akkasumas immoo Yehuu ilma Niimshaayi dibiitii Israa'el irratti isa moosisi! Si booddeedhaan raajii akka ta'utti iddoo “Abeel Meholaa” jedhamuu immoo, Elsaa'i ilma Shaafaax dibi!

[17] Billaa Hazaa'el jalaa baqatee isa ba'e, Yehuutu ajjeesa; billaa Yehuu jalaa baqatee isa ba'e immoo Elsaa'itu ajjeesa.

[18] Saba Israa'el keessaa jilba isaaniitiin jilbeenfatanii Ba'aaliif kan hin sagadin, afaan isaaniitiinis kan isa hin dhungatin namoota kuma torba guutuu hambifadheera” jedhe.

[19] Ergasii Eliyaas achii ka'ee utuu adeemuu, Elsaa'i qotiisa qotaa utuu jiruu in arge; qotiyyoo cimdiin kudha tokko isa dura turan, cimdii kudha lammaffaatiin immoo ofii isaatii in qota ture; Eliyaas isa bira yommuu ga'e wayyaa isaa of irraa fuudhee darbatee isa irra in buuse.

[20] Yommus Elsaa'i, qotiyyoota isaa achitti dhiisee Eliyaas duukaa fiigee,“Dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhudhungadhee, nagaa itti dhaamee deebi'ee si duukaa akkan bu'uuf sin kadhadha” jedhe; Eliyaas immoo deebiseefii,“Ani si hin dhowwu, deebi'i!” jedhe.

[21] Kana irratti Elsaa'i isa biraa deebi'ee qotiyyoo cimdii tokko qalee, foonichas mi'a qotiyyootiin affeelee namoota isaatiif in kenne, isaanis in nyaatan; kana booddee Elsaa'i ka'ee Eliyaas duukaa in bu'e, gargaartuu isaas in ta'e.

Macaafa Moototaa Isa Duraa — Chapters