Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:07

[1] Yerobi'aam ilmi Nebaat Israa'el irratti mo'ee waggaa kudha saddeettaffaa isaatti Abiiyaan biyya Yihudaa irratti mootii in ta'e.

[2] Abiiyaan mootichi Yerusaalem keessa taa'ee waggaa sadii in mo'e; maqaan haadha isaatii“Ma'akaa” jedhama; isheen intala Abiishaalom.

[3] Mootichi cubbuu abbaan isaa dur hojjechaa ture hundumaa in hojjete; inni akka Daawit akaakilii isaatii garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaatiif hin kennine.

[4] Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo gooftaan isaa sababii Daawitiif jedhee mandara Yerusaalem jabeessee, ilma isa booddeedhaan teessoo isaa irra taa'u kennuufii isaatiin isa akka ibsaatti abdachiifame sana in raawwateef.

[5] Kunis sababii Daawit waa'ee dubbii Uriiyaa Heetichaa irraa kan hafe bara jireenya isaa guutuu wanta Waaqayyo isa abboome hundumaa irraa utuu hin jal'atin fuula isaa duratti wanta qajeelaa hojjeteef ta'e.

[6] Lolli Rehobiyaamii fi Yerobi'aam gidduu ture sun ammas Abiiyaa ilma Rehobiyaamitti darbee guutummaa bara jireenya isaatiitti ittuma fufe.

[7] Waa'een Abiiyaa mootichaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree” Abiiyaanii fi Yerobi'aam wal lolaa turan.

[8] Abiiyaan du'ee, mandara Daawit keessatti in awwaalame; Aasaan ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.

[9] Yerobi'aam Israa'el irratti mo'ee waggaa digdammaffaa isaatti, Aasaan biyya Yihudaa irratti mootii in ta'e.

[10] Inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa afurtamii tokko mo'e; maqaan akkoo isaatii“Ma'akaa” jedhama; isheen intala Abiishaalom.

[11] Aasaanis akkuma Daawit abaabayyuu isaa wanta fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e in hojjete.

[12] Dhiirota galma keessatti ejjaaf qophaa'anii taa'an biyyicha keessaa in balleesse; waaqayyolii tolfamoo abboonni isaa hojjetatanis buqqisee in gate.

[13] Inni akkoo isaa Ma'akaa ishee haadha mootii turte sana iyyuu sababii isheen fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu isa jibbisiisaa dhaabbatteef, iddoo ulfinaa ishee irraa ishee buusee, waaqayyittii tolfamtuu ishees murmuree dachaa Qedroonitti in gube.

[14] Iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadan hundinuu diigamanii hin dhumne yoo ta'e iyyuu, Aasaan bara jireenya isaa hundumaa garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee ture.

[15] Inni mi'a garaa garaa, meetii fi warqee isa abbaan isaatii fi inni ofii isaatii Waaqayyoof addaan baasanii turan hundumaa fidee mana qulqullummaa keessa in kaa'e.

[16] Aasaan mootiin Yihudaa fi Baa'ishaan mootiin Israa'el bara mootummaa isaanii hundumaa wal waraanaa turan.

[17] Baa'ishaan mootiin Israa'el biyya Yihudaatti duulee, karaa sana namni gara biyya Yihudaatti akka hin linnetti, achi keessaas akka hin baanetti mandara Raamaatti masaraa jabeessee in ijaare.

[18] Kana irratti Aasaan meetii fi warqee iddoo qabeenyi mana qulqullummaa fi qabeenyi mana mootummaa taa'u keessatti hafan hundumaa fuudhee hojjetoota isaa warra gurguddootatti kennee Ben-Hadaad mootii Sooriyaa isa Damaasqoo keessa jiraatuuf in erge; Ben-Hadaad kun ilma Xaabriimon Heziyon.

