Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:18

[1] Ergamaan inni shanaffaan malakata isaa in afuufe. Yommus ani urjii isa waaqa keessaa lafa dha'e tokko nan arge; urjichaafis banaan boolla lafa jalaa isa gad fagoo in kennameef.

[2] Urjichi afaan boolla lafa jalaa isa gad fagoo sana bane; aarri akka aara iddoo ibidda guddaatii ka'uus boollicha keessaa in ba'e; iji biiftuu, laftis aara boollichaa irraa kan ka'e in dukkanaa'an.

[3] Aaricha keessaa immoo hawaannisatu lafatti ba'e; hawaannisa kanaafis aboon in kennameef; aboon isaaniif kennameef humni torbaanqabaan lafa irraa qabu wal in fakkaata.

[4] Isaan marga lafaa, biqiltuu, mukas utuu hin ta'in, namoota warra mallattoo Waaqayyoo addattii hin qabne duwwaa akka miidhaniif abboomaman.

[5] Garuu namoota ajjeesuu utuu hin ta'in, ji'a shaniif dhiphisuutu isaaniif kenname; dhiphinni isaan nama irraan ga'anis, akka isa torbaanqabaan hiddee nama dhiphisuu ti.

[6] Bara sanatti namoonni du'a in barbaadu, garuu hin argatan; du'uus in hawwu, du'i immoo isaan irraa in baqata.

[7] Bifni hawaannisoota sanaa fardeen duulaaf qopheeffaman in fakkaata; wanta akka gonfoo warqee mataa irraa qabu turan. Fuulli isaanii fuula namaa in fakkaata;

[8] rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubartii ti; ilkaan isaaniis akka ilkaan leencaa ti.

[9] Waan akka maddaa sibiilaa diratanii turan; huursaan baallee isaaniis akka huursaa konkolaattota fardeeniin harkifamanii duulatti didichanii ti.

[10] Eegee fi ilkee warra kan torbaanqabaa fakkaatan qabu turan; aboon isaan ittiin ji'a shaniif nama miidhan immoo eegee isaanii keessa jira.

[11] Isaan mootii of irraa qabu turan, inni immoo ergamaa iddoo lafa jalaa sanaa ti; maqaan ergamichaa afaan Yihudootaatti ?Abadoon?, afaan Griikiitti immoo ?Apholiyon? jedhama; innis ?Balleesso? jechuu dha.

[12] Wayyoon inni duraa darbeera. Kunoo! Kana booddee wayyoon lama amma iyyuu jiru.

[13] Ergamaan inni ja'affaan malakata isaa afuufe. Yommus ani sagalee gaanfa arfan biraa ba'u nan dhaga'e; gaanfonni sunis iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra turan.

[14] Sagalichi, ergamaa isa ja'affaa malakata baatu sanaan, ?Ergamoota arfan laga Efraaxiis isa guddichatti hidhaman hiiki!? jedhe.

[15] Ergamoonni arfan sun in hiikaman; isaan warra namoota harka sadii keessaa harka tokko ajjeesuudhaaf sa'aatii kanaaf, guyyaa kanaaf, ji'a kanaaf, waggaa kanaaf qopheeffamanii turanii dha.

[16] Lakkoobsa loltoota abboota fardeeniis nan dhaga'e; lakkoobsi isaaniis millionii dhibba lama ture.

[17] Yommus ani fardeen sanaa fi warra fardeen sana irra taa'an mul'atatti nan arge. Isaan maddaa sibiilaa isa diimaa, bifa bantii waaqaa, bifa dhangaggoos qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa in fakkaata ture; afaan isaanii keessaa immoo ibiddi, aarri, dhagaan boba'us in ba'u turan.

[18] Ibidda, aara, dhagaa boba'u, dha'icha sadan afaan fardeenii keessaa ba'an sanaan, namoota harka sadii keessaa harka tokkotu ajjeeffame.

[19] Aboon fardeen sanaas afaan isaanii keessa, eegee isaanii keessas jira; eegeen isaanii inni bofa fakkaatu mataa qaba; isaaniin namoota in miidhu.

[20] Namoonni dha'icha sanaan utuu hin ajjeefamin hafan immoo, yaada garaa isaanii geddaratanii waaqayyolii harka isaaniitiin tolfatan irraa hin deebine; hafuura hamaadhaa fi waaqayyolii warqee irraa, meettii irraa, sibiila diimaa irraa, dhagaa irraa, muka irraas tolfamanii arguu, dhaga'uu, asii fi achi deddeebi'uus hin dandeenyeef gombifamanii sagaduu hin dhiifne.

[21] Isaan yaada garaa isaanii geddaratanii lubbuu ajjeesuu irraa, qoricha namatti gochuu irraa, halalummaa isaanii irraa, hanna isaanii irraas hin deebine.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters