[1] Kana booddee tuuta baay'ee sagalee guddaadhaan waaqa keessaa huursu nan dhaga'e; innis, ?Haaleluyaa! Fayyinni, guddinni, aangoon kan Waaqayyo keenyaa ti!
[2] Firdiin isaa dhugaa, qajeelaas waan ta'eef, inni ejjituu guddittii ishee halalummaa isheetiin biyya lafaa balleessite sanatti faradeera; dhiiga hojjetoota isaatii isa isheen dhangalaaftes gumaa baaseera? jechaa ture.
[3] Ammas itti dabalanii, ?Haaleluyaa! Aarri mandarattii gubattu sanaas baraa hamma bara baraatti ol in ka'a? jedhan.
[4] Maanguddoonni digdamii arfan, uumamni lubbuu qaban arfanis gad gombifamanii, Waaqayyo isa teessoo irra taa'eef sagadanii, ?Ameen, haaleluyaa!? jedhan.
[5] Sagaleen tokko immoo teessicha biraa ba'ee, ?Isin hojjetoonni isaa hundinuu, isin warri isa sodaattan, xinnaanis guddaanis Waaqayyo keenya jajadhaa!? jedhe.
[6] Kana booddee immoo wanta akka sagalee tuuta baay'ee, kan akka huursaa bishaan baay'ee fi guungummii kakawwee humna-qabeessaa tokko nan dhaga'e; innis, ?Haaleluyaa! Gooftaan keenya Waaqayyo, inni hundumaa danda'u in mo'a.
[7] Kottaa in gammannaa, in ililchinas! Maqaa isaas in guddifnaa! Guyyaan gaa'ela hoolichaa ga'eera, misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti!
[8] Uffata quncee talbaa irraa hojjetame, calaqqisaa fi qullaa'aa uffachuun isheedhaaf kennameera? jedhe; uffanni quncee talbaa sunis hojii warra Waaqayyoof qulqullaa'anii isa qajeelaa dha.
[9] Yommus ergamaan sun, ?Warri gara cidha gaa'ela hoolichaatti waamaman haa gammadan! Atis kana caafi!? Itti dabalees, ?Kun dubbii Waaqayyoo isa dhugaa dha? naan jedhe.
[10] Kana irratti isaaf sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe; inni garuu, ?Kana gochuun siif hin ta'u! Ani sii fi obboloota kee warra isa Yesus dhugaa ba'etti qabamaniifis hidhata hojii ti, Waaqayyoof sagadi!? naan jedhe. Inni Yesus dhugaa ba'e immoo isa hafuurri namoota raajii dubbachiisuu dha.
[11] Kana booddee ilaalee, bantiin waaqaa banamee, farda adii tokkos nan arge. Inni fardicha irra taa'es maqaan isaa, ?Amanamaa, dhugaas? in jedhama; firdiitti, lolattis qajeelummaadhaan in hojjeta.
[12] Iji isaa akka barbadaa ibiddaa ti, mataa isaa irra waan akka gonfoo baay'eetu jira; maqaa isa irratti caafamee jiru tokko qaba, garuu isuma malee, namni tokko illee hin beeku.
[13] Uffata dhiiga cuuphame tokko in uffata, maqaan isaas ?Sagalee Waaqayyoo? jedhame.
[14] Loltoonni waaqa keessaa immoo uffata quncee talbaa adii fi qullaa'aa uffatanii, fardeen adaadii irra taa'anii, isa duukaa in bu'an.
[15] Afaan isaa keessaa billaa qaramaa, isa inni ittiin saba Waaqayyoo warra hin ta'in rukututu ba'e. Inni ofii isaatii saba sana siiqqee sibiilaatiin in tiksa; inni ofii isaatii iddoo cuunfaa waynii dheekkamsa sodaachisaa, isa kan Waaqayyo hundumaa danda'uu dhidhiituuf jira.
[16] Uffata isaa irratti, gudeeda isaa irrattis maqaan, ?Mootii moototaa, gooftaa gooftotaas? jedhu caafamee jira.
[17] Kana booddee ergamaan tokko biiftuu irra dhaabatee nan arge. Innis allaattii bantii waaqaa walakkaa balali'an hundumaa sagalee guddaadhaan waamee, ?Kottaa, nyaata isa guddaa Waaqayyoo isiniif qopheesseef walitti qabamaa!
[18] Foon moototaa, foon abboota duulaa, foon warra goototaa, foon fardeenii, kan warra isaan irra taa'aniis, foon nama hundumaa, kan birmaduu, kan garbichaas, kan isa guddaa, kan isa xinnaas nyaachuudhaaf kottaa!? jedhe.
[19] Ergasii immoo bineensichi, mootonni biyya lafaas loltoota isaanii wajjin, isa fardicha irra taa'uuf loltoota isaa loluudhaaf walitti qabamanii nan arge.
[20] Bineensichi in qabame; raajichi sobduun inni fuula isaa duratti milikkita argisiise isaa wajjin in qabame; inni warra gubaa bineensichaa of irratti fudhatanii, bifa fakkeenya isaatiif sagadan milikkita sanaan gowwoomsee ture. Warri qabaman kun lamaan fayyumatti kuufama ibiddaa isa dhagaa boba'uun balalchu keessatti in darbataman.
[21] Warri hafan immoo billaa afaan isa farda irra taa'uu sana keessaa ba'een in ajjeefaman; allaattiin sun hundinuus foon isaan kanaa quufanii in nyaatan.