[1] Uleen akka ulee safaraa tokko anaaf in kenname; yommus tokko anatti dubbatee, ?Ka'i! Mana qulqullummaa Waaqayyoo iddoo aarsichaas safariitii namoota achitti sagadanis lakkaa'i!
[2] Garuu oobdii mana qulqullummaa safaruu dhiisi! Inni warra saba Waaqayyoo hin ta'initti kennameera; isaan immoo ji'a afurtamii lamaaf mandara qulqullaa'aa sana dhidhiituuf jiru.
[3] Dhuga-baatonni koo lamaan uffata gaddaa uffatanii, guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaataman sana raajii akka dubbataniif ani karaa nan kennaaf? jedhe.
[4] Dhuga-baatonni lamaan immoo, muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaan Waaqayyo gooftaa biyya lafaa dura dhaabatanii dha.
[5] Eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa ba'ee diinota isaanii in fixa; eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaades akkasitti ajjeefamuun irra jira.
[6] Isaan kun lamaan bara raajii dubbatan sana waaqa keessaa bokkaan akka hin roobneef cufuudhaaf aboo qabu; bishaanota dhiigatti geddaruudhaaf, yeroo barbaadanittis dha'icha waan jedhamu hundumaan biyya lafaa rukutuudhaaf aboo qabu.
[7] Yommuu isaan dhugaa ba'uu isaanii raawwatan, bineensichi iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'ee, lola isaanitti kaasuuf, isaan mo'uuf, isaan ajjeesuufis jira.
[8] Reeffi isaaniis mandaricha guddicha isa gooftaan isaanii duraan itti fannifame keessaa karaa irratti argamuuf jira; mandarri sunis ija hafuuraatiin yommuu ilaalamu ?Sodoom yookiis Gibxi? jedhamee in waamama.
[9] Nama hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa warri dhufan, guyyaa sadii fi walakkaadhaaf reeffa isaanii lafatti in ilaalu malee, hin awwaalchisan.
[10] Warri biyya lafaa irra jiraatan kanatti in gammadu; kun isaanitti in tola; raajonni warra biyya lafaa irra jiraatan dhiphisan kun waan du'aniifis, namoonni gammadanii kennaa waliif in ergu.
[11] Guyyaa sadii fi walakkaa booddee immoo hafuurri jireenya kennu Waaqayyo biraa dhufee, raajota du'an sanatti gale. Isaanis ka'anii dhaabatan; warri isaan argan hundinuu guddaa in sodaatan.
[12] Yommus raajonni lamaan sun waaqa keessaa sagalee guddaa, ?As ol kottaa!? jedhee isaan waamu tokko in dhaga'an. Isaan duumessa keessa gara waaqaatti ol in ba'an; diinonni isaaniis kana in argan.
[13] Yeroo sanattis socho'a lafaa guddaatu ta'e; harka kudhan keessaa harki tokkon mandarichaa in jijjige. Namoonni beekamoonni kumni torba socho'a lafaa kanaan ajjeefamanii, warri hafan immoo sodaatanii, Waaqayyo gooftaa waaqaaf hooqubaa dhi'eessan.
[14] Wayyoon inni lammaffaan darbeera; wayyoon inni sadaffaan immoo kunoo dafee in dhufa.
[15] Kana booddees ergamichi torbaffaan malakata isaa afuufe. Waaqa keessaas sagaleen guddaan, ?Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta'eera; inni immoo baraa hamma bara baraatti in mo'a? jedhu in dhaga'ame.
[16] Maanguddoonni digdamii arfan warri fuula Waaqayyoo dura teessoo isaanii irra taa'an, adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoof in sagadan.
[17] Isaan, ?Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, kan jirtuu, kan turtes, humna kee isa guddaa fudhattee waan mooteef, galata siif in dhi'eessina!
[18] Saba Waaqayyoo warri hin ta'in dheekkamaniiru, garuu dheekkamsi kee dhufeera; yeroon warri du'an firdii argatan ga'eera; yeroon hojjetoonni kee raajonni, warri siif qulqullaa'an, warri si sodaatan xixinnaan, gurguddaanis, gatii isaanii itti argatan ga'eera; yeroon warri biyya lafaa balleessan itti balleeffamanis ga'eera? jedhan.
[19] Kana booddee manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee, sanduuqi kakuu mana qulqullummaa isaa keessaas in argame; balaqqeessi in balaqqeessa'e, sagaleen biraa, kakawweenis wal jalaa in qaban, lafti in socho'e, cabbiin guddaanis in bu'e.