[1] Ben-Hadaad mootiin Sooriyaa loltoota isaa hundumaa walitti in qabate; kana birattis mootota soddomii lama abboota fardeenii isaanii fi konkolaattota isaanii wajjin fudhatee ol ba'ee, mandara Samaariyaa marsee lola itti in kaase.
[2] Gara mandaraatti, Ahaab mootii Israa'elitti namoota ergee,“Ben-Hadaad mootichi,
[3] “Meetiin kee fi warqeen kee kan koo ti, dubartoonni kee fi ijoollonni kee warri gaggaariin kan koo ti” jedhee jedhaatii itti himaa!” jedhe.
[4] Mootiin Israa'el immoo deebisee,“Yaa gooftaa ko, mooticha ko! Akkuma ati jette ani kan kee ti, qabeenyi koo hundinuus kan kee ti” jedhe.
[5] Warri ergaman ammas deebi'anii gara Ahaab dhufanii,“Ben-Hadaad mootichi,“Ani meetii kee fi warqee kee, dubartoota kee fi ijoollota kee si irraa fudhachuu akkan barbaadu sitti himeen ture.
[6] Haa ta'u iyyuu malee, bor yowwana hojjetoota koo warra gurguddoota sitti nan erga; isaan mana kee fi mana hojjetoota kee warra gurguddootaa fonqolchanii in ilaalu, wanta isaanitti tolu hundumaa fudhatanii in adeemu” jedha” jedhanii itti in himan.
[7] Yommus Ahaab mootiin Israa'el jaarsolii biyyichaa guutummaatti walitti qabee,“Namni kun dubartoota koo, ijoollota koo, meetii koo fi warqee koo fudhachuudhaaf yommuu inni nama anatti ergetti, ani isa hin dinne; rakkina attamii akka inni uumuu barbaadu hadaraa mee hubadhaatii ilaalaa!” jedhe.
[8] Jaarsoliin hundinuu, namoonni hundinuus deebisanii,“Wanta inni jedhu hin dhaga'in yookiis gaaffii isaatiif“Tole” hin jedhin!” jedhan.
[9] Kana irratti Ahaab mootichi namoota Ben-Hadaad biraa ergamanii dhufaniin,“Gooftaa koo mootichatti,“Ani garbichi kee gaaffii ati duraan ana gaafatte hundumaa nan raawwadha, gaaffii kee isa boodanaa kanaaf garuu:- Tole jechuu hin danda'u” jedhee, jedhaatii itti himaa!” jedhe; warri ergamanis deebi'anii deebii Ahaab kenne Ben-Hadaaditti in himan.
[10] Yommus Ben-Hadaad nama kan biraa Ahaabitti ergee,“Biyyoon Samaariyaa namoota koo warra anaa wajjin jiran konyee tokko tokko illee yoo wal ga'eef waaqayyoliin ana haa ajjeesan!” jedhee itti in kakate.
[11] Ahaab mootiin Israa'el immoo deebisee,“Ben-Hadaad mootichatti,“Loltuu dhugaa kan ta'e lolaa galee hidhannaa isaa erga hiikatee of jaja malee, lola dhaquuf hidhachaa utuu jiruu of hin jaju” jedhaatii isatti himaa!” jedhe.
[12] Ben-Hadaad mootichi, mootota warra kaanii wajjin dunkaana keessa taa'ee dhugaatii dhugaa utuu jiruu, deebii Ahaab deebiseef in dhaga'e; kana irratti,“Mandarattii rukutuudhaaf iddoo iddoo keessan qabadhaa!” jedhee namoota isaa in abboome; isaanis iddoo iddoo isaanii in qabatan.
[13] Kana gidduutti raajiin Waaqayyoo tokko gara Ahaab mootii Israa'el dhufee,“Waaqayyo,“Loltoota baay'ee kana argitaa” Har'a ani loltoota kana harka kee keessa nan buusa; ati yommus ani Waaqayyo akkan ta'e in beekta” jedha” jedhee in dubbate.
[14] Ahaab immoo,“Kana eenyutu hojjeta?” jedhee in gaafate; raajichi garuu deebisee,“Waaqayyo,“Loltoota dargaggoota angafoota kutaawwan biyyichaatu hojjeta” jedha” jedhe; mootichi immoo,“Eenyutu lola kana jalqaba?” jedhee in gaafate; raajichi deebisee,“Situ jalqaba” jedheen.
