[1] Kana booddee immoo bineensi tokko galaana keessaa utuu ba'uu nan arge; bineensichis gaanfa kudhanii fi mataa torba, gaanfa isaa irratti waan akka gonfoo kudhan, mataa isaa torban irrattis maqaa ulfinaa, Waaqayyoon arrabsuudhaaf kennaman qaba ture.
[2] Bineensi ani arge qeerransa in fakkaata ture; miilli isaa akka miilla amaaketaa ti, afaan isaas akka afaan leencaa ti; bineensi akka jawwee sunis humna isaa, teessoo isaa, aboo isaa isa guddaas bineensichaaf in kenne.
[3] Mataa isaa torban keessaa inni tokko hamma du'aatti waan madaa'e in fakkaata; rukuttaan du'aan ga'u sunis deebi'ee fayye ture. Namoonni guutummaa biyya lafaa dinqifatanii yaadaan bineensicha duukaa bu'an.
[4] Bineensicha isa kanaaf iyyuu aboo kan kenneef bineensa akka jawwee sana waan ta'eef, namoonni isaaf in sagadan; akkasuma immoo bineensa isa kaaniif sagadanii, ?Eenyutu akka bineensa kanaa ta'a? Eenyutus bineensicha loluu danda'a?? jedhan.
[5] Dubbii gurratti guddaa fakkaatuu fi Waaqayyoon kan arrabsu dubbachuudhaaf afaan in kennameef; ji'a afurtamii lamaaf kana gochuudhaaf aboon in kennameef.
[6] Yommus bineensichi Waaqayyo irratti arrabsoo dubbachuudhaaf, maqaa Waaqayyoo, iddoo buufata isaa, warra waaqa keessa isa bira buufatanis arrabsuudhaaf afaan isaa in bane.
[7] Warra Waaqayyoof qulqullaa'an lolee isaan mo'uunis in kennameef; gosa hundumaa irratti, nama hundumaa irratti, afaan hundumaa irratti, saba hundumaa irrattis aboon in kennameef.
[8] Warra lafa irra jiraatan keessaa, uumamuu biyya lafaatii jalqabee maqaan isaanii macaafa hoolicha qalamee, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman irratti hin argamne hundinuu, bineensichaaf sagaduuf jiru.
[9] Namni gurra qabu haa dhaga'u!
[10] Namni booji'amuuf jiru, booji'amuun isaa hin oolu; namni billaadhaan ajjeefamuuf jiru, billaadhaan ajjeefamuun isaa hin oolu; kana keessatti obsaan danda'uunii fi amantiin warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, in barbaadama.
[11] Kana malees bineensa lafa keessaa ba'u biraa tokko nan arge; akka hoolaa gaanfa lama qaba, akkuma bineensa akka jawwee sanas in dubbata ture.
[12] Bineensi inni lammaffaan kunis aboo bineensi inni duraa qaba ture hundumaan, isuma duratti in hojjeta; biyyi lafaa, warri isa keessa jiraatanis bineensa isa duraa, isa rukuttaan du'aan ga'u deebi'ee fayyeef sanaaf, akka sagadan in godha.
[13] Inni milikkita gurguddaa in argisiisa; ibidda iyyuu ija namootaa duratti waaqa keessaa lafatti gad in buusa.
[14] Milikkita bineensa isa duraa sana duratti akka inni argisiisuuf kennameef sanaan, warra lafa irra jiraatan in wallaalchisa; warra biyya lafaa irra jiraatan sana wallaalchisuudhaafis, bifa fakkeenya bineensicha billaadhaan rukutamee deebi'ee jiraatee, waaqessuudhaaf akka tolfatan isaanitti in hima.
[15] Bifa fakkeenya bineensa isa duraa sanatti lubbuu itti gochuun, bineensa isa lammaffaa sanaaf kennamee ture; kana irraa kan ka'es bifni fakkeenya bineensichaa kun dubbachuu iyyuu danda'ee, hammi isaaf hin saganne akka ajjeefaman in godhe.
[16] Bineensichi namni hundinuu, xinnaan, guddaan, sooressi, hiyyeessi, birmaduun, garbis harka mirgaa irratti yookiis adda irratti gubaa akka qabaatu in gochisiisa.
[17] Kana gochuun isaas namni gubaa bineensicha isa duraa, isa maqaa isaa yookiis lakkoobsa maqaa isaa argisiisu of irraa yoo qabaate malee, bituus gurguruus akka hin dandeenyeef.
[18] Kana keessatti ogummaan in barbaadama; lakkoobsi kun maqaa namaatiif waan dhaabatuuf, namni sammuu qabu lakkoobsicha lakkaa'ee bira ga'uu in danda'a; lakkoobsi isaa immoo dhibba ja'aa fi jaatamii ja'a.