[1] Waa'ee horii gargaarsa warra amananii Waaqayyoof qulqullaa'an sanaaf bu'u immoo, isinis akkuma ani waldoota kristiiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaa abboome godhaa!
[2] Erga ani dhufee horii walitti buusuu akka hin barbaachifnetti, Sanbata guddaa, torbeedhuma tokkon tokkon keessan hamma wal qixxaateef buusee walitti haa qabu.
[3] Yeroon dhufus, namoota isin nuuf haa dhaqan jettaniif caaffata ittiin beekaman kenneefii, buusii keessan gara Yerusaalemitti akka geessaniif isaanan erga.
[4] Ani dhaquun koo barbaachisaa yoo fakkaate immoo, isaan anaa wajjin in dhaqu.
[5] Ani karaa Maqedooniyaa dhaquu waanan yaadeef, biyya Maqedooniyaa sana keessa ergan darbee booddee gara keessan nan dhufa.
[6] Isin biras nan turan ta'a; isin immoo gargaartanii iddoodhuma ani dhaqutti akka na ergitaniif, tarii ganna guutuu iyyuu isin bira nan ba'a.
[7] Ani miilana argaa karaa irraa isin arguu hin barbaanne; yoo gooftaan jedhe takka isin bira akkan turu nan abdadha.
[8] Hamma guyyaa Phenxeqosteetti garuu mandara Efesoon keessa nan tura.
[9] Warri ittiin morman baay'een yoo jiraatan iyyuu, hojii guddaadhaa fi hojii waa'ee baasu hojjechuudhaaf karaan anaaf banameera.
[10] Ximotewos yeroo dhufu, innis akkuma koo hojii gooftaa waan hojjetuuf, akka inni of irraa bu'ee isin bira buufatu godhaa!
[11] Namni tokko illee isa hin tuffatin! Ani obbolootaa wajjin isa eegaa waanan jiruuf, nagaadhaan na bira akka dhufuuf isa gargaaraa!
[12] Waa'ee obboleessa keenya Apholos immoo, inni obboloota warra kaanii wajjin dhufee akka isin ilaaluuf, ani deddeebisee isa gorsaan ture; inni garuu amma gara keessan dhufuun raawwatee jaalala isaa hin taane; yeroo isaaf wayyutti garuu dhufuuf jira.
[13] Dammaqaa, amantiitti cimaatii dhaabadhaa! Ija-jabeeyyiidhaa fi jajjaboo ta'aa!
[14] Waan hojjettan hundumaa jaalalaan raawwadhaa!
[15] Ammas obboloota ko, maatiin Isxifaanaas, Akaayyaa keessaa amantoota warra jalqabaa akka ta'an in beektu; isaan warra Waaqayyoof qulqullaa'aniif hojjechuudhaaf of kennanii turan.
[16] Namoota akkasiitiif, hojiitti hidhata isaanii isa ta'eef, isa itti dadhabe hundumaaf adduma addaan, ulfina isaaniif ta'u akka kennitaniif isinan kadhadha.
[17] Isin qaqqabuu dadhabnaan Isxifaanaas, Fortunaaxos, Akaayqosis iddoo keessan waan dhufaniif ani gammadeera.
[18] Akkuma garaa isin ciibsan, garaa na ciibsaniiru; hojii warra akkasii immoo galateeffatanii beeksisuun in ta'a.
[19] Waldoonni kristiiyaanaa Asiyaa, nagaa isiniif dhaamu; Aqiilaanii fi Phriskaan waldaa mana isaaniitti walitti qabamu sanaa wajjin, karaa gooftaa garaa guutuudhaan nagaa isiniif ergu.
[20] Obboloonni as jiran hundinuu nagaa isiniif dhaamu; yaada qulqullaa'aatiin wal dhungachuudhaan nagaa wal gaafadhaa!
[21] Nagaa kana ana Phaawulostu harka kootiin isiniif caafa.
[22] Eenyu illee gooftaa yoo jaallachuu dhabaate abaaramaa dha; ?Maaraanaataa!? Hiikuun isaas, ?Gooftaa keenyaa kottu!? jechuu dha.
[23] Ayyaanni gooftaa Yesus isinii wajjin haa ta'u!
[24] Jaalalli koo karaa Kristos Yesus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!