[1] Ammas yaa obboloota ko! Wangeela isa ani isinitti lallabe, isa isin fudhattan, isa isin itti cimtanii dhaabattanii jirtan isin nan barsiisa.
[2] Sababii amantaniif utuu hin beekin fudhattan yoo ta'e malee, akkuma ani isinitti lallabetti yoo eeggattan wangeelichumaan in fayyitu.
[3] Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf du'eera;
[4] inni awwaalameera, caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera.
[5] Inni Phexrositti mul'ate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mul'ate.
[6] Kana booddee immoo ergaan-takkaa obboloota dhibba shan caalanitti mul'ate; isaan keessaa kaan illee boqotaniiru garri caalan garuu amma iyyuu jiru.
[7] Erga Yaaqoobitti mul'atee booddee immoo, warra ergamoota jedhaman hundumaatti mul'ate.
[8] Hundumaa booddee ana isa akka nama iddoo hin ga'in dhalatetti immoo mul'ateera.
[9] Anoo ergamoota hundumaa irra xinnaa dha; waldaa Waaqayyoo waanan ari'adheefis, ?Ergamaa? jedhamee waamamuudhaaf nama ta'u miti.
[10] Amma garuu ayyaana Waaqayyootiin ani ergamaa ta'eera, ayyaanni inni anaaf kennes utuu dhimma hin baasin hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa itti dadhabee hojjedheera; ana utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo isa anaa wajjin jirutu itti dadhabe.
[11] Egaa anis isaanis akkasitti in lallabna, isinis akkasitti amantanii jirtu.
[12] Kristos warra du'an keessaa kaafamuun isaa erga lallabamee, attamitti isin keessaa kaan, ?Warri du'an ka'uun hin jiru? jechuu danda'u ree?
[13] Warri du'an ka'uun hin jiru erga ta'ee, Kristosis immoo du'aa hin kaafamne.
[14] Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu.
[15] Nuyis Waaqayyo, Kristosin du'aa kaaseera jennee, Waaqayyoof dhugaa ba'uu keenyaan sobduu taanee argamuu keenya; warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, Waaqayyo Kristosin immoo du'aa hin kaafne jechuu dha.
[16] Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, Kristosis immoo du'aa hin kaafamne.
[17] Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, amantiin keessan immoo waa'ee hin baasu, cubbuun keessan ammuma iyyuu isin irra jira.
[18] Yoos immoo warri Kristositti amananii obbaafatan baduu isaanii ti.
[19] Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kristosin abdanna erga ta'ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo'uutu ta'a.
[20] Amma garuu Kristos warra du'an keessaa kaafameera, warra obbaafatan keessaas isatu jalqaba ka'e.
[21] Du'uun karaa nama tokkoo akkuma dhufe, warri du'an ka'uunis karaa nama tokkoo dhufeera.
[22] Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du'an akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.
[23] Kun hundinuu akka tarree isaaf qophaa'etti in ta'a; Kristos jalqabatti ka'ee jiraataa akkuma ta'e, warri kan Kristos ta'anis yeroo inni deebi'ee dhufutti in jiraachifamu.
[24] Kristos immoo gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleessee, mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti erga kennee booddee dhumni in ta'a.
[25] Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaa'ufitti, Kristos mo'uutu ta'a.
[26] Hundumaa booddee diina keenya du'atu golgoleeffama.
[27] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera? jedha; ?Wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera? yommuu jedhu, Waaqayyo inni waan hundumaa miilla Kristos jala galche immoo ofii isaatii miilla jala akka hin galin mul'ataa dha.
[28] Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a.
[29] Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee immoo, namoonni warra du'aniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti ree? Maaliifis isaaniif jedhanii cuuphamu ree?
[30] Maaliif yeroo hundumaa waan jireenya keenyaaf sodaachisu jala jiraanna ree?
[31] Obboloota ko, ani guyyuma guyyaatti sodaa du'aa jalan jira; kanas karaa Kristos Yesus gooftaa keenyaa isiniin waanan of jajuuf, kakadhee isinittan hima.
[32] Akka yaada namaatti yoon fudhadhe, Efesoonitti akka nama bineensotaan loluu ta'uun koo, bu'aa maalii anaaf qaba ture ree? Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, akkuma warra kaanii, ?Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!? in jenna.
