[1] Egaa jaalala bira ga'uudhaaf dhimmaa! Kennaa garaa garaa warra hafuurri qulqulluun kennu akka argattaniif, caalaatti immoo waan Waaqayyo isinitti mul'isu akka himtaniif dhama'aa!
[2] Namni tokko afaan hin beekamneen yommuu dubbatu, namni isa hubatu waan hin jirreef Waaqayyotti dubbata malee, namootatti hin dubbatu; garuu hafuuraan geggeeffamee, waan dhoksaa baay'ee of keessaa qabu in dubbata.
[3] Namni waan Waaqayyo isatti mul'ise himu immoo, cimsuudhaaf, gorsuudhaaf, jajjabeessuudhaaf namootatti dubbata.
[4] Namni afaan hin beekamneen dubbatu, ofii isaa in cimsa; inni waan Waaqayyo isatti mul'ise himu immoo, waldaa kristiiyaanaa in cimsa.
[5] Ammas isin hundumti keessan afaan hin beekamneen akka dubbattan, caalaatti immoo waan Waaqayyo isinitti mul'ise akka himtan nan jaalladha. Waan afaan hin beekamneen dubbatame sana, akka waldaan kristiiyaanaa ittiin cimina argatuuf namni tokko yoo hiike malee, inni waan Waaqayyo itti mul'ise himu, isa afaan hin beekamneen dubbatu sana caalaa waa'ee in baasa.
[6] Yaa obboloota ko, ani, mul'ata tokko yookiis beekumsa yookiis raajii yookiis barsiisa tokko utuun hin dubbatin, afaan hin beekamne duwwaadhaan dubbachaa gara keessan yoon dhufe, attamittan isiniif waa'ee baasa ree?
[7] Ulullee yookiis kiraara, mi'a lubbuu hin qabne irratti iyyuu qooqni afuufame yookiis rukutame sun yoo gargar ba'uu dhabaate, maaliif akka ta'e attamitti beekama ree?
[8] Sagaleen fiingee gargar ba'e yoo dhaga'amuu dhabaates, eenyutu lolaaf qophaa'a ree?
[9] Isinis akkasuma, arraba keessaniin waan hin hubatamne yoo dubbattan, namni attamitti waan isin jettan beekuu danda'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanii ti.
[10] Biyya lafaa keessa afaan garaa garaa baay'een akka jiran beekamaa dha, garuu isaan keessaa sagaleen hiikaa hin qabne hin jiru.
[11] Sagaleen sun maal jechuu akka ta'e hin beeku yoon ta'e garuu, namicha afaan sana dubbatu biratti orma ta'uu koo ti; inni dubbatu sunis ana biratti orma ta'uu isaa ti.
[12] Isinis kennaa hafuuraa argachuudhaaf erga dhimmitanii, caalaatti waan waldaa kristiiyaanaa cimsuun hojjechuudhaaf dhama'aa!
[13] Kanaafis namni afaan hin beekamneen dubbatu, isa dubbate sana hiikuu akka danda'uuf kadhachuutu isa irra jira.
[14] Ani afaan hin beekamneen yoon kadhadhe, hafuurri koo in kadhata, qalbiin koo garuu isa duukaa hin kadhatu.
[15] Egaa maal wayya ree? Ani hafuuraan nan kadhadha, qalbii kootiinis immoo nan kadhadha; hafuuraan nan faarfadha, qalbii kootiinis immoo nan faarfadha.
[16] Kanaa achi yoo ati hafuuraan Waaqayyoon galateeffatte, waan ati jette erga hin beeknee, inni hiikaa dubbichaa hin hubanne attamitti galata ati dhi'eessite sanatti, ?Ameen? jechuu danda'a ree?
[17] Galanni ati dhi'eessite hammam gaarii yoo ta'e iyyuu, namicha isa kaan cimsuudhaaf hin gargaarre.
[18] Ani hunduma keessan caalaatti afaan hin beekamneen waanan dubbadhuuf, Waaqayyoon nan galateeffadha.
[19] Haa ta'u iyyuu malee, waldaa kristiiyaanaa keessatti afaan hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuu irra, warra kaan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiikaa qabu shan duwwaa dubbachuu nan jaalladha.
[20] Obboloota nana! Yaada keessanitti warra ga'an ta'aa malee, mucoolii hin ta'inaa! Hamaa hojjechuutti garuu akka daa'imootaa ta'aa.
