[1] Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh jedhuun ta'e.
[2] Raajii dubbachuudhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiru hundumaa beekee, beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, ani homaa miti.
[3] Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu.
[4] Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus;
[5] jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallannu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u.
[6] Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal'inatti hin gammadu.
[7] Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.
[8] Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira.
[9] Wanti nuyi beeknu muraasa, wanti raajii dubbannus muraasa;
[10] raawwatamuun isaa yeroo ga'u immoo, inni muraasi kun in hafa.
[11] Mucummaa kootti akka mucaatti nan dubbadhe, akka mucaatti nan yaade, akka mucaattis sababii nan kennan ture; amma garuu ergan nama ga'aa ta'ee, akka mucaatti jiraachuu dhiiseera.
[12] Nuyi amma akka nama of ilaalee keessatti waa argee abaluu isaa hin hubatin hafeetti in argina; yommus garuu fuula fuulaan in argina, wanti ani amma beeku muraasa, yommus garuu akkuman ofii beekame, anis guutuutti beekuuf jira.
[13] Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala.