[1] Rehobiyaam gara Sheekem iddoo itti Israa'eloonni mootii isa gochuuf guutummaatti walitti qabaman in dhaqe.
[2] Yerobi'aam ilmi Nebaat biyya Gibxii lafa itti Solomoon jalaa baqatee ture sana utuu jiruu kana yommuu dhaga'e, calluma jedhee in ture.
[3] Yommus gosoonni Israa'el warri gara bitaa erganii Yerobi'aamin in waamsisan; guutummaan waldaa Israa'el isaa wajjin Rehobiyaam bira dhaqanii,
[4] “Abbaan kee waanjoo nutti ulfaachisee ture, ati immoo hojii ulfaataa fi waanjoo ulfaataa abbaan kee nu irra kaa'e nuuf salphisi! Yommus nuyi immoo siif in abboomamna” jedhan.
[5] Inni immoo isaaniif deebisee,“Amma beenaatii guyyaa sadii booddee deebi'aa kottaa!” jedhe; kana irratti jarri achii in adeeman.
[6] Kana booddee Rehobiyaam mootichi maanguddoota dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennaa turan,“Deebii attamii akkan saba kanaaf kennu na gorsitu?” jedhee in gaafate.
[7] Yommus isaan deebisanii,“Ati har'a saba kanaaf hojjetaa taatee, yoo isaaniif hojjette wanta isaan si gaafataniifis deebii gaarii yoo isaaniif kennite, isaanis immoo yeroo hundumaa siif in hojjetu” jedhan.
[8] Inni garuu gorsa maanguddoota sanaa tuffatee, dargaggoota warra isaa wajjin guddatan, warra isa gorsanii wajjin in mari'ate.
[9] Yommus inni,“Saba isa,“Waanjoo abbaan kee nu irra kaa'e kana nuuf salphisi!” jedhu kanaaf deebii maalii kennina” Gorsa maalii anaaf kennitu?” jedhee isaan in gaafate.
[10] Dargaggoonni hiriyoonni isaa warri isaa wajjin guddatan sun deebisanii,“Saba warra,“Abbaan kee waanjoo ulfaataa nu irra kaa'e, ati immoo waanjicha nuuf salphisi!” jedhan sanaan,“Qubni koo isheen moggeen mudhii abbaa kootii caalaa furdatti.
[11] Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaa'ee ture, ani immoo isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa'a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba” jedhi!” jedhan.
[12] Akkuma mootichi,“Guyyaa sadii booddee deebi'aa kottaa!” ittiin jedhee ture, Yerobi'aamii fi jarri hundinuu guyyaa sadii booddee deebi'anii gara Rehobiyaam in dhufan.
[13] Mootichi gorsa isa warri maanguddootaa kennaniif tuffatee, deebii cimaa jaraaf in deebise.
[14] Inni gorsa warra dargaggootaa duukaa bu'ee,“Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaa'ee ture, ani immoo isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa'a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba” jedhe.
[15] Wanti kun Waaqayyo biraa waan ta'eef, mootichi dubbii jaraa hin dhaggeeffanne; inni Waaqayyo karaa Ahiiyaan Shiilonichaa Yerobi'aam ilma Nebaatitti dubbate kanaan in raawwatame.
[16] Mootichi isaaniif dhaga'uu akka dide Israa'eloonni yommuu hubatan, “Daawitii wajjin maal walittii qabna” Maatii abbaa isaa Isey biraas maal dhaala qabna” Yaa Israa'el, gara godoo godoo keetti deebi'i! Yaa sanyii Daawit, ati manuma keetiif yaadi!” jedhanii mootichaaf deebii in kennan; kana irratti hundumti isaanii gara godoo godoo isaaniitti in deebi'an.
[17] Rehobiyaam garuu Israa'eloota biyya Yihudaa keessa jiraatan duwwaa irratti ittuma fufee in mo'e.
[18] Ergasii Rehobiyaam mootichi Adoraamin isa itti gaafatamaa warra giddisiifamanii hojii humnaa hojjetanii gara Israa'elootaatti in erge; isaan garuu dhagaadhaan rukutanii isa in ajjeesan; Rehobiyaam mootichi garuu ariitiidhaan konkolaataa isaa yaabbatee gara Yerusaalemitti jalaa in baqate.