[15] Kana irratti Ahaab loltoota dargaggoota angafoota kutaawwan biyyichaa dhibba lamaa fi soddomii lama walitti in waame; kana booddees Israa'eloota warra hafan hundumaa lakkaa'ee, namoota kuma torba walitti in qabate.
[16] Isaan utuu Ben-Hadaadii fi mootonni soddomii lamaan warri isa gargaaran, dhugaatii dhuganii machaa'anii dunkaana isaanii keessa jiranii, guyyaa saafaa lolaaf in ba'an.
[17] Loltoonni warri dargaggoonni sun duraan dursanii in ba'an; jarri warri waa akka qorataniif Ben-Hadaad isaan erge deebi'anii dhufanii,“Loltoonni kutanni tokko Samaariyaadhaa dhufaa jiru” jedhanii isatti in himan.
[18] Inni immoo,“Dhufaatiin isaanii nagaa buusuudhaaf yookiis lola kaasuudhaaf yoo ta'e iyyuu, fayyaatti isaan qabaa malee isaan hin ajjeesinaa!” jedhee in abboome.
[19] Loltoonni warri dargaggoonni sun, loltoota warra kaan dura bu'anii mandarattii keessaa duulaaf ba'anii,
[20] adduma addaan diina isaanitti dhufe in ajjeesan; yommus warri Sooriyaa in baqatan, Israa'eloonni immoo duukaa bu'anii isaan in ari'an; Ben-Hadaad mootiin Sooriyaas abboota fardeenii isaa muraasaa wajjin fardaan baqatee isaan jalaa in ba'e.
[21] Ahaab mootiin Israa'el ba'ee fardeenii fi konkolaattota warra Sooriyaa booji'ee, namoota isaanii immoo rukuttaa guddaadhaan in fixe.
[22] Kana booddee raajichi gara Ahaab mootii Israa'el dhufee, yommuu birraan bari'u“Mootiin Sooriyaa deebi'ee si rukutuuf waan jiruuf, wanta hojjetamuun ta'u beeki, humna waraanaa kees jabeeffadhu!” jedhe.
[23] Hojjetoonni Ben-Hadaad mootii Sooriyaa warri gurguddoonni immoo,“Waaqayyoliin Israa'elootaa waaqayyolii gaaraa waan ta'aniif, Israa'eloonni nutti jabaatanii nu mo'an; garuu nuyi dachaa keessatti utuu isaan lollee dhugumaan isaan in moona.
[24] Amma akkas godhi! Mootota kana hundumaa iddoo iddoo isaaniitii kaasiitii ajajjuuwwan waraanaa iddoo isaanii buusi!
[25] Loltoota, fardeenii fi konkolaattota hamma warra si duraa dhumanii kan baay'atan qopheessi! Yommus nuyi dachaa keessatti Israa'eloota in lolla, dhugumaan isaan in moonas” jedhanii mooticha in gorsan; innis gorsa isaanii fudhatee akkuma isaan jedhan in godhe.
[26] Birraa sanatti Ben-Hadaad mootiin Sooriyaa namoota isaa walitti qabatee, Israa'eloota loluudhaaf mandara Afeqitti ol in ba'e.
[27] Israa'eloonnis isaanitti duuluudhaaf galaa fudhatanii, walitti qabamanii ba'anii fuullee isaanii in buufatan; loltoota Sooriyaa warra biyyicha keessa guutan biratti, Israa'eloonni akka re'oota karra xixinnoo lamaa muraasa turan.
[28] Yommus namni Waaqayyoo tokko gara mootii Israa'el dhaqee,“Waaqayyo,“Sababii namoonni Sooriyaa:- Inni Waaqayyo gaarotaa ti malee, Waaqayyo dachaawwanii miti naan jedhaniif, ani immoo loltoota isaanii warra baay'ee kana hundumaa harka kee keessa nan buusa; kanaanis ani Waaqayyo akkan ta'e in beekta” jedha” jedhe.
[29] Kutanni lamaanuu fuullee walii buufatanii hamma guyyaa torbaatti in turan; gaafa guyyaa torbaffaa sana lola walitti kaasanii, Israa'eloonni guyyaa tokkotti namoota Sooriyaa keessaa lafoo kumaatama dhibba tokko in fixan.
[30] Warri hafan immoo gara mandara Afeqitti in baqatan; isaanuma keessaa iyyuu immoo namoota kuma digdamii torba dallaa mandarattiitu irratti jigee fixe; Ben-Hadaad mootiin isaanii immoo gara mandarattiitti baqatee kutaa mana tokkoo isa gara keessaa keessa in dhokate.
