Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:36

[1] Isin keessaa namni tokko obboleessa tokko irraa hadheessa yoo qabaate, namoota Waaqayyoof qulqullaa'an duratti dubbicha ilaalchisuu irra, attamitti yaa'ii warra qajeelota hin ta'iniitti geessuuf ija jabaata ree?

[2] Warri Waaqayyoof qulqullaa'an biyya lafaatti akka faradan isin hin beektanii ree? Isin biyya lafaatti in faraddu erga ta'ee immoo, dubbii xixinnaa ilaaluudhaaf hin taatanii ree?

[3] Nuyi ergamoota Waaqayyootti faraduuf akka jirru hin beektanii? Hammam caalaa dhimma jireenya biyya lafaatti hin farannu ree!

[4] Egaa dubbii akkasii erga qabaattanii, attamitti warra waldaa keessatti dubbiin isaanii hin fudhatamne itti lakkooftu ree?

[5] Kanas isin qaanessuufan caafe; dhuguma, namni beekaan dubbii obboloota gidduu jiruuf firdii kennuu danda'u tokkichi illee isin keessa hin jiruu ree?

[6] Kanumaa iyyuu obboleessi obboleessa tokko yaa'iitti dhi'eesse, fuula warra hin amannetti hadheessuu dhaqaa ree?

[7] Fuula yaa'iitti wal geessuun keessan iyyuu dadhabbii keessan argisiisa; dabaa yoo isin irratti hojjetan maaliif hin obsitan? Maaliifis hin miidhamtan?

[8] Isinoo ofii keessanii obboloota keessan warra amanan irratti iyyuu dabaa hojjettu, isaan in miitus.

[9] Egaa warri jal'oonni mootummaa Waaqayyootti akka hin galle hin beektanii ree? Hin gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa'an, warri nama gadhoomsanis,

[10] warri hatan, warri sassatan, warri machaa'an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.

[11] Isin keessaa kaan warra akkasii turan, garuu maqaa gooftaa Yesus Kristosiin, hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii dhiqattaniittu, warra Waaqayyoof qulqullaa'an taataniittu, Waaqayyo durattis qajeelota taataniittu.

[12] Namni, ?Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, ?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.

[13] Namni tokkos, ?Nyaanni garaachaaf kenname, garaachis nyaataaf kenname? in jedha; Waaqayyo immoo isa kanas isa sanas, lafatti in dabala. Dhagni garuu hojii halalummaatiif namaaf hin kennamne; inni gooftaadhaaf hojjechuuf kenname, gooftaanis dhagna namaatiif in yaada.

[14] Waaqayyo immoo goofticha kana du'aa kaaseera; nus akkasuma humna isaatiin du'aa nu kaasa.

[15] Dhagni keessan bu'aa dhagna Kristos akka ta'an hin beektanii ree? Egaa bu'aa dhagna Kristos fuudhee bu'aa dhagna gaalamootaa godhuu ree? Matumaa kun hin ta'u.

[16] Yookiis namni gaalamootaa wajjin walitti maxxane, ishee wajjin dhagna tokko akka ta'u hin beektanii ree? Akkuma caafamee jiru, ?Isaan lachanuu foon tokko in ta'u? jedha.

[17] Inni gooftaa wajjin walitti maxxane immoo hafuuraan isaa wajjin tokko in ta'a.

[18] Halalummaa baqadhaa! Cubbuu namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.

[19] Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiru ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti.

[20] Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Qorontositti Erge Isa Duraa — Chapters