Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:15

[1] Kana booddee hoolichi mallattoowwan torban keessaa isa tokko utuu banuu nan arge; uumama lubbuu qaban arfan keessaa immoo inni tokko sagalee akka kakawweetiin, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e.

[2] Ani achi ilaaleen farda adii tokko arge; inni fardicha irra taa'e immoo iddaa harkatti qabate; gonfoon tokkos isaaf in kenname. Inni mo'aa, ammas mo'uudhaaf in ba'e.

[3] Yeroo hoolichi mallattoo isa lammaffaa bane immoo, uumamni lubbuu qabu inni lammaffaan, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e.

[4] Fardi biraa diimaa biluun tokkos in ba'e; isa fardicha irra taa'eef immoo nagaa lafa irraa balleessuuf, namoonnis akka wal gorra'an gochuun in kennameef; akkasumas billaan guddaan tokko isaaf in kenname.

[5] Yeroo hoolichi mallattoo isa sadaffaa bane immoo, uumamni lubbuu qabu inni sadaffaan, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e. Anis achi ilaaleen farda gurraacha tokko arge; inni fardicha irra taa'es madaalii of harkaa qaba ture.

[6] Yommus ani wanta sagalee fakkaatu, isa uumama lubbuu qaban arfan gidduudhaa, ?Qamadii safartuu xinnoo tokko gatii dadhabbii guyyaa tokkoo, garbuu safartuu xinnoo sadiis gatii dadhabbii guyyaa tokkoo godhi! Ejersaa fi muka waynii garuu hin miidhin!? jedhu nan dhaga'e.

[7] Yeroo hoolichi mallattoo isa afuraffaa bane immoo, sagaleen uumama lubbuu qabu isa afuraffaa, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e.

[8] Yommus ani achi ilaaleen farda baalqajjii tokko arge. Inni fardicha irra taa'es maqaan isaa ?Du'a? in jedhama, mootummaan warra du'aniis isa duukaa adeeme. Lafa kana irratti harka afur keessaa harka tokko, billaadhaan, beelaan, dha'ichaan, bineensa caakkaatiin akka ajjeesaniif aboon isaaniif in kenname.

[9] Yeroo hoolichi mallattoo isa shanaffaa bane immoo, ani iddoo aarsaa jalatti lubbuu warra dubbii Waaqayyootiif, wanta dhugaa ba'aa turanitti jabaachuu isaaniitiifis jedhanii qalamanii nan arge.

[10] Isaan sagalee guddaadhaan iyyanii, ?Yaa gooftaa guddaa, qulqulluu fi dhuga-qabeessaa! Warra lafa irra jiraatanitti nuuf faraddee hamma dhiiga keenyaaf gumaa nuuf baaftutti hammam tura?? jedhan.

[11] Yommus adduma addaan uffanni adaadiin isaaniif kenname, obboloonni isaanii, hojii Waaqayyoo keessatti hidhati isaanii, warri akkuma isaanii ajjeefamuuf jiran hamma raawwatanii gumaa'anitti, yeroo xinnoo dabalanii akka aara galfatan isaanitti himame.

[12] Kana booddee hoolichi mallattoo isa ja'affaa banuu isaa nan arge. Socho'a lafaa guddaa tokkotu ta'e; biiftuunis akka cilaattii eelee in taate, ji'i guutummaatti akka dhiigaa diimate.

[13] Akka ija harbuu qilleensi jabaan raasee harcaasutti, urjoonni waaqa keessaa lafatti gad harca'an.

[14] Waaqni tarsa'ee gargar baafame, akka macaafa maramuu danda'utti in marame; tulluun, biyyi bishaan keessaa hundinuus iddoo isaaniitii in butaman.

[15] Kana booddee, mootonni lafa kana irraa, namoonni gurguddoonni, abboonni duulaa, sooreyyiin, jajjaboonni, garbichi, birmaduunis hundinuu holqa keessa, kattaa tullootaa gidduus in dhokatan.

[16] Tullootaa fi kattaawwanis waammatanii, ?Nu irratti jigaa, fuula isa teessoo irra taa'uu duraa, dheekkamsa hoolichaa duraas nu dhoksaa!

[17] Guyyaan guddaan inni itti isaan kun dheekkaman dhufeera; egaa eenyutu dura dhaabachuu danda'a ree?? jedhan.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters