Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:10

[1] Wanti guddaan dinqisiisaan tokko, waaqa keessatti in argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji'a miilla jala kaa'attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko in mul'atte.

[2] Isheen ulfa turte; ciniinsuu da'umsaatiinis dhiphattee in iyyite.

[3] Wanti dinqisiisaan biraa tokkos waaqa keessatti in argame; inni immoo bineensa akka jawwee guddaa, diimaa biluu, mataa torba, gaanfa kudhan, mataa isaa torban irratti wanta akka gonfoo torba qabu ture.

[4] Eegeen isaa urjoota waaqa keessa jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa'ee, lafatti gad in darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee liqimsuudhaaf jedhee, ishee da'uuf jettu sana dura in dhaabate.

[5] Isheen ilma saba hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu in deesse; ilmi ishee garuu gara Waaqayyootti, gara teessoo isaattis ol in butame.

[6] Dubartittiin immoo lafa onaatti in baqatte; achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin jiraattu argattuuf qopheesseef, qabdi turte.

[7] Kana booddees waaqa keessatti lolli in ka'e. Mikaa'el, ergamoota isaa wajjin bineensa akka jawwee sana in lole; bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa wajjin deebisee isa in lole.

[8] Bineensichi mirga hin arganne, deebi'ees isaaf ergamoota isaatiif waaqa keessatti iddoon hin argamneef.

[9] Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa wallaalchisu gara biyya lafaatti gad in darbatame; ergamoonni isaas isaa wajjin gad in darbataman.

[10] Ani immoo waaqa keessaa sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis, ?Amma fayyinni, aangoon, mootummaan kan Waaqayyo keenyaa, aboonis kan Masiihii isaatii ta'eera; hadheessituun obboloota keenyaa inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa ture immoo gad darbatameera.

[11] Obboloonni keenya immoo dhiiga hoolichaatiin, dubbii isa dhugaa ba'aniinis isa mo'aniiru; isaan du'atti waan isaan geessu yoo ta'e iyyuu, lubbuu isaanii hin mararsiifanne.

[12] Egaa yaa bantiiwwan waaqaa, warri isaan keessa jiraattanis gammadaa! Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad bu'eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!? jedhe.

[13] Bineensi akka jawwee sun gara lafaatti akka gad darbatame yeroo beeketti, dubartittii ishee ilma deesse sana ari'achuutti in ka'e.

[14] Dubartittiin garuu boficha duraa gara lafa onaa, iddoo itti bara sadii fi walakkaadhaaf waan ittiin jiraattu argattu sanatti, akka balaliituuf baalleen joobira guddichaa lama in kennamaniif.

[15] Yommus bofichi, bishaan lola'ee akka dubartittii haree adeemuuf, dugda ishee duubaan bishaan akkuma isa laga yaa'utti afaan isaa keessaa duukaa gad naqe.

[16] Lafti garuu dubartittii in gargaare; afaan banee laga isa bineensichi akka jawwee sun afaan isaa keessaa yaase gad in dhuge.

[17] Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra abboommii Waaqayyoo eeganii, isa Yesus dhugaa ba'ettis jabaatanii dha.

[18] Bineensichi sun immoo cirracha galaanaa irra in dhaabate.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters