Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:35

[1] Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu.

[2] Yerusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamtetti, qophooftee utuu gad buutuu nan arge.

[3] Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis teessoo sana biraa, ?Kunoo iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta'uuf jira.

[4] Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi'ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si'achi hin jiru!? jedhe.

[5] Inni teessoo irra taa'e immoo, ?Kunoo ani waan hundumaa haaraa nan godha!? jedhe; itti dabalees, ?Dubbiin kun amanamaa, dhugaas waan ta'eef, kana caafi!? naan jedhe.

[6] Akkasumas, ?Ta'eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jalqabaa ti isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennu irraa tola nan kennaaf.

[7] Inni mo'u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaa nan ta'a, innis ilma koo in ta'a.

[8] Qoodi warra lugnootaa, warra amantii hin qabnee, warra ciigga'amoo, warra gumaa, warra halalee, warra qoricha namatti godhanii, warra waaqayyolii tolfaman waaqessanii, warra sobduu hundumaas garuu, kuufama ibiddii fi dhagaan boba'u keessaa balalchu in ta'a; innis du'a lammaffaa dha? naan jedhe.

[9] Ergasii ergamoota torban warra waciitii torba dha'icha gara dhumaa torban keessa guutan of harkaa qabu turan keessaa inni tokko dhufee, anatti dubbatee, ?Kottu! Ishee misirroo, haadha manaa hoolichaa sitti nan argisiisa!? jedhe.

[10] Hafuuraanis ol fuudhee gara tulluu guddaa dheeraa tokkootti na geesse; Yerusaalem mandara qulqullittii Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa gad buutus anatti in argisiise.

[11] Isheen ulfina Waaqayyoo qabdi, calaqqisi ishees akka dhagaa baay'ee gati-jabeessaa, akka Yaasphis, qullaa'aa akka cabbii tis.

[12] Masaraa guddaa dheeraa qabdi turte, masarichis karra kudha lama qaba; karra sana irras ergamoota kudha lamatu ture. Mataa karra sanaa irratti maqaan gosa ijoollee Israa'el kudha lamaan caafamee jira;

[13] karaa ba'a-biiftuu karra sadii, karaa harka bitaa karra sadii, karaa harka mirgaa karra sadii, karaa lixa-biiftuu karra sadiitu turan.

[14] Hundeen masaraa sanaa kan irra dhaabate immoo dhagoota kudha lama, isaan irratti immoo maqaan ergamoota hoolichaa warra bartoota isaa turan kudha lamaanii caafamee jira.

[15] Ergamaan inni anatti dubbates, mandarattii, karra ishee, masaraa ishees safaruudhaaf ulee safaraa warqee irraa hojjetame tokko qaba ture.

[16] Mandarattiin gara arfaniin wal qixxee, hojjaan ishee fi garaan ishees tokkicha ture. Ergamichis ulee safaraa isaatiin mandarattii in safare, gar tokkoon ishees kiilo metrii kuma lamaa fi dhibba sadii in ta'e; hojjaan ishee, garaan ishee, ol ka'inni ishees wal qixxee ture.

[17] Masaraa ishees in safare, innis akka safara dhundhuma namaa, ergamichi ittiin safaretti, dhundhuma dhibbaa fi afurtamii afur ta'e.

[18] Masaraan ishee dhagaa Yaasphis irraa hojjetame; mandarattiin immoo warqee qullaa'aa isa akka of ilaalee qullaa'aa keessaan waa arganiitiin ijaaramte.

[19] Hundeen masaraa mandarattii dhagaa gati-jabeessa adda addaatiin miidhagfamee ture. Dhagaa gati-jabeessi hundeen irra dhaabate sunis inni duraa Yaasphis, inni lammaffaan Safiiros, inni sadaffaan Kaalqedon, inni afuraffaan Simaaragidos,

[20] inni shanaffaan Sardoniikis, inni ja'affaan Saardiyon, inni torbaffaan Krisoliixos, inni saddeetaffaan Beerilos, inni salgaffaan Tophaaziyon, inni kurnaffaan Krisophraasos, inni kudha tokkoffaan Hiiyaakinxos, inni kudha lammaffaan Ametiisxos ture.

[21] Karri kudha lamaan callee gati-jabeeyyii kudha lama turan, karri sunis adduma addaan callee gati-jabeessa tokko irraa hojjetaman; karaan mandarattii sanaa warqee qulqulluu isa akka of-ilaalee keessaan waa argamu irraa hojjetame.

[22] Manni qulqullummaa ishee Waaqayyo gooftaa isa hundumaa danda'uu fi hoolicha waan ta'eef, ani mana qulqullummaa tokko illee mandarattii keessatti hin argine.

[23] Biiftuun yookiis ji'i mandarattii irratti ibsuun barbaachisaa miti; ulfinni Waaqayyoo ifa ishee ti, hoolichis ibsaa ishee ti!

[24] Sabni ifa isheetiin in deddeebi'u, mootonni biyya lafaas wanta ulfina qabu isaan bira jiru, gara isheetti in fidu.

[25] Karri ishee matumaa guyyaadhaan hin cufaman, halkan immoo achi hin jiru.

[26] Wanti ulfina-qabeessi, wanti gati-qabeessi saba biyya lafaa bira jiru gara isheetti in fidama.

[27] Macaafa hoolichaa isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman sana keessatti, warra argaman duwwaa malee, wanti xuraa'aan tokko illee, warri wanta ciiggaasisaa yookiis wanta sobaa hojjetan tokko illee achitti hin galan.

Mul'ata Yohannisitti Mul'ate — Chapters