Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:07

[1] Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Ilaa! Ani mootii Aayi, saba isaa, mandara isaa, biyya isaas harka kee keessa buuseeraatii hin sodaatin, hin na'inis; jara lolaa guutummaatti fudhadhuutii ka'ii, Aayitti ol ba'i!

[2] Akkuma Yerikoo fi mootii ishee goote, Aayii fi mootii ishee akkasuma in goota; mandarattii duubaan nama riphee ciisu kaa'i! Horii qe'ee fi waan mandarattii keessaa boojitu garuu ofii keetii fudhadhu!” jedhe.

[3] Kana irratti Iyaasuun jara lolaa hundumaa wajjin Aayitti ol ba'uudhaaf in ka'e; Iyaasuunis namoota jagna jajjaboo kuma soddoma fo'ee halkaniin ergee,

[4] isaan abboomee,“Mandarattii duubaan riphaa ciisaa, hundumti keessan qophaa'aatii taa'aa malee, isheettii baay'ee hin fagaatinaa!

[5] Anii fi namoonni anaa wajjin jiran hundinuu mandarattiitti in dhi'aanna; yommuu isaan akkuma durii nu loluudhaaf nutti ka'an, nuyi isaan duraa in baqanna;

[6] isaan “Akkuma durii nu jalaa baqatu” jedhanii mandarattii keessaa ba'anii, nu duukaa bu'anii, mandarattii irraa akka fagaatan hamma goonutti nuyi isaan jalaa in baqanna.

[7] Yommus Waaqayyo gooftaan keessan mandarattii harka keessan keessa in buusaatii, isin immoo iddoo riphxanii ciiftanii ka'aatii mandarattii qabadhaa!

[8] Mandarattii yommuu qabattan, ibidda itti naqaatii gubaa! Ilaa! Ani isinitti himeeraa, akkuma Waaqayyo isin abboome godhaa!” jedhe.

[9] Kana booddee Iyaasuun isaan in erge; isaanis iddoo sana dhaqanii, mandara Aayi irraa gara lixa biiftuutiin mandara Aayii fi Bet'el gidduu riphanii ciisan; Iyaasuun immoo halkan sana namoota warra kaan biratti in hafe.

[10] Iyaasuun ganama obboroodhaan ka'ee jara tarree galche; innii fi jaarsoliin Israa'el jara dura bu'anii, utuma warri biyyasii ilaalanii mandara Aayitti ol in ba'an.

[11] Jarri lolaa warri isaa wajjin turan hundinuu ol ba'anii fuulleedhaan mandarattiitti dhi'aatanii, mandara Aayi sana irraa gara bitaatiin in buufatan; isaanii fi Aayi gidduus dachaa tokkotu ture.

[12] Yommus Iyaasuun akka namoota kuma shanii fuudhee akka isaan riphanii ciisaniif mandarattii irraa gara lixa biiftuutti mandara Bet'elii fi Aayi gidduu in kaa'e.

[13] Akkasitti humna waraanaa warra buufata keessa jiran mandarattii irraa gara harka bitaatiin, warra riphanii ciisan immoo mandarattii irraa gara lixa biiftuutiin iddoo in qabachiisan; Iyaasuun garuu halkan sana dachaa sanatti in lixe.

[14] Mootiin Aayi kana yommuu arge, innii fi namoonni mandarattii keessaa yeroo dhaaba isaaniitti ariifatanii obboroodhaan ba'anii waraannaan Israa'elin waraanuudhaaf gara dachaa Yordaanos gara fuullee Arabaayitti gad in bu'an; mootichi garuu akka namoonni mandarattii duuba riphanii ciisanii isa eeggatan hin beekne.

[15] Iyaasuunii fi warri Israa'el hundinuu waan mo'aman fakkeessanii gara lafa onaatti isaan duraa in baqatan.

[16] Namoonni mandarattii keessa jiran hundinuus isaan duukaa bu'anii ari'uudhaaf in waamaman; jarris Iyaasuu duukaa bu'anii utuu ari'anii, mandarattii irraa in fagaatan.

[17] Namni Israa'el duukaa bu'ee ari'uudhaaf mandara Aayii fi Bet'el keessaa hin ba'in hin turre; mandarattii eegumsa malee banaatti dhiisanii warra Israa'el duukaa bu'anii ari'an.

[18] Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Bodee harka kee keessa jiru gara Aayitti qabi! Ani mandarattii harka kee keessa nan buusa” jedhe; achumaan Iyaasuun bodee harka isaa keessa ture gara Aayitti in qabe.

[19] Warri riphanii ciisan sun ariitiidhaan iddoo isaaniitii ka'anii akkuma Iyaasuun harka isaa diriirseen fiiganii mandarattii lixanii qabatanii, achumaan ibidda itti naqan.

[20] Warri Aayi immoo gara galanii yommuu ilaalan aarri mandarattii ishee gubachaa jirtu gara waaqaatti utuu ol ka'uu argan; namoonni Israa'el warri gara lafa onaatti isaan duraa baqachaa turan deebi'anii warra isaan ari'aa ture kanatti waan gara galaniif, isaan gara itti baqatan in dhaban.

[21] Iyaasuunii fi warri Israa'el hundinuu jarri riphanii ciisan sun mandarattii akka qabatan, aarri mandarattiis akka ol ka'e yommuu argan, itti gara galanii warra Aayi in rukutan.

[22] Warri mandarattii qabatan sun ishee keessaa gad itti dhufanii, warri kaan immoo karaa duubaa itti dhufanii warra Aayi gidduutti in galfatan; akkasitti namoonni Israa'el isaanitti marsanii namni tokko illee utuu hin hafin yookiis utuu jalaa hin ba'in rukutanii hunduma isaanii in fixan.

[23] Mootii Aayi garuu booji'anii fayyaatti gara Iyaasuutti in fidan.

[24] Warri Israa'el namoota Aayi warra isaan ari'achuu dhaqan hundumaa bakkee lafa onaatti tokko illee utuu hin hafin billaadhaan ajjeesanii erga fixanii booddee, guutummaan Israa'el mandara Aayitti deebi'anii warra mandarattii keessa jiran hundumaas qara billaatiin in fixan.

[25] Gaafa sana dhiiraa fi dubartiin walumatti nama kuma kudha lamatu dhume, isaan kun hundinuu immoo warra Aayi turan.

[26] Iyaasuun warra mandara Aayi jiraatan hundumaa raawwatee hamma balleessutti, harka isaa isa ittiin bodee mandarattiitti qabe hin deebifanne.

[27] Namoonni Israa'el garuu akkuma dubbii isa Waaqayyo Iyaasuu abboomeetti, horii qe'ee fi wanta mandarattii keessaa booji'an duwwaa ofii isaaniitiif in fudhatan.

[28] Akkasitti Iyaasuun mandara Aayi gubee, gubataan ishees bara hundumaaf tuulame akka taa'u in godhe; kanaaf hamma har'aatti iyyuu iddoo onaa taatee hafte.

[29] Ergasii Iyaasuun mootii Aayi mukatti rarraasee, hamma galgalaatti achitti dhiise; akkuma biiftuun lixxeen immoo,“Reeffa isaa muka irraa gad buusaatii balbala karra mandarichaa duratti gataa!” jedhee isaan in abboome; kana irratti isaan tuullaa dhagaa guddisanii reeffa isaa irra tuulan; tuullaan sunis hamma har'aatti iyyuu jira.

[30] Ergasii Iyaasuun tulluu Ebaal gubbaatti iddoo itti Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'eliif aarsaa dhi'eessan in ijaare.

[31] Inni akka Museen garbichi Waaqayyoo Israa'eloota abboometti, akka macaafa seera Musee keessatti caafamettis, dhagaa hin soofaminiin, kan namni sibiila itti hin buusiniinis iddoo aarsaa in ijaare; isaan immoo isa irratti qalma gubamuu fi qalma araaraa Waaqayyoof in dhi'eessan.

[32] Yommus inni achi fuula Israa'elootaa duratti, seera Museen caafe irraa dhagoota irratti gara in galche.

[33] Sabni Israa'el guutummaatti jaarsoliin isaanii fi warri hojii geggeessan abboota firdii isaanii wajjin sanduuqicha garanaa fi garasiin Lewwoota warra luboota warra sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan dura in dhaabatan; warri galaanis warruma biyyaa wajjin akkuma Museen garbichi Waaqayyoo namoota Israa'el akka itti eebbisan duraan isaan abboometti walakkaan gara tulluu Geriiziimitti, walakkaan immoo gara tulluu Ebaalitti gara galee in ijaajje.

[34] Iyaasuun kana booddee dubbii seerichaa hundumaa, waa'ee eebbaa fi abaarsaa, macaafa seerichaa keessatti akkuma caafame hundumaatti in dubbise.

[35] Dubbii Museen abboome hundumaa keessaa, wanti Iyaasuun guutummaa waldaa Israa'elitti dubartootaa fi ijoollota, warra galaa isaan gidduu jiraatan duratti hin dubbisin hafe hin turre.

Macaafa Iyaasuu — Chapters