[19] Akkasitti namoonni mootummaa Israa'el isa gara bitaa hamma har'aatti mootummaa sanyii Daawit irratti didanii akkuma ka'anitti in hafan.
[20] Israa'eloonni hundinuu Yerobi'aam deebi'ee akka gale yommuu dhaga'an, erganii gara wal ga'ii isaaniitti isa waamsisanii, gosa Yihudaa isa sanyii Daawitiif amanamaa ta'e irraa kan hafe gosoota Israa'el warra kaan hundumaa irratti in moosisan.
[21] Rehobiyaam ilmi Solomoon Yerusaalemitti yommuu deebi'e, Israa'eloota warra gara bitaa jiran lolanii gara mootummaa isaatti akka isaaf deebisaniif, guutummaa gosa Yihudaa fi gosa Benyaamiin keessaa loltoota bebbeekamoo kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettama walitti in qabate.
[22] Yommus dubbiin Waaqayyoo gara Shemaa'iyaa raajichaa dhufee,
[23] “Rehobiyaam ilma Solomoon, mootii Yihudaatti akkasumas guutummaa gosa Yihudaa fi gosa Benyaamiinitti, namoota warra hafanittis dubbadhu;
[24] “Waaqayyo akkana jedha:- Wanti ta'e kun fedhuma kootiin waan raawwatameef, isin Israa'eloota obboloota keessan loluudhaaf ol hin ba'inaa! Hundumti keessan gara mana mana keessaniitti deebi'aa!” jedhi!” jedheen; kana irratti isaan sagalee Waaqayyoof abboomamanii akkuma dubbii isaatti deebi'anii gara mana mana isaaniitti in galan.
[25] Yommus Yerobi'aam mootichi biyya gaaraa isa kan Efreem irratti Sheekemitti masaraa ijaaree, achi keessa in taa'e; achiis ka'ee dhaqee Pheeni'elin in ijaare.
[26] Yerobi'aam yaada isaa keessatti,“Amma mootummaan sanyii Daawititti deebi'uu isaa ti;
[27] jarri kun mana qulqullummaa keessatti aarsaa dhi'eessuudhaaf Yerusaalemitti yoo ol ba'an, yaadni isaanii gara gooftaa isaanii Rehobiyaam mootii Yihudaatti in deebi'a; ana in ajjeesu, ofii isaaniitii immoo gara Rehobiyaam mootii Yihudaatti in deebi'u” jedhee in yaade.
[28] Erga irratti mari'atee booddee jiboota lama warqee irraa tolchisiisee, jaraan,“Yerusaalemitti ol ba'uun isinitti in cima; yaa namoota Israa'el, waaqayyoliin keessan warri biyya Gibxii isin baasan kunoo, isaan kana” jedhe.
[29] Jiboota warqee irraa tolchisiise sana isa tokko Bet'el keessa, isa kaan immoo Daan keessa in dhaabe.
[30] Namoonni jiboota sanatti sagaduudhaaf, [hamma Bet'elitti], hamma Daanittis waan dhaqaniif, kun cubbuu itti in ta'e.
[31] Yerobi'aam iddoowwan ol ka'oo irratti galma keessatti sagadan ijaaree, gosa Lewwii keessaa yoo ta'uu dhabaatan iyyuu gosuma arge keessaa luboota waaqayyolii tolfamoo isaa akka ta'aniif in fo'e.
[32] Yerobi'aam sanyuma ayyaana isa Yihudaatti ayyaaneffatamuu ayyaaneffachuudhaaf ji'a saddeettaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha shanaffaatti ayyaanni akka ta'u godhee, iddoo aarsaa irratti aarsaa in dhi'eesse; jibicha isa warqee irraa tolchisiise Bet'el keessa dhaabe sanaafis iddoo ol ka'aa irratti aarsaa in dhi'eesse; akkasumas luboota iddoowwan sagadaa ol ka'oo inni Bet'el keessatti ijaare keessaa hojjetan achi in kaa'e.
[33] Ji'a saddeettaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha shanaffaatti iddoo aarsaa isa Bet'el keessatti ijaare irratti aarsaa dhi'eessuudhaaf in dhaqe; achitti guyyaa ofii isaatii fo'ate kanatti ayyaanicha akka ayyaaneffataniif Israa'elootaaf dhaabee, ixaana aarsuudhaaf iddoo aarsaatti ol in ba'e.