Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:03

[1] Yommus mana qulqullummaa sana keessaa sagalee guddaa ergamoota torban sanaan, ?Dhaqaa, waciitii dheekkamsa Waaqayyoo torbanuu keessaa lafa irratti gad naqaa!? jedhu nan dhaga'e.

[2] Egaa ergamaan inni duraa achii ba'ee, waciitii isaa keessaa lafa irratti gad in naqe; madaan sodaachisaanii fi dhukkubsaan, namoota gubaa bineensichaa of irraa qabanitti, warra bifa fakkeenya isaatiif sagadanittis in nam'e.

[3] Ergamaan inni lammaffaan immoo waciitii isaa keessaa galaana irratti gad in naqe; innis akka dhiiga nama du'u keessaa dhangala'ee ta'e; wanti lubbuu qaban galaana keessa jiraatan hundinuus in du'an.

[4] Ergamaan inni sadaffaan immoo waciitii isaa keessaa laga irratti burqituu bishaanii irrattis gad in naqe; isaan immoo dhiiga in ta'an.

[5] Yommus ani, ergamaan waa'ee bishaanii beeku dubbachuu isaa nan dhaga'e; innis, ?Ati, yaa isa qulqulluu, inni jirtu, inni turtes, firdii kana kennuun kee qajeelaa dha!

[6] Namoonni dhiiga warra siif qulqullaa'anii, kan raajotaas dhangalaasaniiru; ati immoo dhiiga akka dhuganiif isaaniif laatteetta; kun wanta isaaniif ta'uu dha!? jedhe.

[7] Sagaleen tokkos iddoo aarsaatii, ?Eyyee, yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, firdiin kee dhugaa dha qajeelaa dhas!? utuu jedhuu nan dhaga'e.

[8] Ergamaan inni afuraffaan immoo waciitii isaa keessaa biiftuu irratti gad in naqe; inni immoo ibidda isaatiin namoota waxaluun in kennameef;

[9] namoonnis ho'a sodaachisaa sanaan in waxalaman. Kana keessaa immoo isaan Waaqayyoon isa dha'icha kana hundumaa irratti gooftummaa qabu maqaa balleessan malee, yaada garaa isaanii hin geddaranne, Waaqayyoofis ulfina hin laanne.

[10] Ergamaan inni shanaffaan immoo waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti gad in naqe; mootummaan bineensichaas dukkanaan in liqimfame; namoonnis dhiphina irraa kan ka'e arraba isaanii in cicciniinan.

[11] Dhiphina isaanii fi madaa isaanii irraa kan ka'es, Waaqayyo gooftaa waaqaa maqaa balleessan malee, yaada garaa isaanii geddaratanii hojii isaanii irraa hin deebine.

[12] Ergamaan inni ja'affaan immoo waciitii isaa keessaa Efraaxiis laga guddicha irratti gad in naqe; bishaanichi in goge, mootonni warra ba'a-biiftuu akka dhufaniifis karaan in banameef.

[13] Yommus ani afaan bineensa isa akka jawwee sanaa keessaa, afaan bineensicha isa kaanii keessaa, afaan raajii sobduu keessaas hafuuronni xuraa'on sadii fattee fakkaatanii utuu ba'anii nan arge.

[14] Isaan hafuurota Seexanaa warra milikkita garaa garaa argisiisanii dha; isaan kun mootota, guutummaa biyya lafaa lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda'u sanaaf, walitti qabuudhaaf warra ba'anii dha.

[15] Sagaleen tokkos, ?Kunoo! Ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, namni dammaqu, namni qullaa isaa adeemee saalli isaa bakkeetti akka hin mul'annetti, uffata isaa eeggatu haa gammadu!? jedhe.

[16] Hafuuronni hamoonni sun mootota sana iddoo afaan Ibrootaatti ?Armaagedoon? jedhamutti walitti in qaban.

[17] Ergamaan inni torbaffaan immoo waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti gad in naqe; sagaleen guddaan tokkos mana qulqullummaa keessaa, teessoo sana biraa ba'ee, ?Ta'eera!? jedhe.

[18] Balaqqeessi in balaqqeessa'e; sagaleen biraa, kakawweenis wal jalaa in qaban, laftis guddisee in socho'e; guddinni socho'a lafaa sunis erga namni lafa irratti uumamee, sanyiin isaa takkaa kan hin ta'inii dha.

[19] Mandarri inni guddichi kutaa sadiitti gargar in cabe, mandaroonni saba biyya lafaa in jijjigan; Waaqayyo immoo Baabilon guddittiin xoofoo dheekkamsa isaa isa sodaachisaa keessaa akka dhugduuf isheedhaaf kennuu in yaadate.

[20] Biyyi bishaan keessaa hundinuu baqatee in sokke; tulluunis hin argamne.

[21] Cabbiin dhagaa gurguddaa, tokkon tokkon isaa akka kiilo giraamii jaatamaa ulfaatu waaqa keessaa namoota irra in bubbu'e; dha'ichi cabbii sunis baay'ee guddaa sodaachisaa waan ta'eef, isa irraa kan ka'e namoonni Waaqayyoon maqaa in balleessan.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters