Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:17

[1] Yaa obboloota ko! Abboonni keenya hundinuu, [utubaa] duumessaa sana jala akka turan; hundumti isaaniis galaanicha akka ce'an akka beektan nan barbaada.

[2] Hundumti isaaniis kan Musee ta'uudhaaf duumessichaa fi galaanicha keessatti cuuphamaniiru,

[3] hundumti isaanii nyaata hafuuraa isa tokkicha sana nyaataniiru;

[4] hundumti isaanii dhugaatii hafuuraa isa tokkicha sana dhuganiiru; isaan kattaa hafuuraa isa guddicha, isa isaanii wajjin adeemaa turettii dhuganiiru; kattaan guddichi sun immoo Kristos ture.

[5] Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo isaan keessaa namoota baay'eetti waan hin gammadiniif, lafa duwwaatti in gataman.

[6] Wanti kun hundinuu immoo, nus akkuma isaan sanaa waan hamaa akka hin hawwineef of nu eeggachiisu.

[7] Isaan keessaa kaan waaqayyolii tolfamaniif akka sagadan, isin warra waaqayyolii tolfaman waaqessan hin ta'inaa! Akkuma caafame, ?Jarri gar-malee nyaachuu fi dhuguuf taa'anii, gar-malee sirbuuf immoo ka'an? jedhe.

[8] Isaan keessaa kaan gaalamootummaatti gad of dhiisanii, guyyaa tokkotti namoonni kumni digdamii sadii akka dhuman, kottaa nu immoo gaalamootummaatti gad of hin dhiifnu!

[9] Isaan keessaa kaan aangoo gooftichaa qoranii, bofni akka isaan balleesse, nu immoo aangoo gooftichaa qoruun nuuf hin ta'u.

[10] Isaan keessaa kaan guungumanii, ergamaa isa nama balleessuun akka balleeffaman, isinis hin guunguminaa!

[11] Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga'eef immoo barumsa akka nuuf ta'uuf caafame.

[12] Kanaafis namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!

[13] Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gara irraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.

[14] Kanaafis yaa michoota ko, waaqayyolii tolfamaniif sagaduu irraa fagaadhaa!

[15] Isin warra hubatootti nan dubbadha; waanan dubbadhu immoo isinumti faradaa!

[16] Xoofoo eebbaa isa eebbifannu irraa hirmaachuun keenya, dhiiga Kristos irraa hirmaachuu keenya mitii ree? Buddeena isa cabsannu irraa hirmaachuun keenya, dhagna Kristos irraa hirmaachuu keenya mitii ree?

[17] Buddeenni tokkicha waan jiruuf, nus immoo hammam yoo baay'anne iyyuu, hundumti keenya buddeena tokkicha sana irraa waan hirmaannuuf, nuyi dhagna tokkicha.

[18] Mee saba Israa'el ilaalaa! Warri kennaa dhi'aatu sana irraa nyaatan, kennaa iddoo aarsaa irraa Waaqayyoo wajjin hirmaatu mitii ree?

[19] Egaa kun, qalmi waaqayyolii tolfamaniif dhi'eeffame yookiis waaqayyo tolfamaan ofuma isaatii waan tokkotti in gala jechuu koo tii ree?

[20] Waawuu! Warri saba Waaqayyoo hin ta'in waan qalmaaf dhi'eessan hafuurota hamootaaf dhi'eessu malee, Waaqayyoof miti jechuu koo ti; ani immoo akka isin hafuurota hamootaa wajjin hirmaattota taatan hin barbaadu.

[21] Xoofoo gooftaa keessaa akkasumas xoofoo hafuurota hamootaa keessaa dhuguu hin dandeessan; maaddii gooftaa irraa akkasumas maaddii hafuurota hamootaa irraa hirmaachuu hin dandeessan.

[22] Nuyi gooftaa hinaafsisuu barbaannaa ree? Nuyi isa caalaa jaboo dhaa ree?

[23] ?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!? in jedhama, garuu wanti hundinuu immoo nama hin gargaaru; ?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!? garuu wanti hundinuu ijaarsaaf hin ta'u.

[24] Namni waan isatti tolu utuu hin ta'in, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!

[25] Foon dhaabii fooniitti gurguramus, yaada garaa keessanii akka hin tuqneef, waaqayyolii tolfamaniif qalamuu isaa utuu hin gaafatin, nyaachuu in dandeessu;

[26] akkuma caaffanni qulqullaa'aan jedhu iyyuu, ?Biyyi lafaa wanti ishee keessa jirus hundinuu kan gooftaa ti?.

[27] Namni hin amanne tokko mana isaatti nyaataaf yoo isin waame, isinis dhaquu yoo barbaaddan, yaada garaa keessanii akka hin tuqneef, maaliif qophaa'e jettanii utuu hin gaafatin, waan isiniif dhi'aate nyaadhaa!

[28] Namni tokko, ?Kun qalma aarsaadhaaf dhi'aatee dha? jedhee yoo isinitti hime garuu, waa'ee namicha isinitti hime sanaaf, yaada garaa isaas waan tuquuf hin nyaatinaa!

[29] Kunis yaada garaa isaa akka hin tuqneef malee, yaada garaa kee jechuu koo miti; ati immoo, ?Yoos birmadummaan koo yaada garaa nama biraatiin maaliif ittifama ree?

[30] Ani ga'aa koo galateeffadhee yoon fudhadhe, nyaata isa ani Waaqayyoon itti galateeffadheef maaliifan ceepha'ama ree?? jettee in gaafatta ta'a.

[31] Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!

[32] Warra Yihudootaatti, warra Yihudoota hin ta'inittis yookiis waldaa kristiiyaanaa Waaqayyootti gufuu hin ta'inaa!

[33] Ani karaa koo waanuman hojjedhuun nama hundumaa gammachiisuu nan yaala; isaan akka fayyaniif, waan anaaf waa'ee baasu utuu hin ta'in, waan namoota baay'eedhaaf waa'ee baasu nan barbaada.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Qorontositti Erge Isa Duraa — Chapters