Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 13:55

[1] Sooriyaa fi Israa'el gidduu waggaa sadiif lolli hin turre.

[2] Waggaa sadaffaa keessa garuu Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara Ahaab mootii Israa'el in dhaqe.

[3] Mootiin Israa'el hojjetoota isaa warra gurguddootaan “Raamoot-Giil'aad kan keenya ture, nuyi garuu mootii Sooriyaa harkaa deebifnee isa fudhachuudhaaf homaa tokko illee akka hin godhin in beektu mitii ree?” jedhe.

[4] Yoshaafaaxiin immoo “Raamoot-Giil'aadin rukutuudhaaf anaa wajjin hin dhaqxuu ree?” jedhee gaafate; Yoshaafaax deebisee mootii Israa'eliin,“Kan koo akkuma kan keetii ti, sabni koo saba kee ti, fardeen koos fardeen kee ti” jedhe.

[5] Yoshaafaax itti dabalees mootii Israa'eliin,“Hadaraa, duraan dursa wanta Waaqayyo jedhu gaafadhu!” jedhe.

[6] Kana irratti Ahaab mootiin Israa'el raajota akka nama dhibba afurii walitti qabee,“Ani lolaaf gara Raamoot-Giil'aad dhaqu moo yookiis dhiisu?” jedhee isaan in gaafate; isaan immoo,“Biyyattii sana Waaqayyo harka kee keessa in buusaatii, dhaqi!” jedhanii deebisaniif.

[7] Yoshaafaax immoo,“Isaan kana malee kan nuyi gaafannu raajiin Waaqayyoo tokko illee as hin jiruu ree?” jedhe.

[8] Yommus mootiin Israa'el,“Namni nuyi karaa isaa Waaqayyoon gaafachuu dandeenyu tokko illee jira, garuu sababii inni waa'ee kootiif wanta hamaa malee wanta gaarii raawwatee hin dubbanneef, ani isa nan jibba; innis Miikiyaas ilma Imlaa ti” jedhee Yoshaafaaxiif in deebise; Yoshaafaax immoo,“Yaa mootii, ati dubbii akkasii hin dubbatin!” jedhe.

[9] Kana irratti mootiin Israa'el, xu'aashii isaaf ergamu tokko waamsisee,“Dhaqiitii, Miikiyaas ilma Imlaa ariitiidhaan fidi!” jedheen.

[10] Ahaab mootiin Israa'elii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa uffata mootummaa isaanii uffatanii, karra mandara Samaariyaa dura oobdii keessa teessoo isaanii dhaabatanii in taa'u, raajonni immoo isaan duratti raajii in dubbatu turan.

[11] Raajota sana keessaa, Zedeqiiyaa ilmi Kine'aanaa, gaanfota sibiilaa tolfatee Ahaabiin,“Waaqayyo,“Warra Sooriyaa hamma lafa irraa balleessitutti gaanfota kanaan isaan in waraanta” jedha” jedhe.

[12] Raajonni warri kaan hundinuus akkasuma,“Waaqayyo harka kee keessa waan siif buusuuf, in mootaatii gara Raamoot-Giil'aaditti ol ba'ii loli!” jedhanii in dubbatan.

[13] Namichi Miikiyaasin waamuudhaaf ergame dhaqee,“Kunoo, raajonni afaan tokkichaan waa'ee mootichaaf waan gaarii in dubbatan; hadaraa atis isaan keessaa akka isa tokkotti, wanta gaarii itti dubbadhu!” jedheen.

[14] Miikiyaas immoo deebisee,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, waanuma Waaqayyo anatti hime duwwaa nan dubbadha” jedhe.

[15] Yommuu raajichi gara mootichaatti ol galetti, mootichi,“Yaa Miikiyaas, Raamoot-Giil'aaditti duullu moo yookiis dhiifnu?” jedhee in gaafate; raajichi immoo deebisee,“Waaqayyo biyyattii harka kee keessa waan siif buusuuf, in mootaatii ol ba'ii loli!” jedheen.

[16] Mootichi immoo,“Wanta dhugaa ta'e duwwaa malee, waan biraa maqaa Waaqayyootiin akka ati anatti hin himneef si'a meeqa si kaksiisuu na barbaachisa ree?” jedheen.

[17] Yommus Miikiyaas deebisee,“Guutummaan loltoota Israa'el akka hoolota tiksee hin qabneetti tulloota irra bittimmaa'uu isaanii nan arge; kanaafis Waaqayyo,“Isaan kun dura-buutuu waan hin qabneef, nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebi'an!” jedhee anatti himeera” jedhe.