[19] Aasaan mootichi Baa'ishaadhaan,“Akkuma abbaan koo fi abbaan kee kakuudhaan waliif galanii turan akkasuma anis sii wajjin kakuudhaan waliif galuu nan barbaada. Kunoo, ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera, akka inni ana irraa deebi'utti isa Baa'ishaa mootii Israa'elii wajjin kakuudhaan waliif galtan sana cabsi!” jedhe.

[20] Ben-Hadaad yommus Aasaa mootichaaf tole jedhee, ajajjuu humna waraanaa gara mandaroota Israa'elitti in erge; isaanis Iiyon, Daan, Abeel Bet-Ma'akaa, guutummaa Kenerootii fi guutummaa biyya Niftaalem in qabatan.

[21] Baa'ishaan mootiin Israa'el kana yommuu dhaga'e, mandara Raamaatti masaraa ijaarsisuu dhiisee deebi'ee Tiirzaa keessa in jiraate.

[22] Ergasii Aasaan mootichi namoota biyya Yihudaa hundumaatti labsii in labsisiise; isaan keessaa namni tokko illee utuu hin hafin dhufanii, dhagaa fi muka isa Baa'ishaan ittiin masaraa Raamaa ijaarsisaa ture sana fuudhanii in adeeman; Aasaan mootiin Yihudaa dhagaa kanaa fi muka kanaan Gebaa mandara Benyaamiinii fi Miisphaatti masaraa in ijaarsise.

[23] Dulluma isaa keessa garuu miilla isaatu dhukkubsate; waa'een Aasaa mootichaa inni hafe hundinuu, jabinni isaa, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, mandaroonni inni ijaares macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree”

[24] Aasaan du'ee, mandara Daawit keessatti abboota isaa biratti in awwaalame; Yoshaafaax ilmi isaa immoo qooda isaa mootii in ta'e.

[25] Aasaa mootichi biyya Yihudaa irratti mo'ee waggaa lammaffaa isaatti Naadaab ilmi Yerobi'aam mootii ta'ee biyya Israa'el irratti waggaa lama in mo'e.

[26] Inni karaa abbaa isaatii irra in deddeebi'e; cubbuu isuma abbaan isaa hojjete ofii isaatii hojjetee, saba Israa'elis hojjechiisuu isaatiin Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.

[27] Naadaab kunii fi Israa'eloonni loltoonni isaa Giibetoon mandara Filisxeemotaatti marsanii utuu jiranii, gosa Yisaakor keessaa Baa'ishaa ilmi Ahiiyaa Naadaabitti malee, isa in ajjeese.

[28] Aasaa mootiin Yihudaa mo'ee waggaa sadaffaa isaatti, Baa'ishaan immoo Naadaabin ajjeesee qooda isaa mootii in ta'e.

[29] Inni akkuma mootummaa isaa jalqabeen maatii Yerobi'aam guutummaatti ajjeesee in fixe; akkuma Waaqayyo karaa hojjetaa isaa Ahiiyaan Shiilonichaa dubbate, inni maatii Yerobi'aam tokko illee utuu hin hambisin guutummaatti in fixe;

[30] kun sababii cubbuu isa Yerobi'aam ofii isaatii hojjetee, Israa'eloonni cubbuu akka hojjetan godhee, Waaqayyoon goofticha Israa'el immoo tuttuqee aarseef ta'e.

[31] Waa'een Naadaab mootichaa inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree”

[32] Aasaan mootiin Yihudaa fi Baa'ishaan mootiin Israa'el bara mootummaa isaanii hundumaa wal waraanaa turan.

[33] Aasaan mootiin Yihudaa mo'ee waggaa sadaffaa isaatti, Baa'ishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessa taa'ee guutummaa biyya Israa'el irratti waggaa digdamii afur in mo'e.

[34] Inni karaa Yerobi'aam irra in deddeebi'e; cubbuu isuma Yerobi'aam hojjete ofii isaatii hojjetee, saba Israa'elis hojjechiisuu isaatiin Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.

Macaafa Moototaa Isa Duraa — Chapters