Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:28

[1] Solomoon mootichi intala mootii Gibxii fuudhuudhaan walitti michoomuu isaanii mul'isuudhaaf kakaadhaan waliif in galan; Solomoon intala mootii Gibxii fuudhee, hamma mana mootummaa isaa, mana qulqullummaaf dallaa Yerusaalem naannessee ijaaree fixutti mandara Daawititti ishee in galfate.

[2] Yeroo sana sababii manni qulqullummaa ulfina maqaa Waaqayyoof hin ijaaramin jiruuf, sabni iddoowwan ol ka'oo irratti aarsaa dhi'eessanii in sagadu turan.

[3] Solomoon iddoowwan ol ka'oo garaa garaa irratti aarsaa dhi'eessuu fi ixaana aarsuu irraa kan hafe, karaa kan biraa akka seerrata abbaa isaa Daawititti deddeebi'uudhaan Waaqayyoon jaallachuu isaa argisiiseera.

[4] Mandarri Giibe'on iddoo baay'ee ol ka'aa waan ta'eef, Solomoon mootichi aarsaa dhi'eessuudhaaf dhaqee, iddoo aarsaa sana irratti qalma gubamu kuma tokko in dhi'eesse.

[5] Waaqayyo achitti halkan abjuudhaan Solomoon mootichatti mul'atee,“Waanuma akkan siif kennuuf barbaaddu ana kadhadhu!” jedheen.

[6] Solomoon deebisee,“Abbaan koo Daawit fuula kee dura amanamummaa fi qajeelummaadhaan, gara-tolinaanis waan deddeebi'eef, garbicha kee kanatti gaarummaa guddaa argisiifteetta; gaarummaa guddaa kanas isaaf eegdee, ilma iddoo isaa bu'ee bara kana teessoo isaa irra taa'u in kenniteef.

[7] “Yaa Waaqayyo gooftaa koo, ani garbichi kee iddoo abbaa koo Daawit mootii akkan ta'u gooteetta; ani garuu ijoollee dha, attamitti akkan bulchus hin beeku.

[8] Ani garbichi kee saba kee warra ati fo'attee dhuunfaa kee godhatte, saba baay'ee guddaa isa baay'ina isaa irraa kan ka'e lakkaa'amuu hin dandeenye gidduun jira.

[9] Kanaafis saba keetiif firdii qajeelaa kennuudhaaf, hamaa fi gaarii gargar baasee akkan beekuuf, yaada hubataa ana garbicha keetiif kenni! Kanaa'achi saba kee saba guddaa kana eenyutu bulchuu danda'a ree?” jedhe.

[10] Solomoon mootichi kana kadhachuun isaa Waaqayyoon in gammachiise.

[11] Waaqayyo kana irratti Solomoon mootichaan,“Ati ofii keetii bara dheeraa jiraachuu, sooromuu, diinota kee fixuuf utuu hin ta'in, saba qajeeltootti bulchuuf, firdii qajeelaas kennuu fi ogummaa waan ana kadhatteef,

[12] kunoo, ani wanta ati na kadhatte siif nan godha; ani ogummaa fi hubannaa namni kanaan dura argatee hin beekne yookiis si'achi argachuu hin. dandeenye siif nan kenna.

[13] Akkasuma immoo wanta ati,“Anaaf kenni!” jettee ana hin kadhatin ulfinaa fi badhaadhummaa dabalee siif nan kenna; mootota bara kee keessa jiraatan hundumaa keessaa kan siin qixxaatu hin argamu.

[14] Abbaan kee Daawit akkuma godhe, atis akka jaalala kootti yoo jiraatte, seerrata koo fi abboommii koo yoo eegde, bara dheeraa akka ati jiraattu nan godha” jedhe.

[15] Achumaan Solomoon hirribaa dammaqee abjuudhaan Waaqayyo akka isatti dubbate baree, Yerusaalemitti deebi'ee sanduuqa kakuu Waaqayyoo dura in dhaabate; achittis qalma gubamuu fi qalma araaraa in dhi'eesse; hojjetoota isaa hundumaaf immoo cidha in godhe.

[16] Gaaf tokko dubartoonni ejjitoonni lama gara Solomoon mootichaa dhufanii fuula isaa dura in dhaabatan.

[17] Isaan lamaan keessaa isheen tokko mootichaan,“Yaa gooftaa ko, anii fi dubartiin kun mana tokko keessa jiraanna; utuma walii wajjin jirruu ani mucaa dhiiraa nan da'e.

[18] Mucaan koo dhalatee gaafa guyyaa sadaffaa dubartiin kunis immoo in deesse; manicha keessa nuyi lamaan malee namni kan biraa hin turre.

[19] “Dubartiin kun hirriba keessa mucaa ishee irra waan ciifteef, mucichi ishee duraa in du'e.

[20] Ani garbittiin kee hirriba keessa utuun jiruu, dubartiin kun halkan walakkaa kaatee mucaa koo ana bukkeetii fudhattee, iddoo ishee ciibsitee, mucaa ishee isa du'e immoo fiddee garaa koo jala in keesse.

[21] Ganama dammaqee mucaa koo harma hoosisuudhaaf yommuun jedhu, mucichi du'aa ta'uu isaa nan arge; erga ifees hubadhee ilaaleen akka inni mucaa koo hin ta'in bare” jette.

[22] Dubartiin isheen kaan immoo deebiftee,“Lakkii, mucaan inni fayyaan kan koo ti, inni du'aan immoo kan kee ti!” jette; dubartiin isheen jalqaba waa'ee mucichaa dubbatte immoo cimsitee,“Lakkii, mucaan inni du'aan kan kee ti, inni fayyaan immoo kan koo ti!” jette; akkasitti dubartoonni kun fuula mootichaa duratti walitti in falman.

[23] Kana irratti Solomoon mootichi,“Isheen kun,“Mucaan koo isa fayyaa dha, kan kee immoo isa du'aa dha” jetti; isheen sunis,“Mucaan koo isa fayyaa dha, kan kee immoo isa du'aa dha” jetti waan ta'eef,

[24] egaa, billaa anaaf fidaa!” jedhe; achumaanis billaa in fidan.

[25] Mootichi itti fufee,“Mucaa isa fayyaa iddoo lamatti gargar baqaqsaatii walakkaa gar tokkoo ishee kanaaf, walakkaa gar tokkoo immoo ishee sanaaf kennaa!” jedhee in abboome.

[26] Yommus dubartiin isheen mucaan ishee fayyaa jiru sun naatee mar'umaan ishee waan raafameef, mootichaan,“Yaa gooftaa ko, mucicha isa fayyaa kana isheedhaaf kenni malee, hadaraa hin ajjeesin!” jette; isheen kaan garuu,“Mucichi anaafis, siifis akka hin taanetti iddoo lamatti gargar haa baqaqfamu!” jette.

[27] Mootichi immoo deebisee,“Dubartiin isheen jalqaba waa'ee mucichaa dubbatte dhuguma haadha isaa waan taateef, mucaa isa fayyaa kana isheedhaaf kennaa malee, hin ajjeesinaa!” jedhe.

[28] Guutummaan saba Israa'el firdii Solomoon mootichi farade yommuu dhaga'e, akka inni firdii qajeelaa faraduudhaaf Waaqayyo biraa ogummaa argate baree baay'ee ulfina in kenneef.

Macaafa Moototaa Isa Duraa — Chapters