Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:41

[1] Kana booddees ergamoonni afur golee lafaa arfan irra dhaabatanii, qilleensi lafatti, galaanatti, mukattis akka hin qilleensofnetti qilleensota golee arfanii ittisuu isaanii nan arge.

[2] Ergamaan tokko immoo Waaqayyo isa jiraataa biraa mallattoo fudhatee karaa boruu utuu ba'uu nan arge. Ergamichis ergamoota arfan warra lafaa fi galaana miidhuun isaaniif kenname sana sagalee guddaadhaan waamee,

[3] ?Hamma nuyi adda hojjetoota Waaqayyo keenyaatti mallattoo goonutti lafa, galaana, mukas hin miidhinaa!? isaaniin jedhe.

[4] Lakkoobsa warra mallateeffamaniis nan dhaga'e; gosa ijoollee Israa'el hundumaa keessaa kumaatama dhibbaa fi kuma afurtamii afurtu mallateeffame.

[5] Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lamatu mallateeffame; gosa Ruuben keessaa kumni kudha lama, gosa Gaadi keessaa kumni kudha lama,

[6] gosa Aseer keessaa kumni kudha lama, gosa Niftaalem keessaa kumni kudha lama, gosa Minaasee keessaa kumni kudha lama,

[7] gosa Shimi'oon keessaa kumni kudha lama, gosa Lewwii keessaa kumni kudha lama, gosa Yisaakor keessaa kumni kudha lama,

[8] gosa Zebuloon keessaa kumni kudha lama, gosa Yoseef keessaa kumni kudha lama, gosa Benyaamiin keessaa kumni kudha lama in mallateeffaman.

[9] Kana booddees ilaaleen tuuta sonaan baay'ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaa'uu hin dandeenye nan arge; isaan uffata adii uffatanii, damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii teessicha dura hoolicha duras in dhaabatu turan.

[10] Jarri kunis sagalee guddaadhaan, ?Fayyinni Waaqayyo keenya isa teessicha irra taa'u biraa, hoolicha biraas in argama!? jedhan.

[11] Ergamoonni teessicha, maanguddoota, uumama lubbuu qaban arfanis naanna'anii dhaabatan hundinuu teessicha duratti adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoof in sagadan.

[12] Sagada isaanii keessattis, ?Ameen! Waaqayyo keenyaaf hooqubaan, guddinni, ogummaan, galanni, ulfinni, humni, aangoonis baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen!? jedhan.

[13] Ergasii maanguddoota keessaa inni tokko, ?Warri uffata adii uffatan kun eenyufa'i, eessaa dhufanis?? jedhee na gaafate.

[14] Ani immoo, ?Gooftaa ko, situ beeka!? jedheen deebiseef. Inni immoo, ?Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba'anii dhufanii dha; uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.

[15] Kanaaf isaan teessoo Waaqayyoo duratti argamanii, halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti isaaf in hojjetu; inni teessoo irra taa'us godoo isaa diriirsee isaan irra in jiraata.

[16] Egaa deebi'anii hin beela'an, hin dheebotanis; aduun, wanti gubus isaanitti hin bu'u.

[17] Hoolichi teessicha dura gara gidduu jiruus isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa; Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa? anaan jedhe.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters