Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 12:45

[1] Eliyaas yeroo dheeraa erga achi turee booddee, waggaa sadaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee,“Dhaqiitii Ahaab mootichatti mul'adhu! Ani immoo lafa irratti bokkaa nan roobsa” jedhe.

[2] Eliyaas kana irratti Ahaabitti mul'achuudhaaf in dhaqe; yeroo kanatti beelli Samaariyaa keessatti baay'ee cimee ture.

[3] Ahaab immoo itti gaafatamaa mana mootummaa isaatii Obaadiyaa in waamsise; Obaadiyaan kun nama garaa isaa guutummaatti Waaqayyoof kenne ture.

[4] Iizaabel yeroo raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti, Obaadiyaan immoo raajota dhibba tokko jalaa fuudhee, shantama shantamaan holqa dhagaa keessa isaan dhoksee, achitti buddeenaa fi bishaan in kennisiisaaf ture.

[5] Ahaab mootichi Obaadiyaadhaan,“Ka'iitii biyyicha keessa, laga keessa, burqituu bishaanii hundumaa irras adeemi! Tarii marga yoo arganne fardeenii fi gaangolii ittiin in jiraachifna, horii keenya warra kaanis du'a in oolfanna” jedhe.

[6] Ahaabii fi Obaadiyaan biyya keessa adeemanii waliin ga'uu barbaadan erga gargar hirmatanii booddee, Ahaab karaa tokko irra baanaan, Obaadiyaan immoo karaa biraa irra goree in adeeme.

[7] Obaadiyaan utuu adeemaa jiruu Eliyaasii wajjin walitti in dhufan; Obaadiyaan namichi isatti dhufe Eliyaas ta'uu isaa hubatee lafa ga'ee qoomma'eefii,“Ati dhuguma gooftaa koo Eliyaasii?” jedhee gaafate.

[8] Eliyaas immoo,“Eyyee ana, dhaqiitii“Eliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi!” jedhee deebii in kenneef.

[9] Obaadiyaan deebisee Eliyaasiin,“Ani maal si yakkinaan Ahaab ana garbicha kee akka ajjeesuuf harka isaatti dabarsitee na laatta”

[10] Dhugaa Waaqayyo gooftaa kee isa jiraataa ti, gooftaan koo si barbaachisuudhaaf sabnii fi mootummaan inni nama itti hin ergin tokko illee hin jiru; saba yookiis mootummaa,“Inni as hin jiru” jedhu immoo kakachiisaa iyyuu ture.

[11] Amma ati immoo,“Dhaqiitii:- Eliyaas as jira jedhiitii gooftaa keetti himi!” anaan jettaa ree”

[12] Yommuu ani si biraa adeemu, hafuurri Waaqayyoo eessatti akka si geessu waan ani hin beekneef, yoon dhaqee isatti himnaan inni immoo si arguu dhabaate, ana in ajjeesa; ani garbichi kee ijoollummaa kootii jalqabee Waaqayyoon nan sodaadha.

[13] Iizaabel yommuu raajota Waaqayyoo ajjeesisaa turte ani immoo raajota Waaqayyoo keessaa dhibba tokko, shantama shantamaan holqa dhagaa keessa dhoksee buddeenaa fi bishaan akkan isaaniif kennisiisaa ture ati gooftaan koo hin dhageenyee ree”

[14] Egaa innoo ana in ajjeesa, attamitti,“Dhaqiitii:- Eliyaas as jira jedhii gooftaa keetti himi!” naan jetta ree?” jedhe.

[15] Eliyaas immoo,“Dhugaa Waaqayyo gooftaa maccaa isa ani hojjedhuufii, har'a ani Ahaab mootichatti dhuguma nan mul'adha” jedhee Obaadiyaadhaaf deebii in kenne.

[16] Kana irratti Obaadiyaan gara Ahaab dhaqee itti in hime; Ahaab yommus ka'ee gara Eliyaas in dhaqe.

[17] Ahaab yommuu Eliyaasin arge,“Edaa, sii inni Israa'elin rakkisu?” jedheen.

[18] Eliyaas immoo deebiseefii,“Sii fi hortee abbaa keetiitu Ba'aal duukaa bu'ee abboommii Waaqayyoo dhiisuudhaan Israa'elitti rakkina fidde malee, ani rakkina itti hin fidne.

[19] Egaa amma nama ergiitii Israa'eloota hundumaa, raajota Ba'aal dhibba afurii fi shantamman akkasumas raajota Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu dhibba arfan warra maaddii Iizaabel irraa nyaatan sana tulluu Qarmelos irratti walitti anaaf qabi!” jedhe.

[20] Kana irratti Ahaab Israa'eloota hundumaatti nama ergee tulluu Qarmelos gubbaatti raajota sana walitti in qabsiise.

[21] Eliyaas yommus namoota sana hundumaa duratti ba'ee,“Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta'a” Gooftichi Israa'el Waaqayyoo dha yoo ta'e, isa duukaa bu'aa! Yookiis Ba'aaltu Waaqayyoo dha yoo ta'e, isa duukaa bu'aa!” isaaniin jedhe; jarri garuu waan tokko illee hin dubbanne.

[22] Yommus Eliyaas namoota sanaan,“Raajota Waaqayyoo keessaa ana duwwaatu hafe, Ba'aal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba.

[23] Egaa tuntunoota lama nuuf dhi'eessaa, raajonni Ba'aal kun tuntunoo tokko fo'atanii haa qalan! Foon isaa immoo buusaa buusaatti kukkutanii qoraan irra haa naqan! Garuu ibidda itti hin qabsiisin! Ani immoo tuntunoo isa kaan qopheessee qoraan irra nan naqa, garuu ibidda itti hin qabsiisu.

[24] Isaan waaqayyo isaanii maqaa dha'anii haa kadhatan, anis Waaqayyoon maqaa dha'ee nan kadhadha; Waaqayyo inni ibidda erguu isaatiin deebii kennu inni dhuguma Waaqayyoo dha” jedhe; namoonni sun hundinuu deebisanii,“Dubbiin kun ba'eessa” jedhaniin.

[25] Eliyaas yommus raajota Ba'aaliin,“Isin baay'ee waan taataniif, tuntunoo tokko fo'adhaatii dura qopheessaa; Waaqayyo keessan maqaa dha'aatii kadhadhaa, ibidda garuu itti hin qabsiisinaa!” jedhe.

[26] Isaan tuntunoo isaaniif kenname sana qalanii qopheessanii,“Yaa Ba'aal deebii nuuf kenni!” jedhanii ganamaa hamma waareetti Ba'aalin maqaa dha'anii in kadhatan; isaan ofumaa iddoo aarsaa isa ijaaran sanatti naanna'anii sirban malee, sagaleen hin turre; kan isaaniif deebii kennes hin argamne.

[27] Gara sa'aatii ja'aa yommuu ta'e Eliyaas,“Inni waaqayyolii keessaa tokko; tarii yaadatu isa fudhatee sokke, yookiis hojiitu itti baay'ate, yookiis karaa adeemaa jira, yookiis immoo rafaa jira waan ta'eef, isa dammaqsuudhaaf guddisaatii iyyaa!” jedhee isaanitti in ga'ise.

[28] Isaan sagalee guddaadhaan iyyanii, akkuma amala isaanii dhiigni isaanii hamma lola'utti billaadhaa fi eeboodhaan of in murmuran.

[29] Waaree booddees hamma yeroo aarsaa galgalaatti ittuma fufanii in caraanan; garuu sagaleen kan biraa hin turre, kan isaaniif deebii kenne hin argamne, namni yaadaan isaan qabes hin turre.

[30] Yommus Eliyaas,“Amma immoo as gara koo kottaa!” jedhee jaratti in dubbate; jarris gara isaa in dhaqan; inni immoo iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan isa diigamee ture deebisee in ijaare.

[31] Inni lakkoobsa gosa ilmaan Yaaqoob kudha lamaaniin dhagaa kudha lama walitti in qabate; Yaaqoob kun isa Waaqayyoo,“Maqaan kee Israa'el in jedhama” ittiin jedhee turee dha.

[32] Dhagoota kanaan Waaqayyoof iddoo aarsaa in ijaare; iddoo aarsaa kanatti naannessee immoo boolla akka bishaan liitrii kudha shanii baachuu danda'u in qote.

[33] Qoraan iddoo aarsaa sana irra naqee, tuntunoo qalame sana kukkutee qoraanicha irra in naqe; kana booddees,“Bishaan okkotee afur guutaatii qalmicha gubamuu fi qoraanicha irratti dhangalaasaa!” isaaniin jedhe.

[34] Itti fufee,“Si'a lammaffaas akkuma ammaa kana godhaa!” isaaniin jedhe; isaanis si'a lammaffaa itti in dhangalaasan; inni immoo,“Si'a sadaffaas akkasuma godhaa!” jedhee in abboome; isaanis si'a sadaffaa akkasuma in godhan.

[35] Bishaanichis gad yaa'ee boolla iddoo aarsaa sanatti naanneffamee qotame iyyuu in guute.

[36] Yeroo aarsaa galgalaatti, Eliyaas raajichi gara iddoo aarsaatti dhi'aatee,“Yaa Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam, kan Yisihaq, kan Yaaqoobis ati Waaqayyo isa kan Israa'el akka taate, ani garbicha kee akkan ta'e, wanta kana hundumaas abboommii keetiin akkan godhe har'a akka beekamu godhi!

[37] Jarri kun ati Waaqayyo gooftaa akka taate, yaada isaanii gara ofii keetti deebisuuf akka jirtu akka beekanitti anaaf dhaga'i! Yaa Waaqayyo, anaaf dhaga'i!” jedhee in kadhate.

[38] Yommus ibiddi waaqa irraa bu'ee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo gubee, bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse.

[39] Jarri hundinuu kana yommuu argan, adda isaaniitiin gombifamanii sagalee guddaadhaan,“Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!” jedhan.

[40] Yommus Eliyaas,“Raajota Ba'aal qabaa! Isaan keessaa namni tokko illee akka ba'u hin godhinaa!” jedhee isaan in abboome; jarri sunis raajota sana in qaban; Eliyaas immoo gara laga Qiisonitti geessee achitti isaan in fixe.

[41] Kana booddee Eliyaas,“Sagaleen bokkaa yandoo waan dhaga'amuuf amma ol ba'ii nyaadhu, dhugis!” jedhee Ahaabitti in dubbate.

[42] Ahaab nyaachuudhaaf, dhuguudhaafis ol in ba'e; Eliyaas garuu gubbee tulluu Qarmelos irratti ol ba'ee mataa isaa hamma jilba isaa biraan ga'utti gad gombisee in kadhate.

[43] Hojjetaa isaatiin immoo,“Dhaqii qixa galaanichaatiin ilaali!” jedhe; kana irratti inni dhaqee ilaalee,“Achiin homtuu hin jiru” jedheen; Eliyaas,“Si'a torba deebisee dhaqii ilaali!” ittiin jedhe.

[44] Hojjetichi si'a torbaffaa isaatti,“Kunoo, duumessi xinnoon hamma harka namaa ga'u tokko galaanicha irraa ol ka'aa jira” jedhe; Eliyaas kana irratti hojjetaa isaatiin,“Dhaqiitii Ahaabiin,“Konkolaataa kee kaafadhuutii, utuu bokkaan si hin ittisin gad bu'i!” jedhi!” jedhe.

[45] Kana gidduutti qilleensi duumessa fidee bantii waaqaa in gurraachesse; bokkaan ulfaataan in dhufe, Ahaab yommus konkolaataa isaa yaabbatee Yizre'elitti gad in bu'e.

[46] Waaqayyo humna isaa Eliyaasiif in kenne; Eliyaas immoo wayyaa isaa sassaabatee mudhiitti suuqqatee, Ahaab dura bu'ee hamma Yizre'elitti in fiige.

Macaafa Moototaa Isa Duraa — Chapters