Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:18

[1] Sabni guutummaatti Yordaanosin erga ce'ee booddee, Waaqayyo Iyaasuudhaan,

[2] “Gosoota kana keessaa adda addaan nama tokko tokko fo'adhuutii nama kudha lama dhi'eessi!

[3] Bishaan Yordaanos walakkaa iddoo miilli lubootaa ijaajjaa jiru dhagoota kudha lama fuudhaatii iddoo galgala kana bultan lafa naqaa!” jedhe.

[4] Iyaasuun yommus Israa'eloota keessaa nama tokko tokko warra gosoota keessaa fo'aman kudha lamaan sana walitti in waame.

[5] Inni isaaniin,“Sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyo gooftaa keessanii dura darbaatii, hamma bishaan Yordaanos walakkaatti adeemaa! Akka lakkoobsa gosoota ilmaan Israa'elitti tokkon tokkon keessan dhagaa tokko tokko fuudhaatii gatiittii keessanitti baadhaa!

[6] Kunis isin gidduutti akka milikkitaatti haa hojjetu! Eger bor ijoolleen keessan,“Dhagoonni kun maal isiniif godhu?” jedhanii yommuu isin gaafatan,

[7] isin immoo,“Bishaan Yordaanos utuma yaa'uutti jiruu sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyoo duraa gargar in cite; sanduuqi kakuu yommuu Yordaanosin ce'e, bishaan Yordaanos waan gargar citeef, dhagoonni kun namoota Israa'eliif bara hundumaa seenaa in ta'u” jedhanii haa himan!” jedhe.

[8] Kana irratti Israa'eloonni akkuma Iyaasuun isaan abboome in godhan; isaan akkuma Waaqayyo Iyaasuu abboome akka lakkoobsa gosoota ilmaan Israa'elitti dhagoota kudha lama bishaan Yordaanos walakkaadhaa fuudhanii baatanii iddoo buufata isaaniitti geessanii lafa in naqan.

[9] Iyaasuun immoo dhagoota kudha lama bishaan Yordaanos walakkaa lafa luboonni warri sanduuqa kakuu baatan dhaabachaa turan ol qajeelchee in dhaabe; dhagoonni kunis hamma har'aatti iyyuu achuma jiru.

[10] Dubbiin Waaqayyo sabatti himi jedhee Iyaasuu abboome hundinuu akka isa Museen Iyaasuu abboometti hamma raawwatamutti, luboonni warri sanduuqa kakuu baatan bishaan Yordaanos walakkaa in dhaabatan; sabni immoo ariitiidhaan in ce'e.

[11] Erga isaan hundinuu ce'anii raawwatanii booddee, luboonni sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyoo baatan ce'anii sabicha dura in darban.

[12] Ilmaan Ruubenii fi ilmaan Gaadi, ilmaan Minaasee isa walakkaa gosaas akkuma Museen isaan ajajetti mi'a lolaa hidhatanii Israa'eloota dura bu'anii in ce'an.

[13] Namoonni mi'a lolaa hidhatanii fuula Waaqayyoo duratti lolaaf dachaa Yerikootti ce'an akka kuma afurtamaa turan.

[14] Yeroo sana Waaqayyo guutummaa Israa'el duratti Iyaasuu nama guddaa godhe; isaan akkuma bara jireenya isaa hundumaatti Musee sodaachaa turan, isas in sodaatan.

[15] Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,

[16] “Luboonni warri sanduuqa dhuga-baatuu baatan bishaan Yordaanos keessaa akka ba'an abboomi!” jedhe.

[17] Iyaasuunis,“Bishaan Yordaanos keessaa ba'aa!” jedhee luboota in abboome.

[18] Luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan Yordaanos keessaa ba'anii miilli isaanii lafa gogaa irra yommuu ejjete, bishaan Yordaanos iddoo isaatti deebi'ee akkuma isaa durii guutee manii isaa irra in danbali'e.

[19] Yommus sabni sun ji'a isa duraa, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti laga Yordaanos keessaa ba'ee daarii Yerikoo gara ba'a-biiftuutiin mandara Giilgal in buufate.

[20] Kana booddee Iyaasuun dhagoota kudha lamaan jarri Yordaanos keessaa fuudhan ol qajeelchee Giilgal keessa in dhaabe.

[21] Inni Israa'elootaan,“Eger bor ijoolleen keessan,“Dhagoonni kun maali?” jedhanii isin abboota isaanii yommuu gaafatan,

[22] isin immoo,“Warri Israa'el Yordaanos kana lafa gogaa irra ce'an” jettanii ijoollee keessanitti in himtu.

[23] “Waaqayyo gooftaan keessan hamma nuyi ceenutti galaana diimaa fuula keenya duraa akkuma gogse akkasuma immoo hamma isin ceetanitti Yordaanosin fuula keessan duraa in gogse.

[24] Sabni warri kaan hundinuu harki Waaqayyoo jabaa ta'uu isaa akka beekaniif isinis bara hundumaa Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaataniif kana godhe” jedhaa!” jedhe.

Macaafa Iyaasuu — Chapters