[1] Ani birmaduu mitii ree? Ani ergamaa mitii ree? Ani gooftaa keenya Yesusin hin arginee ree? Isin bu'aa hojii ani gooftaadhaaf hojjedhe mitii ree?
[2] Ergamaa ta'uun koo warra kaan biratti hin fudhatamne yoo ta'e iyyuu, isin biratti fudhatamaa dha; isin kan gooftaa ta'uun keessan iyyuu ergamaa ta'uu koo mallattoodhaan in cimsa.
[3] Warra ana irratti dubbataniif deebii, waan ana irratti dubbataniifis falmata qaba.
[4] Waan nyaannu waan dhugnus argachuun nuuf hin ta'uu ree?
[5] Akka ergamoota warra kaanii, akka obboloota gooftaa, akka Keefaas nuyi immoo niitii amante fuunee iddoo hundumaatti wajjin adeemuun nuuf hin ta'uu ree?
[6] Yookiis anumaa fi Baarnaabaas duwwaatu soora keenyaaf addaan hojjechuun barbaachisee ree?
[7] Namni loltuu ta'ee qacarame, horii ofii isaatiin lola dhaqee beekaa ree? Namni waynii dhaabe, ija waynichaa hin nyaatuu ree? Namni horii tiksu, aannan horii sanaa hin dhuguu ree?
[8] Ani isa seerichi jedhun dubbadha malee, yaada namaa duukaa bu'ee kana hin dubbadhu.
[9] Seera keessatti, ?Qotiyyoo siribsiisaa irra jiru afaan isaa hin hidhin!? kan jedhu caafamee jira; egaa Waaqayyo qotiyyoota duwwaadhaaf dhimmee ree?
[10] Karaa hundumaa waa'ee keenyaaf dubbata mitii ree? Namni qotiisa qotu waa abdachaa akka qotuuf, inni midhaan siribsiisus ija isaatii hirmaachuudhaaf abdachaa akka siribsiisuuf, kun nuuf jedhe caafame.
[11] Nuyi wanta jireenya hafuuraatiif barbaachisu erga isiniif facaafnee, wanta jireenya fooniitiif barbaachisu utuu isin irraa haammannee nutti guddata turee ree?
[12] Warri kaan kan akkasii isin irraa argachuun in ta'aaf erga ta'ee, nuuf immoo caalaatti nuuf hin ta'u turee ree? Nuyi garuu waan nuuf in ta'a ture kanaan hin hojjenne, wangeela Kristositti danqaraa akka hin taaneef, waan hundumaa of irra keenye.
[13] Warri mana qulqullummaa keessaa hojjetan, mana qulqullummaatii nyaata isaanii akka argatan, warri iddoo aarsaatti qalma dhi'eessan isa aarsaadhaaf dhi'aate sana irraa akka hirmaatan hin beektanii ree?
[14] Akkasuma immoo warri wangeela labsan waan ittiin jiraatan wangeelichumaan akka argatan gooftichi abboomeeraaf.
[15] Ani garuu waan anaaf in ta'a ture kana keessaa tokkotti illee dhimma hin baane. Ammas wanta anaaf in ta'a ture kana argachuudhaaf jedhee kana caafuu koo miti; kanaa mannaa du'uu koo wayya. Waanan ittiin of jajuu danda'u kana, namni bishaan itti na duraa hin naqin.
[16] Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda'u; kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhabaadhe garuu, anaaf wayyoo!
[17] Fedha kootiin utuun kana godhee gatii nan argadhan ture; fedha koo malee erga ta'ee garuu, hojiin kun Waaqayyo biraa hadaraa anatti kennamuu isaa ti.
[18] Egaa bu'aan koo maali ree? Bu'aan koo lallabuu koo ti, wangeelaan isa argachuun anaaf in ta'a tures utuu hin gaafatin, wangeela tola namatti himuu dha.
[19] Namoota hundumaa biratti birmaduu ta'ee utuman jiruu, caalaatti namoota buufachuudhaaf hundumaaf garba of godheera.
[20] Yihudoota biratti, warra Yihudootaa buufachuudhaaf akka Yihudiin ta'e; warra seera jala jiran biratti, ofii kootii seera jala yoon jiraachuu dhabaadhe iyyuu, warra seera jala jiran sana buufachuudhaaf akka nama seera jala jiruun ta'e.
[21] Warra seericha hin qabne biratti, isaan buufachuudhaaf akka nama seericha hin qabneen ta'e; haa ta'u iyyuu malee, seera Kristos jala waanan jiruuf, ani seera Waaqayyoo hin dhabne.
[22] Warra amantiitti xobbee ta'an biratti, warra amantiitti xobbee ta'an buufachuudhaaf akka nama xobbee ta'eera; karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta'eera.
[23] Hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhee kana hundumaa nan godha.
[24] Warri wal dorgoman hundinuu yoo fiigan iyyuu, kan dura darbee kennaa argatu garuu, tokkicha akka ta'e hin beektanii ree? Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa!
[25] Namni dorgeedhaaf qophaa'u, waan eeggachuu isa barbaachisu hundumaa irraa of in eeggata. Warri wal dorgoman gonfoo baala irraa hojjetame, isa coollagee badu argachuudhaaf kana godhu; nuyi garuu isa hin badne argachuudhaaf in dhamaana.
[26] Anis akkuma kanatti akeeka koo bira ga'uudhaaf nan fiiga; abootuun koos akka nama akeeka isaa dhabee qilleensa rukutu hin ta'u.
[27] Ani warra kaan dorgomeetti waamee, ofii kootii akkan keessaa hin hambifamneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda'u, haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta'a.