[1] Yommus ani mirga isa teessoo irra taa'e sanaatti macaafa maramee taa'u tokko nan arge; macaafichis keessaa fi duubaan caafamee, erga cufamee immoo mallattoo torbaan mallateeffamee ture.
[2] Ergamaa aango-qabeessa sagalee isaa dhageessisee, ?Mallattoo macaafichi ittiin cufame irraa kute macaaficha banuudhaaf kan male eenyu?? jedhee labsu tokkos nan arge.
[3] Waaqa keessaa, lafa irraa, lafa jalaas tokko illee macaaficha banee keessa isaa ilaaluu hin dandeenye.
[4] Tokko illee macaaficha banee, keessa isaa ilaaluuf kan male waan hin argaminiif, baay'isee nan boo'e.
[5] Maanguddoota keessaa inni tokko immoo, ?Hin boo'in! Kunoo, leencichi gosa Yihudaa, hidda Daawit keessaa ka'ee mo'eera, inni mallattoo sana torban kutee macaaficha banuu in danda'a? naan jedhe.
[6] Teessicha duras uumama lubbuu qaban arfanii fi maanguddoota gidduu hoolaa waan qalame fakkaatee dhaabatu tokko nan arge. Hoolichi gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; isaan torban kun hafuurota Waaqayyoof hojjechuudhaaf guutummaa biyya lafaatti ergamanii dha.
[7] Hoolichi yeroo sanatti dhaqee harka mirgaa isa teessoo irra taa'ee jiru keessaa macaaficha fudhate.
[8] Yommuu inni macaaficha fudhates uumamni lubbuu qaban arfan, maanguddoonni digdamii arfanis hoolicha duratti in gombifaman. Adda addaan kiraaraa fi qodaa ixaana itti aarsan, isa warqee irraa hojjetame of harkaa qabu; ixaanni qodicha keessa guutee ture; innis kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii ti.
[9] Isaan faarfannaa haaraa yommuu faarfatan, ?Ati macaaficha fudhachuudhaaf, mallattoo isaas banuudhaaf kan maltee dha; ati ofii keetii qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas, namoota dhiiga keetiin Waaqayyoof bitte.
[10] Waaqayyo keenyaaf mootummaadhaaf, luboota isaas akka ta'an isaan godhatte, isaanis lafa irratti mo'uuf jiru? jedhan.
[11] Kana booddee ani ergamoota baay'ee teessichatti, uumama lubbuu qaban sanatti, maanguddoota sanattis naanna'an nan arge; lakkoobsi isaaniis kumaatama, kuma kumaatamaas ture; sagalee isaaniis nan dhaga'e.
[12] Isaan sagalee guddaadhaan, ?Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee dha? jedhan.
[13] Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, ?Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!? jechuu isaanii nan dhaga'e.
[14] Uumamni lubbuu qaban arfanis, ?Ameen!? jedhan; maanguddoonnis gombifamanii sagadan.