Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:02

[1] Hiiraam mootiin Xiiros inni Daawitii wajjin jaalala guddaa qaba ture, Solomoon ilmi Daawit iddoo abbaa isaa dibamee akka moosifame yommuu dhaga'e, namoota isaa warra gurguddoota isatti in erge.

[2] Solomoon immoo deebisee ergaa kanatti fufee jiru Hiiraamitti ergee,

[3] “Sababii diinonni karaa hundumaa isatti ka'aniif hamma Waaqayyo diinota isaa harka isaa jala galchuufitti abbaan koo ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu akka hin danda'in ati in beekta.

[4] Amma garuu Waaqayyo gooftaan koo karaa hundumaa nagaa anaaf kenneera; diinni anaan mormu yookiis wanti hamaan hin jiru.

[5] Waaqayyo,“Ilmi kee inni ani iddoo kee moosisee teessoo kee irra teessisu ulfina maqaa kootiif mana qulqullummaa in ijaara” jedhee abbaa koo Daawitin abdachiiseera; kanaaf ani amma ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa kootiitiif mana qulqullummaa ijaaruudhaaf murtoo godheera.

[6] Nama akka warra Sidoonitti muka muruu beeku nuyi akka hin qabne ati iyyuu beekta; kanaaf gatii dadhabbii namoota keetii akkuma ati jettetti nan baasaatii namoota koo wajjin dhaqanii Liibaanonii muka gaatirraa akka anaaf muraniif namoota kee anaaf ergi!” jedhe.

[7] Hiiraam ergaa Solomoon yommuu dhaga'e guddaa gammadee,“Har'a Waaqayyo isa ilma ogeessa saba guddaa kana bulchuu danda'u Daawitiif kenneef galanni haa ta'u!” jedhe.

[8] Hiiraam dhaamsa kanatti aanee jiru Solomoonitti ergee,“Dhaamsa ati anatti dhaammatte dhaga'eera; muka gaatirraa fi muka birbirsaa wanta si barbaachisu hundumaa siif nan kenna.

[9] Namoonni koo mukicha Liibaanonii gara galaanaatti gad in fidu; iddoo ati barbaadde akka siif ga'uuf walitti hiisisee bishaan irra buusee siif nan erga; achittis gargar nan hiiksisa, ati immoo iddoo sanaa ol fufuusifachuu in dandeessa; karaa kee immoo akka ati namoota mana kootiif nyaata kennitu si irraa nan fedha” jedhe.

[10] Hiiraam akka kanatti muka gaatirraa fi muka birbirsaa Solomoon barbaade hundumaa in kenneef.

[11] Solomoon immoo qamadii kuntaala kuma afurii fi dhibba afur akkasumas dhadhaa ejersaa isa calalamaa liitrii kumaatama dhibba afurii fi kuma afurtama soora namoota mana Hiiraamiif in kenne; kanas wagguma waggaan itti fufee in kenneef.

[12] Waaqayyo akkuma isa abdachiisetti Solomooniif ogummaa in kenne; Hiiraamii fi Solomoon gidduu nagaatu ture; kanas waliif galanii kakachuu isaaniitiin in cimsan.

[13] Solomoon mootichi guutummaa biyya Israa'el keessaa namoota giddisiifamanii hojii humnaa hojjetan kuma soddoma walitti in qabate.

[14] Adoniiraam itti gaafatamaa namoota giddisiifamanii hojii humnaa hojjetanii ture; inni immoo namoota hojii humnaa hojjetan kana mana isaanii ji'a lama lama akka turan, Liibaanon keessa immoo ji'a tokko tokko akka taa'an godhe; akkasitti kutaa sadiitti isaan hiree, darabee darabee, ji'a ji'aan kuma kudhan kudhan Liibaanonitti in erge.

[15] Solomoon namoota ba'aa baatan kuma torbaatama, tulluu keessaa warra dhagaa cabsanii soofan kuma saddeettama qaba ture.

[16] Akkasuma immoo gurguddoota itti gaafatamoo hojichaa malee, namoota irra adeemanii hojjicha ilaalan kuma soddomaa fi dhibba sadii qaba ture.

[17] Isaan abboommii mootichaatiin hundee mana qulqullummaa kaa'uudhaaf dhagaa gati-jabeeyyii gurguddaa boolla keessaa qotanii baasanii soofanii in fidan.

[18] Ijaartuuwwan Solomoonii fi Hiiraam akkasumas namoonni biyya Gebaal warri harka toleyyiin manicha qulqullummaa ijaaruudhaaf muka murmuranii, dhagaas soofanii in qopheessan.

Macaafa Moototaa Isa Duraa — Chapters