Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:48

[1] Namoonni akka hojjetoota Kristositti, akka warra hojii dhoksaa Waaqayyoo adeemsisuun itti kennametti, nu lakkaa'uun in ta'a.

[2] Warra hojii adeemsisan irraa immoo amanamummaatu barbaadama.

[3] Inni isin anatti faraddan yookiis inni yaa'iin namaa anatti faradu, anaaf homaa miti, anis ofii kootti iyyuu hin faradu.

[4] Ani waan tokko iyyuu of irratti hin qeeqqadhu; garuu kanaan, ?Yakka hin qabu jedhamee anaaf faradame? jechuu koo miti, gooftaatu anatti farada jechuu koo ti malee.

[5] Kanaafis yeroon utuu hin ga'in, gooftaan utuu hin dhufin isin hin faradinaa! Innoo waan dukkana keessa dhokatee jiru ifatti, yaada garaa namaas bakkeetti in baasa; gaafas adduma addaan Waaqayyo biraa galata argachuuf jiru.

[6] Yaa obboloota ko! Ammas isiniif jedhee kana hundumaa Apholosii fi ofii kootti fakkeesse dubbadheera; jecha isa, ?Wanta caaffanni qulqullaa'aan jedhu gara irraa hin darbinaa!? jedhamee isin gidduutti beekame nu irratti akka ilaaltaniif, nama tokkoonis isa kaan irratti akka isin of hin janyeefan nu lamaan fakkeenya godhe.

[7] Warra kaan irratti immoo eenyutu caalmaa siif kenne? Waan Waaqayyo siif hin kennin maalfaa qabda ree? Isa irraa fudhatte erga ta'ee immoo, maaliif akka waan kennaa hin ta'iniitti ittiin of jajja ree?

[8] Ammas isin guutattaniittu! Sooromtaniittu! Nuyi malee, isin dur mootota taatan! Nuyis isinii wajjin mootota akka taanutti, utuu dhuguma mootota taatanii iyyuu nan jaalladhan ture.

[9] Akka anatti fakkaatutti garuu, Waaqayyo nuun ergamoota, akka warra tuuta namootaa keessatti ajjeefamuun itti faradametti namaa gad nu godhe; nuyi ergamoota waaqa irraa fi namoota biyya lafaafis ilaalchaaf taaneerra.

[10] Nuyi sababii Kristosiif gowwoota; isin garuu Kristosiin ogeessota; nuyi dadhaboo dha, isin garuu jaboo dha, nuyi tuffatamoo dha, isin garuu jajamoo dha.

[11] Hamma ammaatti nuyi in beelofna, in dheebonnas; moofaa uffanna, in reebamna, hojiidhaafis asii fi achi in joorra.

[12] Harka keenyaan hojjechuudhaan itti dadhabna; yeroo nu abaaran in eebbifna, yeroo nu ari'atanis obsaan in dandeenya;

[13] yeroo nu arrabsanis deebii gaarii in deebifna; nuyi kosii biyya lafaa taaneerra, ammas nuyi saphaphuu lafaa ti.

[14] Kanas akka ijoollee koo warra jaallatamootti isin gorsuudhaaf malee, isin yeellaasisuudhaafan caafa miti.

[15] Karaa Kristos guddisee kuma baay'ee yoo qabaattan iyyuu, abboota baay'ee hin qabdan; ani wangeela isin barsiisuu kootiin, karaa Kristos Yesus, abbaa keessan ta'eera.

[16] Kanaaf fakkeenya koo akka fudhattaniifan isin kadhadha.

[17] Sababii kanaaf Ximotewosin gara keessanitti erguu koo ti. Inni karaa gooftaa, ilma koo isa jaallatamaa dhaa fi isa amanamaa dha; inni Kristositti karaa ani itti jiraadhu, isa ani isin barsiise waldaa kristiiyaanaa hundumaatti barsiisaa jirus, isin in yaadachiisa.

[18] Isin keessaa kaan akka waan ani dhufee isin hin argineetti lakkaa'anii, of bokoksuutti ka'an.

[19] Amma garuu jaalala gooftaa yoo ta'e, dafee gara keessan nan dhufa; waan warri of bokoksan kun dubbatan utuu hin ta'in, waan isaan gochuu danda'anis ofii kootii nan ilaala.

[20] Mootummaan Waaqayyoo mootummaa humni Waaqayyo itti hojjetu malee, mootummaa dubbii waa'ee hin baafne itti dubbatan miti.

[21] Egaa maal barbaaddu? Ulee fudhadhee isinitti dhufu moo yookiis jaalalaa fi hafuura garaamummaatiin isinitti dhufu?

Ergaa Phaawulos Gara Warra Qorontositti Erge Isa Duraa — Chapters