[33] Hin gowwoominaa! ?Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa?.
[34] Yaada keessan qajeelfadhaa! Cubbuutti qabamtanii hin jiraatinaa! Isin keessaa kaan Waaqayyoon wallaalaniiru; kana immoo isin qaanessuufan isinitti dubbadha.
[35] Namoonni tokko tokko, ?Warri du'an attamitti kaafamu? Yommuu argaman dhagni isaanii maal fakkaata?? jedhanii in gaafatu ta'a.
[36] Ati gowwaa nana! Wanti ati facaaftu sun ofii isaatii yoo du'e malee, biqilee jiraachuu hin danda'u.
[37] Sanyiin qamadii yookiis midhaan kan biraa, inni ati facaaftu micireesaa duwwaa dha malee, dhagna biqiltuu isaa isa argamuuf jiru miti.
[38] Waaqayyo garuu akka jaallatetti dhagna in kennaaf; tokkon tokkon isaatiif akka akaakuu sanyichaatti dhagna addaa in kennaaf.
[39] Foon hundinuu akaakuu tokko miti; foon namootaa akaakuu tokko, foon horii kan biraa ti, foon simbirrootaa kan biraa ti, foon qurxummiis kan biraa ti.
[40] Dhagni warra waaqa irraa jira, dhagni warra lafa irraas jira; ulfinni warra waaqa irraa tokko, ulfinni warra lafa irraa tokko.
[41] Calaqqifni aduu kan biraa ti, calaqqifni ji'aa kan biraa ti; calaqqifni urjootaa kan biraa ti; calaqqifni urjii tokkoo calaqqisa urjii isa kaaniittii gargar.
[42] Ka'uun warra du'aniis akkasuma ta'uuf jira; wanta badutu awwaalama, wanta hin badnetu kaafama;
[43] gad deebiidhaan in awwaalama, ulfinaan in kaafama; dadhabbiidhaan in awwaalama, humnaanis in kaafama.
[44] Dhagna fooniitu awwaalama, dhagna hafuuraatu kaafama; dhagni foonii erga jiraatee, dhagni hafuuraas immoo jira.
[45] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Addaam inni duraa foon lubbuu qabu ta'e; Addaam inni lammaffaan immoo hafuura jireenya kennu ta'e? jedha.
[46] Dhagna fooniitu dura bu'e malee, dhagna hafuuraa miti; kana booddee dhagna hafuuraatu argame.
[47] Namichi inni duraa biyyoo irraa waan uumameef, nama biyya lafaa ti; namichi inni lammaffaan immoo nama waaqa irraa ti.
[48] Warri biyya lafaa akka namicha biyya lafaa sanaa ti; warri biyya waaqaa akka namicha waaqa irraa sanaa ti.
[49] Bifa namicha isa biyya lafaa akka fudhanne akkasuma immoo bifa namicha isa waaqa irraa fudhachuuf jirra.
[50] Obboloota ko, namni foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqayyootti galuu yookiis wanti badu wanta hin badne keessaa hirmaachuu, akka hin dandeenye isinittan hima.
[51] Nuyi hundumti keenya in geddaramna malee, hin duunu; dhoksaan ani isinitti himuuf jedhes, isa kana.
[52] Malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti in geddaramna; malakanni in afuufama, warri du'an immoo bifa hin badneen in kaafamu.
[53] Wanti hin badne, iddoo wanta badu kanaa, wanti hin duune iddoo wanta du'u kanaa bu'uutu ta'a.
[54] Wanti hin badne iddoo wanta badu kanaa yommuu bu'u, wanti hin duunes iddoo wanta du'u kanaa yommuu bu'u, inni, ?Duuni badduu ba'e, mo'ichi argameera?
[55] ammas immoo, ?Mo'ichi kee meerree, yaa du'aa? Arfiin kees meerree yaa du'aa?? jedhamee caafame fiixaan ba'eera.
[56] Arfiin du'atti nama oofu cubbuu dha; cubbuu kan humna godhachiisus seera.
[57] Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u.
[58] Jaallatamoo obboloota ko, egaa utuu hin socho'in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta'in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!