Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:24

[1] Yaabiin mootiin Hazoor kana yommuu dhaga'e, Yobaab mootii Maadonitti akkasuma immoo mootota Shimroonii fi Akshaafitti,

[2] mootota warra gara bitaa biyya gaaraa irra, Arabaayi keessa, mandara Keneroot irraa gara mirgaa, gara lixa-biiftuutiin immoo warra dachaa keessaa fi gaara Door irra jiranitti dhaamsa erge.

[3] Akkasumas Kana'aanota warra gara ba'a-biiftuu fi gara lixa-biiftuu jiranitti, biyya gaaraatti immoo Amoorotatti, Hiiwotatti, Pheriizotatti, Yibusootatti, Hiiwota warra biyya Miisphaa keessa tulluu Hermoon jala jiraatanittis dhaamsa in erge.

[4] Yommus isaan loltoota isaanii warra akka cirracha galaana qarqaraa baay'atan hundumaa, fardeenii fi konkolaattota baay'ee wajjin in ba'an.

[5] Mootonni kun hundinuu humna waraanaa isaanii walitti dabalatanii Israa'elin loluudhaaf dhufanii bishaan Merom bira in buufatan.

[6] Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Ati isaan hin sodaatin! Ani bor yowwana hunduma isaanii harka kee keessa nan buusa, akka isaan Israa'eloota duratti madaa'anii kukkufanis nan godha; fardeen isaanii morgaa kutii naafisi, konkolaattota isaaniis ibiddaan gubi!” jedhe.

[7] Kana booddee Iyaasuun loltoota isaa hundumaa wajjin dingata bishaan Merom biratti irra ba'ee isaan in rukute.

[8] Waaqayyos immoo harka warra Israa'el keessa isaan in buuse; Israa'eloonnis isaan rukutanii hamma Sidoon guddichaatti, hamma Misrefot-Maayimitti, karaa ba'a-biiftuutiin immoo hamma dachaa Miisphaatti duukaa bu'anii in ari'an; isaan keessaas nama tokko illee utuu hin hambisin hunduma isaanii in rukutan.

[9] Iyaasuun akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe; morgaa fardeen isaanii kukkutee naafisee, konkolaattota isaaniis ibiddaan in gube.

[10] Iyaasuun yeroo sana deebi'ee mandara Hazoor qabatee, mootii ishees billaadhaan in ajjeese; Hazoor dur mootummoota sana hundumaaf mataa turte.

[11] Isaan yommus warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan in ajjeesan; waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin raawwatanii in balleessan; Hazoorinis ibiddaan in guban.

[12] Iyaasuun mandaroota moototaa kanaa fi mootota kana hundumaa qabatee, akkuma Museen garbichi Waaqayyo abboomee ture billaadhaan isaan rukutee raawwatee isaan in balleesse.

[13] Warri Israa'el Hazoor isa Iyaasuun ibiddaan gube duwwaa malee, mandaroota warra iddoo warra dura diigamanii irratti ijaaraman hundumaa keessaa tokko iyyuu hin gubne.

[14] Israa'eloonni horii qe'ee, waan mandara sana keessaa booji'an hundumaa in fudhatan; garuu namoota, waan hafuura baafatu hundumaas tokko illee utuu hin hambisin billaadhaan rukutanii in balleessan.

[15] Waaqayyo Musee garbicha isaa akkuma abboome, Museen immoo Iyaasuu in abboome; Iyaasuunis wanta Waaqayyo Musee abboome hundumaa in hojjete malee, tokko illee hin hambifne.

[16] Iyaasuun yommus biyya kana hundumaa biyya gaaraa, biyya gara mirgaa hundumaa, guutummaa biyya Gooshen, biyya dachaa fi biyya Arabaayi, biyya gaaraa isa kan Israa'el dachaa isaa wajjin in fudhate.

[17] Inni tulluu Halaak isa gara Se'iiritti ol ka'uu hamma Ba'aal-Gaadi isa tulluu Hermoon jala dachaa Liibaanon keessa jirutti, mootota isaanii hundumaa booji'ee, rukutee isaan in ajjeese.

[18] Iyaasuun mootota kana hundumaa yeroo dheeraa in lole.

[19] Hiiwota warra mandara Giibe'on keessa jiraatan irraa kan hafe, mandarri Israa'elootaa wajjin nagaa buuse hin turre; Israa'eloonni hunduma isaanii lolanii in fudhatan.

[20] Akka isaan Israa'elootaa wajjin wal lolanii raawwatanii badaniif Waaqayyo mata-jabeeyyii isaan in godhe; Iyaasuun akkuma Waaqayyo Musee abboome akka isaan balleeffaman malee, oo'i akka itti hin argisiifamne in godhe.

[21] Iyaasuun yeroo sana dhaqee biyya gaaraatii, biyya Kebroonii, biyya Debiirii, biyya Aanaabii, biyya gaaraa isa kan Yihudaa hundumaatii, biyya gaaraa isa kan Israa'el hundumaatiis, Aanaaqota mandaroota isaanii wajjin raawwatee in balleesse.

[22] Warri Aanaaqotaa muraasa duwwaatu Gaazaa, Gaatii fi Ashdood keessatti hafe malee, biyya Israa'elootaa keessatti tokko illee hin hafne.

[23] Iyaasuun akkuma Waaqayyo Museetti himee ture, guutummaa biyyichaa fudhatee akka hirmaata gosa gosa isaaniitti Israa'eliif dhaala godhee in kenne; kana booddees biyyichi lola irraa aara in galfate.

Macaafa Iyaasuu — Chapters