[21] Seera keessatti, ? ?Namoota afaan isaanii hin beekamneen, hidhii warra kaaniitiinis saba kanatti nan dubbadha; isaan garuu kana irratti iyyuu ana hin dhaggeeffatan? jedha gooftichi? kan jedhu caafameera.
[22] Egaa afaan hin beekamneen dubbachuun milikkita warra hin amaniniif kennamee dha malee, warra amananiif kan kenname miti; waan Waaqayyo namatti mul'ise himuun garuu, warra amananiif yaadame malee, warra hin amaniniif miti.
[23] Waldaan guutuun walitti qabamee, amantoonni hundinuus afaan hin beekamneen yoo dubbatan, namoonni hiikaa dubbichaa hin beekne yookiis warri hin amanin yoo ol galan hundumti keessan maraatota hin jedhanii ree?
[24] Garuu hundinuu waan Waaqayyo isaanitti mul'ise utuu himuutti jiranii, namni hin amanin yookiis namni dubbicha keessa hin beekne yoo ol gale, wanti dubbatamu hundinuu garaa isaa rukutee, itti in farada.
[25] Dhoksaan garaa isaa keessa jirus bakkeetti in ba'a; namichis achumaan adda isaatiin lafa dha'ee, Waaqayyoof in sagada, Waaqayyo dhuguma isin gidduu akka jirus in hima.
[26] Egaa'oo yaa obboloota ko, yeroo walitti qabamtanitti isin keessaa tokko faarfannaa, tokko barsiisa, tokko mul'ata qaba; inni tokko waan afaan hin beekamneen dubbatu, inni kaanis hiikaa waan dubbatame sanaa qaba. Wanti isaan qaban kun hundinuu waldaa kristiiyaanaa cimsuudhaaf haa ta'an!
[27] Namni afaan hin beekamneen dubbatu yoo jiraate, lama yoo baay'ates sadii duwwaan tarreedhaan haa dubbatan; namni tokko immoo isa dubbatame hiikuun irra jira.
[28] Namni hiiku yoo jiraachuu dhabaate garuu, inni afaan hin beekamneen dubbatu sun, ofitti, Waaqayyottis haa dubbatu malee, waldaa keessatti hin dubbatin.
[29] Warri waan Waaqayyo isaanitti mul'ise himan immoo lama yookiis sadii ta'anii haa dubbatan, warri kaan immoo waan dubbatame sana duukaa bu'anii haa qoran.
[30] Warra achi taa'an keessaa tokkoof mul'anni yoo kennameef garuu, inni duraan dubbachaa ture haa dhaabu!
[31] Hundumtuu akka baraniif, hundumtuus akka gorfamaniif hundumti keessan waan Waaqayyo isinitti mul'ise darabeedhaan himuu in dandeessu.
[32] Warri waan Waaqayyo isaanitti mul'ise himan kunis, hafuurota ittiin dubbatan sana amaleeffachuun isaaniif kennameera.
[33] Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaa ti malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti. Akkuma waldoota warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa keessatti ta'u,
[34] dubartoonni walga'ii waldoota kristiiyaanaa keessatti hin dubbatin. Dubbachuun isaaniif hin ta'u; akkuma seerri jedhutti haa abboomaman.
[35] Wanti isaan baruu barbaadan yoo jiraate garuu, manatti abbaa manaa isaanii haa gaafatan, dubartiin walga'ii waldaa kristiiyaanaa keessatti dubbachuun isheedhaaf yeelloo dha.
[36] Attam inni? Dubbiin Waaqayyoo isin biraa ba'e moo? Yookiis isinuma duwwaa bira ga'ee ree?
[37] Namni tokko, nama waan Waaqayyo isatti mul'ise himu yookiis nama kennaa hafuuraa argate yoo of se'e, wanti ani isiniif caafu kun abboommii isa kan gooftichaa ta'uu isaa haa beeku!
[38] Namni yoo kana beekee fudhachuu dhabaate garuu, innis ofii isaatii hin beekamu.
[39] Egaa yaa obboloota ko, waan Waaqayyo isinitti mul'ise himuudhaaf dhama'aa! Afaan hin beekamneen dubbachuus hin dhowwinaa!
[40] Wanti hundinuu garuu akka tolutti, sabiriidhaanis hojjetamuutu irra jira.