[18] Kana irratti Ahaab mootiin Israa'el, Yoshaafaaxiin,“Raajichi kun waa'ee kootiif wanta hamaa malee, waan ba'eessa akka inni hin dubbanne ani sitti hin himnee ree?” jedhe.

[19] Yommus Miikiyaas,“Waaqayyo teessoo isaa irra utuu taa'uu, macci waaqa irraas hundinuu gara mirgaa isaa fi gara bitaa isaa utuu dhaabatanii nan arge; kanaafis wanta Waaqayyo dubbatu dhaga'i!

[20] Waaqayyo,“Egaa Ahaab gara Raamoot-Giil'aad dhaqee achitti akka ajjeefamuuf eenyutu isa gowwoomsuuf jira ree?” jedhe; inni tokko “Kana” jedhe, inni kaan immoo “Sana” jedhe.

[21] Kana booddee hafuurri tokko Waaqayyo duratti as ba'ee,“Ani, isa nan gowwoomsa” jedhe.

[22] Waaqayyo immoo,“Attamitti isa gowwoomsita?” jedhe; hafuurichi immoo,“Dhaqee hafuura sobaan raajota isaa hundumaa dubbachiisu nan ta'a” jedhe; kana irratti Waaqayyo immoo,“Eyyee, akkasitti in dandeessa, dhaqiitii akkasuma godhii isa gowwoomsi!” jedheen.

[23] Kanaaf Waaqayyo waa'ee keef wanta hamaa dubbate, raajonni kee hundinuus hafuura sobaatiin akka siif dubbataniif isaan dhiise” jedhe.

[24] Yeroo sanatti Zedeqiiyaa ilmi Kine'aanaa gara Miikiyaas dhaqee, maddii isaa kabalee,“Hafuurri Waaqayyoo kun ana bira darbee eessatti sitti dubbate?” jedhee isa in gaafate.

[25] Miikiyaas immoo deebisee,“Gaafa gola kutaa manaa isa gara keessaa lixxee of dhoksitu arguuf jirta” jedheen.

[26] Yommus Ahaab mootichi hojjetoota isaa keessaa tokko waamee,“Miikiyaasin qabiitii gara Amoon bulchaa mandaraa fi gara Yo'aash ilma mootiitti geessi!

[27] Isaanis akka isa hidhan, hamma ani nagaadhaan deebi'utti immoo buddeenaa fi bishaan irraa kan hafe waan biraa akka hin kennineef itti himi!” jedhee in abboome.

[28] Miikiyaas immoo deebisee,“Yoo ati nagaadhaan deebiteef, Waaqayyo dhuguma anatti hin dubbanne; kanas sabni kun hundinuu haa dhaga'u!” jedhe.

[29] Ahaab mootiin Israa'eliif Yoshaafaax mootiin Yihudaa walii wajjin gara Raamoot-Giil'aad in dhaqan.

[30] Achitti mootiin Israa'el Yoshaafaaxiin,“Ani uffata kan biraatiin wallaalchifadhee duula kana keessa nan lixa, ati immoo uffata mootummaa kee uffadhuutii turi!” jedhe; akkasitti mootiin Israa'el wallaalchifatee duula sana keessa in lixe.

[31] Yommus mootiin Sooriyaa loltoota konkolaataadhaan adeeman irratti ajajjoota warra ta'an soddomii lamaaniin,“Mootii Israa'el duwwaatti akeekkadhaa malee, yaada keessan loltoota warra xixinnaa irra yookiis warra gurguddaa irra hin kaa'atinaa!” jedhe.

[32] Ajajjoonni loltoota konkolaataadhaan adeemanii sun Yoshaafaaxin yommuu argan,“Mootii Israa'el jechuun isuma kana” jedhanii, isa loluudhaaf gara isaatti gara in galan; yeroo Yoshaafaax guddisee sagalee isaa dhageessisetti garuu,

[33] ajajjoonni loltoota konkolaataadhaan adeemanii sun akka inni mootii Israa'el hin ta'in baranii, isa ari'uu dhiisanii in deebi'an.

[34] Isaan keessaa namichi tokko dunyitiidhuma isaa xiyya isaa gad itti dhiisee, maddaa sibiilaa inni uffatu ol hambisee huffaa Ahaab mootii Israa'el in waraane; yommus mootichi iyyee,“Ani madaa'eeraatii konkolaaticha naanneffadhuu, iddoo lolaa kana keessaa na fuudhii adeemi!” jedhee, isa konkolaataa isaa oofu in abboome.

[35] Gaafa sanas lolli sun in bulluqe, Ahaab mootichi garuu gara warra Sooriyaatti gara galee konkolaataa isaa keessa hirkatee in dhaabata, dhiigni madaa isaa keessaa ba'us yaa'ee konkolaaticha keessa in ciisa ture; kana irraa kan ka'es mootichi galgaluma sana in du'e.

[36] Akkuma aduun lixxeen sagaleen guddisee,“Namni hundinuu gara biyya biyya isaatti, gara mandara mandara isaatti haa galu!” jedhu buufata loltootaa sana keessatti in dhaga'ame.

[37] Mootichi akkasitti in du'e, reeffa isaas fidanii Samaariyaatti in awwaalan.

[38] Konkolaataa isaas kuufama bishaan Samaariyaa bukkeetti in dhiqan; akkuma Waaqayyo dubbatee turetti immoo lafa dubartoonni ejjitoonni dhiqatanitti, konkolaataa isaa yommuu dhiqan dhiiga isaa saroonni in arraaban.

[39] Wanti Ahaab mootichi hojjete kan biraa hundinuu, waa'een mana mootummaa inni ilka arbaatiin miidhagsee ijaaree, waa'een mandaroota inni ijaaree hundinuus macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree”

[40] Ahaab yommuu du'e, Ahaaziyaan ilma isaatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

[41] Ahaab mootichi Israa'el irratti mo'ee waggaa afuraffaatti, Yoshaafaax ilmi Aasaa mootii Yihudaa in ta'e.

[42] Haati isaa immoo Azubaa intala Shilhii turte; inni yommuu mootii ta'e nama waggaa soddomii shanii ture; Yerusaalem mandara Yihudaa keessa taa'ee waggaa digdamii shaniif Yihudaa irratti in mo'e.

[43] Inni hojii isaa hundumaatti akkuma Aasaa abbaa isaatii fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete malee, isa irraa hin jal'anne; haa ta'u iyyuu malee, iddoowwan ol ka'oon waaqayyolii tolfamoodhaaf itti sagadan hin diigamne waan ta'eef, namoonni achitti aarsaa dhi'eessuuf ixaana aarsuu ittuma in fufan.

[44] Yoshaafaax mootummaa isaatii fi mootummaa Israa'el gidduutti nagaan akka bu'u in godhe.

[45] Wanta Yoshaafaax hojjete keessaa warri hafan, jagnummaan isaa, lolli inni geggeesses macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree”

[46] Inni ejjitoota dhiirotaa fi dubartoota warra waaqayyolii tolfamoo isaaniitiif galma isaanii keessatti ejjan, baruma Aasaa abbaa isaatii iyyuu kan turan, biyyattii keessaa in balleesse.

[47] Yeroo sanatti biyyi Edoom, nama mootiin Yihudaa ishee irratti aboo kenneefiin bulti malee, ofii isheetii mootii hin qabdu turte.

[48] Yommus Yoshaafaax warqee barbaacha markaboota nagadaa Ofiiritti in erge; markaboonni sun garuu Eziyon-Geberitti waan caccabaniif hin dhaqne.

[49] Ergasii Ahaaziyaan mootiin Israa'el, Yoshaafaaxiin “Namoonni koo namoota keetii wajjin markabaan haa adeeman!” jedhe; Yoshaafaax garuu in dide.

[50] Kana booddee immoo Yoshaafaax du'ee, mandara Daawit abaabilii isaatti iddoo mootonni warri isa dura turan itti awwaalamanitti in awwaalame; iddoo isaa immoo Yoraam ilma isaatu mootii ta'e.

[51] Yoshaafaax mootiin Yihudaa mo'ee waggaa kudha torbaffaa isaatti, Ahaaziyaan ilmi Ahaab mootii Israa'el in ta'e; inni Samaariyaa mandara Israa'el keessa taa'ee Israa'el irratti waggaa lamaaf in mo'e.

[52] Ahaaziyaan kun hojii abbaa isaa fi haadha isaa akkasumas hojii Yerobi'aam ilma Nebaat isa Israa'eloonni cubbuu akka hojjetan godhee duukaa bu'uudhaan, Waaqayyo duratti wanta hamaa in hojjete.

[53] Inni akkuma abbaan isaa hojjete, Ba'aaliif hojjechuu isaatiif sagaduu isaatiin tuttuqee Waaqayyoon gooftaa Israa'el in aarse.

Macaafa Moototaa Isa Duraa — Chapters