Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:42

[1] Ergasii immoo ergamaan aango-qabeessi biraa tokko waaqa keessaa utuu gad bu'uu nan arge. Inni duumessa ofitti maree, naannoo mataa isaattis sabbata Waaqayyoo qaba ture; fuulli isaa akka biiftuu in calaqqisa, miillan isaas akka utuboota ibiddaa turan.

[2] Inni macaafa maramu xinnaa banamaa isaa of harkaa qaba ture; miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaas lafa gogaa irra in kaa'ate;

[3] sagalee guddaa akka sagalee leenca aaduutiinis in iyye. Yeroo inni iyye sanatti kakawween torban sagalee isaanii in dhageessisan.

[4] Akkuma isaan dubbataniin, ani waan isaan jedhan caafuufan ture; garuu sagalee waaqa keessaa, ?Wanta kakawween torban dubbatan cufii garaatti qabadhu malee, hin caafin!? jedhu nan dhaga'e.

[5] Ergamaan inni ani galaana irra, lafa gogaa irras dhaabatee arge sun, harka isaa mirgaa gara waaqaatti ol qabe.

[6] Maqaa isa baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa waaqa, wanta isa keessa jirus, lafa, wanta isa keessa jirus, galaana, wanta isa keessa jirus, uume sanaan kakatee, ?Si'achi lafa irra harkisuun hin jiru;

[7] bara malakanni inni torbaffaan afuufamutti garuu, wanti Waaqayyo dhoksaatti akeeke, akkuma inni raajota hojjetoota isaatti himee ture sanatti, raawwatamuuf jira? jedhe.

[8] Yommus sagaleen inni duraan waaqa irraa anatti dubbachuu isaa dhaga'e sun, deebisee anatti dubbatee, ?Dhaqiitii macaafa maramu isa banamaa, ergamaa isa miilla tokkoon galaana irra, miilla tokkoon lafa gogaa irra dhaabate sana harkaa fudhadhu!? naan jedhe.

[9] Ani yommus gara ergamichaa dhaqeen, macaafa maramu isa xinnaa sana anaaf akka kennuuf nan gaafadhe. Inni immoo, ?Macaaficha fudhadhu, nyaadhu! Inni garaa kee hadhaa'aa in godha, afaan kee keessatti immoo miyaa'aa akka dammaa in ta'a? naan jedhe.

[10] Kanaaf ani macaafa maramu isa xinnaa sana harka ergamichaa keessaa fuudhee nan yaadhe; inni afaan koo keessatti akka dammaa miyaa'aa ture; ergan isa nyaadhee booddee garuu garaan koo hadhaa'aa ta'e.

[11] Akkasumas, ?Ati waa'ee namoota baay'ee, saba baay'ee, afaan baay'ee, mootota baay'ee raajii dubbachuun si irra jira? jedhamee anatti himame.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters