Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:09

[1] Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!

[2] Waan hundumaatti waan na yaadattaniif, barsiisa ani isin barsiisetti qabamtanii waan jirtaniif, isin nan jaja.

[3] Amma immoo Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta'uu isaa, akka beektan nan barbaada.

[4] Dhiirri waldaa keessatti yommuu kadhatu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul'ise himu, yoo haguuggate mataa isaa in salphisa.

[5] Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul'ise himtu, yoo haguuggachuu dhabaatte garuu, mataa ishee in salphifti; isheen kun dubartii mataa haaddattee wajjin wal hin caaltu.

[6] Egaa dubartiin yoo haguuggachuu dhabaatte, rifeensa mataa ishee murachuu iyyuu hin yeellaatu, dubartiin sababii malee rifeensa mataa ishee muratte yookiis haaddatte salphachuu yoo jibbite immoo haa haguuggattu.

[7] Dhiirri bifa Waaqayyootiif ulfina Waaqayyoo kan argisiisu erga ta'ee, haguuggachuun isaaf hin ta'u; dubartiin garuu ulfina dhiiraa in argisiifti.

[8] Jalqabatti dubartiitu dhiirattii argame malee, dhiirri dubartiittii hin argamne.

[9] Dubartiitu dhiiraaf jedhee uumame malee, dhiirri dubartiidhaaf jedhee hin uumamne.

[10] Kanaaf dubartiin ergamoota Waaqayyoo duratti aboo jala jiraachuu ishee kan argisiisu, haguuggii mataa irraa qabaachuun in ta'aaf.

[11] Haa ta'u iyyuu malee, gooftaan ishee dubartii isa dhiiraattii, isa dhiiraas ishee dubartiittii addaan baasee hin ilaalu.

[12] Dubartiin dhiirattii akkuma argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalate, hundinuu garuu Waaqayyo biraa dhufan.

[13] Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin waldaa keessatti Waaqayyoon kadhachuun qajeelaa dhaa ree? Isinumti ofii keessanii faradaa!

[14] Dhiirri rifeensa mataa isaa dheereffachuun isaaf salphina akka ta'e, akki namni itti uumame isin hin barsiisuu ree?

[15] Garuu dubartiin rifeensa dheeraa yoo qabaatte, kun isheedhaaf ulfina mitii ree? Rifeensi ishees akka isheen ittiin golgattuuf kennameef.

[16] Nama yaada kanaan mormuu barbaaduuf garuu, nuyi, waldoonni Waaqayyoos amala kan biraa hin qabnu.

[17] Yeroo sagadaaf walitti qabamtanitti, akka itti walitti qabamuu keessanii wayyeessuu irra caalaa kan balleessu waan ta'eef, waa'ee isaatiif isa ani dubbachuuf jiru keessatti isin hin jajadhu.

[18] Hundumaa dura waldaan keessan yommuu walitti qabamu, yaadaan gargar ba'uun isin keessa akka jiru dhaga'eera; kana keessaa kaan dhugaa akka ta'e nan amana.

[19] Isin keessaa warri qoramanii fudhataman akka beekamaniif, isin gidduutti barsiisa isaaniitiin gargar ba'uun jiraachuutu ta'a.

[20] Egaa akka isin itti walitti qabamtan kanatti walitti qabamuun, irbaata gooftaa isa qulqulluu nyaachuuf hin ta'u.

[21] Yeroo nyaataatti hundinuu adduma addaan nyaata fidee dhufee nyaachuutti in ka'a, inni tokko in beela'a, inni kaan immoo in machaa'a.

[22] Maali? Mana itti nyaattanii dhugdan hin qabdanii ree? Yookiis waldaa Waaqayyoo tuffachuu keessanii? Warra homaa hin qabnes yeellaasisuu keessanii? Ani maal isiniin jedhu ree? Isin jajadhuu ree? Ani kana irratti isin hin jajadhu.

[23] Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadhe ture. Innis, Yesus gooftaan halkanuma itti dabarfamee kenname sanatti buddeena fuudhee,

[24] Waaqayyoon galateeffatee, buddeenicha cabsee, ?Inni isiniif cabe kun dhagna koo ti, kanas seenaa kootiif godhadhaa!? jedhe.

[25] Erga nyaatanii booddees akkuma sanatti xooficha fudhatee, ?Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuu dha; yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti seenaa kootiif godhadhaa!? jedhe.

[26] Yeroodhuma buddeena kana nyaattanitti, yeroodhuma xoofoo kana keessaa dhugdanitti, hamma gooftaan deebi'ee dhufutti akka inni [namootaaf] du'e in labsitu.

[27] Kanaafis sababii maaliitiif akka dhi'aatu utuu gargar hin baasin namni buddeenicha nyaatu, xoofoo gooftaa keessaas dhugu, dhagna gooftaa dhiiga isaas in yakka.

[28] Egaa, namni qoree of haa ilaalu! Ergasiis buddeenicha irraa haa nyaatu, xooficha keessaas haa dhugu.

[29] Dhagna gooftaa ta'uu isaa yaadatee utuu gargar hin baasin namni buddeenicha nyaatu, xooficha keessaas dhugu, firdii of irratti fiduudhaaf in nyaata in dhugas.

[30] Sababii kanaaf baay'een keessan dhukkubsatoo dha, dadhaboo dhas; namoonni kaanis du'aniiru.

[31] Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta'ee, Waaqayyo nutti hin faradu ture.

[32] Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin faradamnetti, gooftichi akkasitti adabee nu qajeelcha.

[33] Kanaafis yaa obboloota ko! Irbaata gooftaa isa qulqulluu nyaachuudhaaf yommuu walitti qabamtan wal eegaa.

[34] Walitti qabamuun keessan firdii Waaqayyoo akka isin irratti hin finneef, namni beela'e mana isaatti haa nyaatu! Waa'ee dhimma isa kan biraa immoo yommuun dhufu nan seerradha.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Qorontositti Erge Isa Duraa — Chapters