[1] Yaa obboloota ko! Ani yeroon gara keessan dhufe, namoota kan biraa caalaatti dubbachuudhaan yookiis ogummaa argisiisuudhaan, dhoksaa Waaqayyoo isinitti lallabaa hin dhufne.
[2] Hamman isin bira turettis Yesus Kristos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul'isuuf murtoo godheen ture.
[3] Ani dadhabbii, sodaadhaa fi rom'a baay'eedhaanan isin bira ture.
[4] Dubbiin afaan koo, lallabni koos humnii fi hafuurri Waaqayyoo akka na keessa jiru argisiise malee, dubbii ogummaa namaa keessaa ba'een amansiise miti.
[5] Egaa amantiin keessan humna Waaqayyoo irra malee ogummaa namaa irra hin dhaabanne.
[6] Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa bara si'anaa, yookiis ogummaa warra biyya lafaa kana seerratanii, ofiis golgolaa'uuf jiranii, yoo ta'uu dhabaate iyyuu, warra bilchaatan keessatti immoo dubbii ogummaa in dubbanna.
[7] Nuyi dubbii dhoksaa ogummaa Waaqayyoo isa hin beekamin ture sana dubbanna; Waaqayyo ulfina isaa irraa akka hirmaannuuf uumamuu biyya lafaa dura ogummaa sana yaadee qopheesse.
[8] Warra biyya lafaa kana seerratan keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; utuu hubataniiru ta'ee, gooftaa ulfinaa hin fannisan turan.
[9] Caaffata qulqullaa'oo keessatti, ?Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse, ijji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye? in jedha.
[10] Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul'ise; hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga'a.
[11] Waan yaada namaa keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee, namni biraa beekuu hin danda'u; akkasumas hafuura Waaqayyoo malee, eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.
[12] Ammas nuyi kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf, hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne.
[13] Kanaafis nuyi dubbii hafuuraa warra hafuuricha argataniif waan hiiknuuf, isa dubbannu barsiisa hafuurichaatiin malee, barsiisa ogummaa namaatiin hin dubbannu.
[14] Namni hafuuricha hin argatin, kennaa hafuura Waaqayyoo hin fudhatu; kennaan sun isatti gowwummaa dha. Kennicha gargar baasee shallaguudhaaf iyyuu hafuuricha qabaachuu waan barbaachisuuf, isa hubachuu hin danda'u.
[15] Namni hafuuraa waan hundumaa shallaga, isa garuu namni tokko iyyuu hin shallagu.
[16] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu danda'a?? jedha. Nuyi garuu yaada Kristos qabna.