[1] Ani yaa obboloota ko, akka warra yaada foonii duukaa bu'anii, Kristositti immoo xobbee akka mucoolii ta'aniittan isinitti dubbadhe malee, akka warra yaada hafuuraa duukaa bu'aniitti isinitti dubbachuu hin dandeenye.
[2] Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera; isin nyaata jabaadhaaf hin geenye turtan, ammuma iyyuu hin ga'in jirtu.
[3] Isinoo amma iyyuu akka warra yaada foonii duukaa bu'anii ti; hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa buutan mitii ree? Akka yaada namaatti jiraattu mitii ree?
[4] Isin keessaa inni tokko, ?Ani kan Phaawulos? jedhee, inni kaan immoo, ?Ani kan Apholos? yommuu jedhu, warra akka yaada namaatti hojjetan ta'uu keessan mitii ree?
[5] Egaa Apholos kun maali? Phaawulos kunis maali? Inni, anis hojjetoota warra gara amantiitti isin waamanii dha; nus adduma addaan akka gooftaan nuuf kennetti in hojjenna.
[6] Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise.
[7] Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti.
[8] Inni dhaabe isa bishaan obaasee wajjin tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata.
[9] Nuyi hojii Waaqayyoo keessatti hidhata walii ti, isin maasii Waaqayyoo ti; mana Waaqayyo ijaaruu dhas.
[10] Akka ayyaana Waaqayyo biraa anaaf kennametti, akka nama mana ijaaruu beekuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa'eera, namni kan biraa immoo isa irratti in ijaara; adduma addaan attamitti akka irratti ijaaru garuu haa akeekkatu.
[11] Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos.
[12] Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis, mukaan citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara.
[13] Hojiin namaa adduma addaan ibiddaan mul'ifamee in beekama, guyyaan firdii bakkeetti in baasa; hojiin namaa adduma addaan maal akka ta'e, ibiddi qoree in mul'isa.
[14] Hojiin namicha isa irratti ijaare, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii isaa in fudhata.
[15] Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta'u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba'etti in oola.
[16] Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufate akka jiru hin beektanii ree?
[17] Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo balleesse, Waaqayyo immoo isa in balleessa; manni qulqullummaa Waaqayyoo dhuguma qulqulluu dha, innis isin.
[18] Homtinuu of hin sossobin! Namni isin keessaa akka yaada biyya lafa kanaatti ogeessa of se'u yoo jiraate, dhuguma ogeessa ta'uudhaaf, isa biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u ta'uutu isa irra jira.
[19] Ogummaan biyya lafaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha. Caaffanni qulqullaa'aan, ?Inni warra ogeessota haxummaadhuma isaaniitiin isaan in qaba;?
[20] iddoo biraatti immoo, ?Yaadaan qopheessuun warra ogeessotaa akka waa'ee hin baafne gooftichi in beeka? in jedha.
[21] Kanaafis homtinuu waan namoonni gochuu danda'aniin of hin jajin! Egaa waan hundinuu kan keessan;
[22] Phaawulos taanaan, Apholos taanaan, Keefaa taanaan, biyyi lafaa, jireenyi, duuni, wanti amma jiru yookiis wanti si'achi dhufu hundumti isaa kan keessan.
[23] Isin immoo kan Kristos, Kristos immoo kan Waaqayyoo ti.