[1] Mukti inni lammaffaan immoo akka maatii maatii isaaniitti gosa Shimi'ooniif ba'e; dhaalli isaaniis biyya gosa Yihudaa gidduudhaa ta'e.
[2] Isaanis Bersheebaa, Shemaa, Molaadaa,
[3] Hazaar-Shu'aal, Baalaa, Azem,
[4] Eltolaad, Bet-Hul, Hormaa,
[5] Siiqlaag, Bet-Markaboot, Hazaar-Susaa,
[6] Bet-Labaa'ot, Shiruheen, mandaroota kudha sadii fi gandeen isaanii in argatan.
[7] Itti fufees Aayin, Rimoon, Taakaan, Eter, Ashaan, mandaroota afurii fi gandeen isaanii in argatan.
[8] Gandeen naannoo mandaroota kanaa hundinuu hamma Ba'alaat-Be'erii fi Raamaat isa gara mirgaatti, akka maatii maatii isaaniitti dhaala gosa Shimi'oon in ta'an.
[9] Ga'aan gosa Yihudaa waan itti baay'ateef, gosa Shimi'ooniif dhaalli isa kan isaanii keessaa in kennameef.
[10] Mukti inni sadaffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Zebulooniif ba'e; daariin dhaala isaaniis hamma Saariiditti adeema.
[11] Daariin isaanii gara lixa-biiftuutti adeemee, gara Maaraalaa dhaqee Dabesheetiin ga'ee gara dachaa laga isa fuullee Yaakne'aam jirutti bu'a.
[12] Saariidii immoo gara ba'a-biiftuutti jal'atee hamma daarii Kislot-Taaboritti adeemee, Daaberaatii fi Yaafii'aa in ga'a.
[13] Achiis darbee gara lixa-biiftuutti fufee adeemee Gaat-Heferii fi Iit-Kaaziin ga'ee, gara Rimoonaa dhaqee Ne'aahitti achi jal'ata.
[14] Achii immoo karaa gara bitaa irra naanna'ee gara Hanaaton dhufee, dachaa Yiftaa-Elitti in dhuma.
[15] Kataat, Naahaalal, Shimroon, Yiiraalaa fi Betlihem, mandaroonni kudha lamaa fi gandeen isaanii isaan kana keessa jiru.
[16] Mandaroonni kunii fi gandeen kun akka maatii maatii isaaniitti dhaala ijoollee Zebuloon.
[17] Mukti inni afuraffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Yisaakoriif ba'e.
[18] Daariin biyya isaaniis Yizre'el, Kesuloot, Shuneem,
[19] Haafara'iim, Shi'on, Anaharaat,
[20] Daaberaat, Qiishon, Ebez,
[21] Remet, En-Gaaniim, En-Hadiidii fi Bet-Phaazez;
[22] daariin kun Taabor, Shaziimaa fi Bet-Shemesh irra ba'ee Yordaanositti in dhuma; isaan kunis gandeen isaanii wajjin mandaroota kudha ja'a.
[23] Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Yisaakoriif kennaman.
[24] Mukti inni shanaffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Asheeriif ba'e.
[25] Daariin isaanii Helqaat, Haalii, Beteen, Akshaaf,
[26] Alaamelek, Amaadii fi Miishaal; karaa lixa-biiftuu hamma Qarmelii fi Shiihor-Liibnaatitti adeema.
[27] Achii ka'e immoo karaa gara ba'a-biiftuu Bet-Daagonitti jal'atee, Zebulooniin ga'ee immoo dachaa Yiftaa-Elitti gad bu'a; Bet-Emekii fi Nii'el keessa ba'ee karaa harka bitaa Kaabulitti darba.
[28] Achii immoo ka'ee Abdoon, Rehoob, Hamonii fi Qaanaa irra ba'ee hamma gara Sidoon isa guddaatti adeema.
[29] Daarichi gara Raamaatitti jal'atee gara mandara Xiiros isa masaraa qabu in ga'a; achii immoo gara Hosaahitti jal'atee Maahilaa fi Akziib keessa ba'ee galaana Mediteraaniyan ga'ee,
[30] darbees Umaa, Afeqii fi Rehoob ga'ee deebi'a; isaan kun gandeen isaanii wajjin mandaroota digdamii lama.
[31] Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Asheeriif kennaman.
[32] Mukti inni ja'affaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Niftaalemiif ba'e.
[33] Daariin isaanii Helefii hamma qilxuu isa Zaa'anaaniim jirutti adeemee, Adaamii-Neqebii fi Yaabnii'el irra ba'ee Laquumiin dhufee Yordaanositti dhuma.
[34] Daarichi gara lixa-biiftuutiin Aaznot-Taabor irra ba'ee Huqootitti in dhuma; karaa gara mirgaa Zebuloonin, karaa gara lixa-biiftuu Asheerin, karaa gara ba'a-biiftuu immoo Yordaanosin in tuqa.
[35] Mandaroonni isaanii warri masaraa qaban Ziidiim, Zer, Hamaat, Raaqaat, Keneret,
[36] Aadaamaa, Raamaa, Hazoor,
[37] Qedeesh, Edraayi, En-Hazoor,
[38] Yiroon, Migdaal-El, Horeem, Bet-Anaatii fi Bet-Shemesh; isaanis gandeen isaanii wajjin mandaroota kudha sagal.
[39] Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Niftaalemiif kennaman.
[40] Mukti inni torbaffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Daaniif ba'e.
[41] Daariin biyya isaaniis Zoraa, Eshtaa'ol, Iir-Shemesh,
[42] Sha'alaabiin, Ayalon, Iitlaa,
[43] Eloon, Tiimnaa, Eqroon,
[44] Elteqee, Giibetoon, Ba'aalaat,
[45] Yehud, Azoor Bene-Beraaq, Gaat-Rimoon,
[46] Miiyaarqon, Raaqonii fi biyya isa fuullee Yophee jiru.
[47] Garuu gosa Daanitti lafti waan dhiphateef, gara biyya Laashemitti ol ba'anii warra Laashem billaatiin rukutanii biyya isaanii isaan irraa fudhatanii keessa in taa'an; maqaa biyyichaas maqaa abbaa gosa isaaniitti“Daan” jedhanii in moggaasan.
[48] Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Daaniif kennaman.
[49] Israa'eloonni biyyicha hiranii daarii daarii itti godhanii erga fixanii booddee, Iyaasuu ilma Nuniifis immoo of gidduudhaa lafa in kennaniif.
[50] Akkuma Waaqayyo dur abboometti mandara Tiimnat-Seraa isa inni fudhachuudhaaf gaafate sana biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa kennaniif; innis achitti mandara ijaaree keessa in jiraate.
[51] Isa kana biyyichi inni Ele'azaar lubichi, Iyaasuun ilmi Nunii fi dura-buutonni sabaa akka maatii maatii isaaniitti Shiilootti fuula Waaqayyoo fi dunkaana wal ga'ii duratti muka buusanii hiran; isaan akkasitti biyyicha hiranii in fixan.