[1] Waa'ee qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'eeffamanii gaafattanii turtan. Isin keessaa jarri tokko, ?Hundumti keenya beekumsa qabna? akka jedhan in beekna; beekumsi akkasii nama bokoksa, jaalalli garuu tokkummaa in ijaara.
[2] Namni caalaa beeka of se'u amma illee akka beekuun isaaf ta'utti hin beeku;
[3] namni Waaqayyoon jaallatu garuu, isa biratti beekamaa in ta'a.
[4] Egaa waa'ee qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'eeffame nyaachuu immoo, waaqayyo tolfamaan dhuguma jireenya akka hin qabne akkasumas Waaqayyo tokkicha malee kan biraa akka hin jirre nuyi in beekna.
[5] Waaqayyolii kan jedhaman waaqa keessa lafa irras jiru; waaqayyoliin, gooftoliin akkasiis baay'ee dha.
[6] Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa, isa waan hundumaa uume, isa nuyi maqaa isaatiif jiraannus. Akkasumas gooftaa tokkichatu jira; innis Yesus Kristos, isa wanti hundumtuu ittiin uumame, isa nuyi ittiin jiraannus.
[7] Haa ta'u iyyuu malee, hundumatu beekumsa kana qaba miti; garuu kaan hamma ammaatti itti turanii waa'ee waaqayyolii tolfamanii kana itti baraniiru. Kanaaf yeroo foon qalmaa sana nyaatan akkuma waan waaqayyo tolfamaadhaaf dhi'eeffameetti in nyaatu; yaadni garaa isaanii dadhabaa waan ta'eefis kanaan in xureeffamu.
[8] Nyaanni gara Waaqayyootti nu hin dhi'eessu; yoo nyaachuu dhiifne wanti nutti badu, yoo nyaannes wanti nutti tolu hin jiru.
[9] Garuu kana fo'achuu danda'uun keessan kun karaa tokkoon warra amantiitti dadhaboo ta'anitti gufuu akka hin taane, of eeggadhaa!
[10] Tarii namni tokko, utuu ati inni beekumsa kana qabduu galma waaqayyoo tolfamaa keessatti maaddiitti dhi'aattee jirtuu, si arga ta'a; kun qalma waaqayyoo tolfamaadhaaf dhi'aatu nyaachuutti yaada garaa isaa isa dadhabaa hin kakaasuu ree?
[11] Akkasitti, namichi dadhabaan kun, obboleessumti kee inni Kristos du'eef beekumsa ati qabduun in balleeffama.
[12] Karaa kanaan obboloota keessan yakkitanii, yaada garaa isaanii isa dadhabaa madeessuu keessaniin Kristosin in yakkitu.
[13] Kanaafis nyaata akkasiitti dhi'aachuun sababii obboleessa koo kuffisu yoo ta'e, ani obboleessa koo akkan hin kufifnetti matumaa deebi'ee foon hin nyaadhu.