[1] Yaa obboloota ko! Waa'ee kennaa garaa garaa hafuurri qulqulluun kennuu, akka hubattan nan barbaada.
[2] Isin amma illee saba Waaqayyoo utuu hin ta'in dura, karaa irraa kaachifamtanii gara waaqayyolii tolfaman warra duudaatti, akka oofamaa turtan in beektu.
[3] Akkasumas namni hafuura Waaqayyootiin geggeeffamu, ?Yesus abaaramaa dha? jechuu, namni tokko illees hafuura qulqulluutiin yoo ta'e malee, ?Yesus gooftaa dha? jechuu, akka hin dandeenye cimsee isinittan beeksisa.
[4] Kennaan hafuuraa gosa garaa garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma.
[5] Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma.
[6] Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaa'u garuu tokkicha.
[7] Karaan kennaan hafuuraa adduma addaan nama keessaa mul'atu, hundumaaf bu'aa akka ta'uuf kenname.
[8] Isa tokkoof ogummaadhaan dubbachuutu hafuuraan kennameef, isa kaaniif immoo beekumsa barsiisuutu hafuuruma sanaan kennameef;
[9] isa kaaniif amantiitu hafuuruma sanaan kennameef, isa kaaniif immoo kennaa warra dhukkubsatan fayyisuutu hafuura tokkicha sanaan kennameef;
[10] isa kaaniif dinqii hojjechuutu, isa kaaniif raajii dubbachuutu, isa kaaniif hafuurota gargar baasee beekuutu, isa kaaniif afaan hin beekamneen dubbachuutu, isa kaaniif afaan hin beekamne sana hiikuutu kennameef!
[11] Hafuurri innumti tokkichi sun hojii kana hundumaa hojjetamuudhaan in ga'a; inni akka jaalala isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa addaa in hira.
[12] Kristos akka dhagna tokkicha isa bu'aa dhagnaa baay'ee qabuu ti; bu'aan dhagnaa sun yoo baay'atan iyyuu dhagnuma tokkicha.
[13] Nuyi Yihudoonni, warri Yihudoota hin ta'inis, warri garbummaa jala jiran, warri birmaduunis hundumti keenya dhagna tokko ta'uudhaaf hafuura tokkoon cuuphamneerra, nuyi hundumti keenya akka dhugnuufis hafuurri qulqulluun inni tokkichi nuuf kennameera.
[14] Dhagni tokko immoo bu'aa dhagnaa baay'ee qaba malee, tokkicha duwwaa qaba miti.
[15] Fakkeenyaaf miilli, ?Ani harka miti, kanaaf ani kan dhagnaa miti? yoo jedhe, kun bu'aa dhagnaa tokko ta'uu isaa hin oolchu.
[16] Gurris, ?Ani ija miti, kanaaf ani kan dhagnaa miti? yoo jedhe, kun bu'aa dhagnaa tokko ta'uu isaa hin oolchu.
[17] Egaa guutummaan dhagnaa ija utuu ta'ee, attamitti dhaga'uu danda'a ree? Guutummaan dhagnaa gurra utuu ta'ee, attamitti fuunfachuu danda'a ree?
[18] Waaqayyo garuu bu'aa dhagnaa hundumaa adduma addaan akka ofii barbaadetti iddoo iddoo isaatti qopheesse.
[19] Bu'aan dhagnaa hundumtuu, bu'aa dhagnaa tokkicha isa waan tokkicha duwwaa hojjetu yoo ta'e, attamitti dhagna guutuu ta'a ree?
[20] Kanaaf akka amma jirutti, bu'aan dhagnaa baay'ee dha, dhagni garuu tokkicha.
[21] Ijji harkaan, ?Ati anaaf hin barbaachiftu? yookiis mataan miillan isaatiin ?Isin anaaf hin barbaachiftan? jechuu hin danda'u.
[22] Caalaatti iyyuu bu'aa dhagnaa hundumaa keessaa warra barbaachisoo hin fakkaannetu barbaachisoo dha.
[23] Bu'aa dhagnaa warra tuffatamoo nutti fakkaataniifis caalaatti ulfina in laannaaf; bu'aan dhagna keenyaa warri hin argisiifamne eegumsa caalaa in argatu,
[24] warra argisiifamaniif garuu eegumsi akkasii hin barbaachifne. Waaqayyo bu'aan dhagna namaa inni tuffatamaan ulfina caalaa akka argatutti walitti uume.
[25] Inni uumes gargar ba'uun bu'aa dhagnaa gidduutti utuu hin argamin, qixxeetti walii isaaniitiif akka yaadaniif kana godhe.
[26] Bu'aa dhagnaa kana keessaa inni tokko yoo dhiphate, hundinuu isaa wajjin in dhiphatu; inni tokko yoo ulfaate, hundinuu isaa wajjin in gammadu.
[27] Ammas hundumti keessan dhagna Kristos, adduma addaanis bu'aa dhagna isaatii ti.
[28] Waaqayyos waldaa kristiiyaanaa keessatti duraan dursee ergamoota, lammaffaa warra waan inni itti mul'ise dubbatan, sadaffaa warra dubbii isaa barsiisan, kana booddees warra dinqii hojjetan, isaanitti aansees warra dhukkubsatoota fayyisuudhaaf kennaa qaban, warra namoota gargaaran, warra hojii geggeessan, warra afaan hin beekamneen dubbatan kaaseera.
[29] Hundumatu ergamootaa ree? Hundumatu mul'ata Waaqayyoo dubbataa ree? Hundumatu dubbii isaa barsiisaa ree? Hundumatu dinqii hojjetaa ree?
[30] Hundumatu kennaa dhukkubsatoota fayyisuu qabaa ree? Hundumatu afaan hin beekamneen dubbataa ree? Hundumatu isa dubbatame hiikaa ree?
[31] Isin garuu kennaa warra caalan argachuudhaaf dhama'aa! Ani immoo isaan kana hundumaa irra isa caalu iyyuu isinittan argisiisa.