[31] Yommus hojjetoonni mootichaa, warri gurguddoonni,“Kunoo, mootonni Israa'el warra araara buusan akka ta'an amma dhageenyeerra; egaa uffata gaddaa mudhii keenyatti hidhannee, funyoo mataa keenyatti marannee, gara mootii Israa'el yoo dhaqne, tarii inni si ajjeesuu in dhiisa ta'a; kanaaf hadaraa ati immoo “Tole” nuuf jedhi!” jedhanii mooticha in gaafatan.
[32] Jarri akkuma jedhan, uffata gaddaa mudhii isaaniitti hidhatanii, funyoo mataa isaaniitti maratanii, gara mootii Israa'el dhaqanii,“Ben-Hadaad garbichi kee,“Hadaraa lubbuun koo akka jiraatu godhi!” jedha” jedhan; mootichi immoo deebise,“Inni amma iyyuu jiraa! Egaa si'achi inni obboleessa koo ti!” jedhe.
[33] Hojjetoonni Ben-Hadaad faara Ahaab mootichaa eeggachaa waan turaniif, yommuu inni,“Obboleessa koo ti” jedhe, isaan immoo tokkichumaan afaan isaa irraa fudhatanii,“Akkuma ati jette, Ben-Hadaad obboleessa kee ti” jedhan; Ahaab mootichi immoo,“Dhaqaatii Ben-Hadaadin fidaa!” jedhee isaan in abboome; yeroo Ben-Hadaad ba'ee gara mootichaa dhufetti, mootichi,“Konkolaataa koo yaabii taa'i!” jedheen.
[34] Kana booddees Ben-Hadaad,“Mandaroota abbaan koo abbaa kee irraa fudhatee ture siif nan deebisa, akkuma abbaan koo mandara Samaariyaa keessaa iddoo nagadaa qaba ture, ati immoo mandara Damaasqoo keessaa iddoo nagadaa in qabaatta” jedhee Ahaabitti in dubbate; Ahaab immoo deebisee,“Akka walii galtee kanaatti gad sin dhiisa” jedhe; yommus kakaadhaan waliif galanii gad isa in dhiise.
[35] Raajota keessaa inni tokko raajii akka isaatiitiin,“Kun abboommii Waaqayyoo waan ta'eef, hadaraa na rukuti!” in jedhe; namichi garuu isa rukutuu in dide.
[36] Kana irratti raajichi,“Sababii ati Waaqayyoof abboomamuu diddeef, kunoo yeroo ati ana biraa adeemtu leenci dha'ee si ajjeesa” jedheen; akkuma namichi raajicha biraa adeemeenis leenci itti dhufee dha'ee isa in ajjeese.
[37] Ergasii raajichi nama kan biraa tokko argatee,“Hadaraa na rukuti!” jedheen; namichis dhuguma godhee rukutee isa in madeesse.
[38] Yommus raajichi marata isaa fuulatti haguuggatee wallaalchifatee, gara karaatti ba'ee Ahaab mooticha in eega ture.
[39] Mootichi achiin darbaa utuu jiruu raajichi sagalee isaa ol fudhatee,“Ani garbichi kee lola bulluqaa gidduu lixee utuun jiruu, loltuun tokko gara galee nama booji'ame tokko gara kootti fidee,“Namicha kana eegi! Yoo inni si harkaa bade garuu qooda isaa in ajjeefamta yookiis immoo meetii akka kiilo graamii soddomii afurii miijanu in baafta” naan jedhe.
[40] Ani garbichi kee hojiitti asii fi achi fiigaa utuun jiruu, namichi ana harkaa in bade” jedhe; Ahaab mootichi deebisee,“Wanta sitti faradamu ati iyyuu dubbatteetta, akkasumattis sitti in faradama” jedheen.
[41] Yommus raajichi dafee marata isaa fuula isaa irraa waan fuudheef, inni raajota keessaa tokko akka ta'e mootichi in bare.
[42] Raajichi immoo mootichaan,“Waaqayyo,“Nama ani raawwattee akka ati isa balleessituuf sitti kenne waan gad dhiifteef, lubbuun kee qooda lubbuu isaa, sabni kees qooda saba isaa in kennama” jedha” jedhe.
[43] Kana irratti mootichi aaree dheekkamaa gara mana mootummaa isaa isa mandara Samaariyaa keessaa in dhaqe.