Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:42

[1] Kana booddees ergamaan banaa iddoo isa lafa jala sanaa, fuuncaa guddaas of harkaa qabu tokko, waaqa keessaa gad bu'uu isaa nan arge.

[2] Inni bineensa akka jawwee, bofa bara durii, Diiyaabilos, Seexana sana qabee, waggaa kuma tokkoof in hidhe.

[3] Waggaan kumni sun hamma raawwatamutti, akka inni deebi'ee saba biyya lafaa hin wallaalchifnetti, iddoo isa lafa jalaa sanatti darbatee, balbala itti cufee mallattoo itti godhe; isa booddee garuu yeroo muraasaaf gad dhiifamuun in ta'aaf.

[4] Kana booddees teessotaa fi warra firdii kennuun isaaniif kenname teessota sana irra taa'an nan arge; akkasuma immoo lubbuu warra isa Yesus dhugaa ba'etti, dubbii Waaqayyoottis jabaachuu isaaniitiif mormatti kukkutamanii, warra bineensichaaf, fakkeenya isaaf hin sagadin, gubaa isaas adda isaanii fi harka isaaniitti hin fudhatin nan arge. Isaan deebi'anii jiraatanii, waggaa kuma tokkoof Kristosii wajjin in mo'an.

[5] Kun du'aa ka'uu isa duraa ti; warra du'an keessaa isaan kana malee, warri hafan, waggaan kumni sun hamma raawwatamutti deebi'anii hin jiraanne.

[6] Namni du'aa ka'uu isa duraa kana keessaa qooda qabu attam gammada! Attamis Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha! Duuni lammaffaan warra akkasii irratti humna hin qabu; isaanoo luboota Waaqayyoo, luboota Kristosis ta'anii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof mo'uuf jiru.

[7] Waggaan kumni sun yommuu raawwatamu, Seexanni iddoo itti hidhamee turee gad in dhiifama.

[8] Inni saba golee lafaa arfan keessa jiran Googin, Maagooginis, gowwoomsuudhaaf, lolaaf walitti isaan qabuudhaafis in ba'a; lakkoobsi isaaniis akka cirracha galaanaa ti.

[9] Isaan kun lafa bal'aatti ba'anii, buufata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, mandara jaallatamtuu sanas in marsan; garuu ibiddi waaqa keessaa bu'ee isaan fixe.

[10] Seexanni inni isaan gowwoomses kuufama ibiddaa fi dhagaa boba'u, lafa bineensichii fi raajiin sobduun sun jiranitti gad in darbatame; isaan baraa hamma bara baraatti halkanii fi guyyaa dhiphifamuuf jiru.

[11] Kana booddees teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taa'e nan arge; laftii fi waaqni fuula isaa duraa in baqatan, iddoonis isaaniif hin argamne.

[12] Warra du'anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge. Macaafonni in banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri du'an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan.

[13] Galaanni warra du'anii isa keessa turan of keessaa baasee in kenne. Duunii fi mootummaan warra du'aniis, warra du'anii isaan harka turan of harkaa baasanii in kennan; namni hundinuu adduma addaan akka hojii isaatiitti firdii in argate.

[14] Kana booddees duunii fi mootummaan warra du'anii kuufama ibiddaatti gad in darbataman; kuufamni ibiddaa kun du'a isa lammaffaa dha.

[15] Namni maqaan isaa macaafa isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman keessatti hin argaminis, kuufama ibiddaatti gad in darbatame.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters